Oduu Haaraya

#Oromoprotest TORONTO

no master planOromoota fi deeggratoota oromo kan magaalaa Torontoo fi Naannawaa Toronotoo, Kanaadaa keessa jiraattaniif akka mormii fi sagamtaa ibsaa ibsuu gootota Oromoo wareegaminiif ta’u irratti hirmaattan waamicha isiniif goona. Mootummaan Itoophiyaa ammas uummata Oromoo humna waraanaa fayyadamuudhaan halkanii fi guyyaa ajjeechaa, reebicha, fi hidhaa itti fufee jira. Kunis kan ta’e sababa mormii ‘’Maaster Plaanii Finfinnee’’ mormuun calqabameeni dha. ‘’Maaster Plaaniin kun buqqa’uu uummata hedduu fi lafa qotee bulaa Oromoo heektaara millioona lama ol ta’uuf fudhachuun, gosti fi sanyiin Oromoo qe’ee isaa irraa buqqa’ee aadaa fi seenaa isaa akka haqamee naannoo sanaaf badu gochuuf deema.

Nutis namoonni qophii kana irratti argamuuf deemtan akka gurraacha uffattanii fi mallatoo fi alaabaa Orommos akka qabattanii argamtan kabajaan isin gaafanna. Barattoonnis borsaa fi barullee isaanii qabattanii yoo dhuftan ijoolleen akka keessanii mirga isaanii karaa nagaan mormanii akka ajjefamaa jiran agarsiisuuf tola.

Guyyaa: December 29th, 2015

Sa’a: 1pm

Bakka: Queen’s Park

We call upon all Oromos and supporters of the Oromo diaspora in Toronto, Canada and the Greater Toronto Area (GTA) to participate in this protest/ candlelight vigil to remember all Oromo heroes and heroines and peaceful protesters. These protesters are still being met with government directed military forces whom are killing, beating, and arresting protesters for protesting against the ‘Addis Ababa (Finfinnee) Master Plan’. The ‘Addis Ababa Master Plan’ has induced loss of two million hectares of Oromo land, two million displaced Oromo farmers which also caused the disappearance of clans; indirect ethnic cleansing and all in all, has created a social and economic genocide.

We also ask everyone to come wearing black and bring your banners and flags. Also, we ask students to come with their backpacks to signify that students just like us are being killed for practicing their basic human rights.

Date: December 29th, 2015

Time: 1pm

Where: Queen’s Park

Check Also

taayyee fi abiyyi

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha …  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan …