Oduu Haaraya
irreechaa2016

#OromoRevolution LABSII MUDDAMAA WAYYAANEEN BAAFTE LAAMSHESSUUF

Wayyaaneen labsii sodaa maalif labsite? Akkamiin irra aanna?

Wayyaaneen lansii sodaa ( state of emergency) wanni labsiteef sababa gurguddaa sadi qaba:
1) Caasaan bulchiinsa OPDO guutumaan guututti waan laamshayeef akka dur ummata Oromoo cunqursitee bulchuufi hin dandeenye. Kanaafuu duubaan osoo hin taane kallattiidhaan bulchuuf dirqamteeti. Kana jechuun sirna bulchiinsa naannoo Oromiyaa kan amma dura itti fayyadamuuf jaarte faaydaa isaarra miidhaan waan hammaateef diiguun kallattiidhaan jiddugaleessa (center) irraa bulchuuf murteessite.

2) Tarkaanfii diinaggee ishii laamshessuuf fudhatameen maallqa biliyoona 120 ol kasaartee jirti. Maallaqni invastimantii alaa seenuu erga dhaabe tureera. Ammaa warri alaafi dureeyyiin biyyaatuu maallaqa saffisaan baafachaa jiru. Kanaafu biyyatti humna waraanaa jala galchinee tasfgabbeessuuf deemna jechuun invastaroota abdachiisuu barbaadu.

3) Labsiin kun tarkaanfii itti aananii fudhachuu hedaniif haala mijeessuf kan godhameedha. Tarkaanfiin itti aanu haalli daran hammachaa yoo deeme sirnicha baraaruuf fonqolcha waraanaa (military coup) godhuudha. Kanas waraannifi dameen tikaa wal ta’uun hoggansa siyaasaa aangorraa buusanii ofii qabachuudha. Kana ammoo waan dhoksaan godhan osoo hin taane kanuma Tigroonni wal mari’atanii bilcheessanii jirani. Jeneraala tokko ol baasu, hogganoota siyaasaa fakkeessaaf aangorraa buusanii hidhu. Bifa kanaan haleellaa humnaa hamaa fudhachuun ummata jiilchanii of jalatti deebisuu yaadu.

Kuni qabsoo ummata keenyaatiif injifannoo guddaadha. Bu’a tarsiimoo isaatis ta’uun hubatamuu qaba. Diinaggee ishee laamshessuunifi caasaa bulchiinsa OPDO diigun sirnachi mataa irratti akka afaanfajaawu godhee jira. Labsiin kun ummata keenyarraa miidhaa amma dura hin jirre wanni fidu hin jiru. Waggaa 25 wayyaaneen humnaan malee seeraan hin bulchine. ‘Command Post’ har’a dhaabne jedhan kana Oromiyaa ittiin bulchuu kan eegalan ji’a Muddee 2015 irraa eegaleeti malee haaraa miti. Inumaatuu faaydaa qaba. Faaydaan tokko shira dhoksaan ummata keenya irratti raaw’ataa turan ifatti seera baasanii addunyaatti himuun qabsoo diplomaasii keenya ni gargaara. Kan lammaffaa labsiin kun invastarootaaf abdii kennee kan tasgabbeessuu osoo hin taane kan daranuu abdii kutacheesee biyyaa baasu waan taheef tarsiimoo diinaggee ishii laamshessuu san daran gargaara.

Miidhaa isiin labsii kanaan waraana biyya keenya keessa gadi lakkiftee ummata itti miitu irra aanuudhaafi kufaatii Wayyaanee saffisiisuuf tooftaalee qabsoo amma duraa dabalatee tarkaanfilee sirna ishii laamshessu fudhachuun barbaachisa. Kanneen keessaa

1) Ummanni keenya karaa hundaan dhuunfaafi waloon hidhannoo harkatti galfachuu jabeessee itti fufuu qaba.

2) Tarkaanfiin diinaggee ishii daran laamshessuu daldala biyya alaatti erguufi galchuu ( import & export) dhaabsisuu irratti fuulleffachuu qaba.

3) Sochii waraanni ishii godhu ugguruufi diinaggees daran haleeluuf dhiheessii boba’aa ( gaazaa) alaa galu kallattii hundaan hanqisii qabna. Bootteen jaraa alaa galaa Oromiyaa keessa darbe loltoota isaaniitiif gaaza guutuu dhoowwuu barbaachisa.

Kuni akkamitti hojiirraa oolaa, qabsaa’otaaf dhiifna. Waraanaa humnaan isin caalu kallattiin dura hin dhabbatinaa. Daguu fi riphuun irraa aanaa. Isaan qawween isin caalan, isin lafaafi ummata keessan isaanirra baaktan. Qorannoo gahaa godhaa, sirritti itti qophaayaa, gaaga’ama isinirra gahu hirdhisaa, balaa diina mudatu guddisaa.
Dhugaan teessani,
Tokkummaan bobba’aa
Injiffannoon galaa!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …