Oduu Haaraya

OROMOOF OROMIYAA JIJJIIRUUF ANIS BA’UUN QABA GA’EE MATAA KOO KUTAA TOKKOFFAA

 

1. YEROO BIRAAS HIN EEGU OFIS HIN TUFFADHU

Namni waanuma qabu irraa haga murtaa’e tokko namoota biroof qoode, duyina hin jedhamuu

jedha oromoon yeroo mammaku. Marti keenyas waa mara madaallin yookiin wal bira qabiinsaan

ilaalla. Fakkeenyaaf, qabeenyaaf barnoota qabnu yeroo hedduu kan abbootii qabeenyaaf hayyota

addunyaa kana irra turaniif amma jiraniin wal cina qabnee ilaalla yookiin ibsina. Kanarraa

ka’uunis, kiyya xiqqoodha jennee tilmaamnee hiyyeessotaaf wallaalota keessatti of lakkoofna.

Kunis gaarummaa qabaatullee akka ilaalcha kootti dhiibbaa guddaas ni qaba. Fakkeenyaaf,

namoonni tokko tokko ani hiyyeessas wallaalaadhas jechuun jijjiirama ofiifis ta’e lammiif

hawwan argamsiisuu irratti hirmaachuu irraa duubatti kan of deebisan baay’inaan ni mul’atu.

Anis namoota akkasii keessaa tokko ta’uu koo ofan shakka. Mee ati kan barruu xiqqoo kana

dubbisaa jirtu, akkamitti of ilaalta? Maalumaafuu yaada keef furmaata isaa barruun nuuf qooduu

yaali!

Dabalataanis, HUNDUMTUU YEROO QABA jennee obsaa kan turru yoo ta’e kun obsa osoo

hin taane sodaa natti fakkaata. kanaaf waan jijjiirama hawwinu argamsiisuuf sababa ni ta’a

jennee yaanne kamiinuu guyyaa biroo qofa itti eeguu osoo hin taane, guyyuma har’aa yoo

xiqqaate irraa eegaluu qabna. Guyyaan har’aa kun yeroo nuuf kennamte keessaa tokko kan

taateef kan bakka bu’iinsa hin qabne ta’uu ishii hubachuun barbaachisaadha.

Gabaan waan baateef daldalti jedhama waan ta’eef, dimshaashumaatti dhaamsi (ergaan) kiyya

yaa saba koo ofis ta’e waan of harkaa qabnu (qabeenyas ta’e barnoota ykn hubannoo) tuffannee

jijjiirama dhuunfaa keenyaafis ta’e saba oromoo maraaf hawwinu argamsiisuuf, namoota biroof

yeroo biraa itti eeguun sirrii miti yookiin dogoggora guddaa ta’uu isaan isin hubachiisuu

barbaada.

.

Barreessaan: Abduselam Mohammed (Hojii: Barsiisaa yuniversitii)

Haga kutaa lammaffaa mata dureen isaa HAYYOOTAA FI BARNOOTA (HUBANNOO)

jedhuun walitti deebinutti nagaan turaa.

HORAA BULAA!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

One comment

  1. Barruu kana katabee galmee seenaa irra kayachuun kiyya hedduu na boonse. Nama itti fufu na has taasisu!