Oduu Haaraya

“Oromoo Bulchiinsa Naannoo Hararii Jala Jiru Maal Gochuu Qaba?

“Duraan dursee harariin akka naannoo tokkootti ijaaramuu hin qabdu. Heera biyyaa Itiyoophiyaa cabsuun hundeeffamte. Harariin maallaqa miiliyoona hedduufi dhalaashii gaggeessitoota Tigreef kennuun akka naannootti dhaabbatte. Itti yaadame Saamooraafi Mallasi akka Oromiyaan ciccitu taasisuuf raawwatan. Biyya lafaaratti waan yaadamuu hin dandeenyetu raawwate.

“Lakkoofsi sab lammiilee naannoo Hararii keessaa jiran Oromoo xiqqeesanille ammas (56.41%) kanaan dursaa jira.

Oromo 56.41%
Amaara 22.77%
Hararii 8.65%
Guraagee 4.34%
Somaaleen 3.87%
Tigray 1.53%
yoo ta’u akkamitti %60 gara %8 jala gala? 1/8’tiif kennamuun waan dinqiiti. Waanta wal madaaluu hin dandeenyetu Oromoo (56.41%)fi Hararii (8.65%)tu dhiibbaa suukanneessaan bitaa jira. Maqaa yemmuu tolchan Heerrii waliin qixxeetti gaggeessu jedha.
Heeraafi seeroonni Liigii Biyyoolessa Harariifi DhDUO waliin bulchu jedhu keessaatti ji’a sadiin dura waajiraalee addaaddaa naannoo Hararii jiran keessatti kan armaan gadii fakkaata. Teessoo mana marii naannoo 36 keessa lachuu 18 wal qixa qabu. Oromoo (56.41%)fi Harariin (8.65%). Biiroolee gurguddoo 8 naancha keessa jiran keessa 4 LBH kophaa bulchiti. DhDUO sadarkaa abbaa adeemsa hojiittilee ga’e takka hin qaban. Isaanis: 1. B/M/Magaala, 2. B/M/Maallaqaa, 3. B/Barnootaafi 4. B/Aadaafi Turizimiti.
Biiroolee 3 DhDUO fi LBH waliin bulchan. Yemmuu inni tokko itti gaafatama biiroo yoo ta’e, inni kaan immoo itti aanaa biiroo ta’uun gaggeeffaman keessaa:- 1. B/Fayyaa , 2 .B/ Haqaa fi nageenya fi 3. B/Sivil sarvisii dha. Kan nama dinquu Biiroo takka (1) B/Qonnaati qofa DhDUO kophaa hooggana.
Naancha keessaa koree hojii rawwachiiftuu 7 jiru hundii isaani 7-LBH keessa filaman. Gorsaa 4 jiran keessaa hundi 4-LBH dha. 1. gorsaa dhimma diinagdee, 2. gorsaa dhimma seeraa, 3. gorsaa dhimma misooma magaalaafi koomnkeeshiiniifi 4. gorsaa dhimma misooma qonnaati. Waajjira dhimma kaabiinee, qindeessa kaabinee, qindeessa bulchiinsa ummataa fi odeeyfannoo kanan wal qabatuu hunda LBHti hogganaa.
Akka naannoo harariitti komishiini 4tu jira. Isaan hunda LBHtiin hoogganamu. Isaanis:- 1. k/poolisii, 2. k/mana sirreessaa, 3. k/farra malamaltummaa, 4. k/ispoortiiti.
Dhaabbata sabqunnamti-abba adeemsa 5jira. Hundasaanii LBH hogganamu. Komnikeeshiinii naannoo lachuu LBH tiin hoogganamu.
Abbaa taytaa 5’ttu naancha keessa jira. Lamaan isaanii DhDUOn yemmuu hoogganaman, 3 ammoo LBH hogganamu Isaanis:-1. Odiit 2. Eeguumsa naannoo, 3. Galii, 4. Dandiwwaaniifi 5. Bishaaniifi dhangala’oota.
Manni murtii sadarkaa 1ffaa irraa jalqabe hanga mana murtii waligalatti LBHtiin hogganama. Akka naannoo harariitti waajjiroota gara 20tu jiran keessa 16+LBH tiin hogganamu. Kanneen hafan 4 DhDUOtiin hogganamu.
Akka walii galaatti Ejensii gara 10 tu naannoo hararii keessa jiran keessa 8 LBHtiin hogganamu. Kan hafan 2 immoo DhDUOtiin hogganamu. Kaabinee Aanaa akka naannoo harariitti aanaa 9ttu jira. Kana keessa 5 LBHti bulcha fi 4 DhDUOtu bulcha. Sadarkaa aanaatti Kaabinee 31 jira. 16 LBHti fi 15 DhDUO gaggeeffamu.

“Rakkoon suukanneessaa Oromoota naannoo Hararii keessaa jiraataniirra gahaa kan jiran hanqina heeraafi seera akka ta’etti ilaaluun dogongora guddaadha. Yaanni namoota hedduu fooyya’insa heeraa naannoo Hararii keessaatti sabni keenya hirmaachuun faayidaasaa eegsifachuu qaba jechaa jiru. Yaadaa qajeelaa ta’uu danda’a. Rakkoon suukanneessaa saba keenyarraa kan gahe hanqina heeraarraa madde yaada jedhu qabachuun sirrii hinfakkaatu. Heerrii naannichaa “Biyyoolessa Hararii fi DhDUO Waliin Bulchuu” jedha. Oromoo (56.41%)fi Harariin (8.65%). Osoo Heerri, seeronniifi dambiin duraan jiran keessaa hangi xiqqoo hojiitti jijjiiramanii balaan sukanneessa hawaasa keenya hin nyaatu ture. Dhiibbaan suukanneessaa hawaasa keenyarra gahe itti yaadamee, karooran kan dalagameedha malee, dogoggoraan kan dalagamee miti. Kana kan nama jechisiisu gocha waggoottan 27 darba keessaatti raawwataman kan armaan gadii akka fakkeenyaatti ilaaluun gahaadha.

“Maqaa shororkeessaan Oromoota hedduu tikee Tigree waliin ta’uun dhabamsiisaniiru,
Maqaa waliin daldallaafi daldaaltoota Oromoo xiqqoo, Oromoo abbaa qabeenya ta’an Hararii hanga finfinnee ijaarsaa icciitiitiin ajeesanii qarshiisaanii saamaniiru. fkk. umma Hotel (Zuuber) fudhachuu ni danda’ama, Oromoo waliin daldalan mana isaatti waamee ajjeese.

“Hawaasa keenyaa carra diinagdee kamirraa qoqqobuun sablammii bicuu waliin ta’uun exportif import namoota taasisan rukuchiisuu turaniiru fkn (Bunaafi jimaa magaalaa hararii, dirree dawaafi hanga finfinneetti)
Harka lafa jalaan Abdillee waliin ta’uun duula saba Oromorratti gaggeessaa turaniiru. FKf yemmuu babbilen sagalee riifrendamii gaggeeffamu manguddoonnifi dargaggoonni Hararii magaalaa baabbilee keessa naannahanii akka sagaleen somaaleef kennamuu qarshii kaffalaa turan. Somaaleefi Harariin karaa baabbileefi faadisi wal daangessuu qaba jechaa turan. Kaartichas bocanii baasanii dubbiin ta’uu dinnaan callisan
‘Tretment’ tokkoon ala, balfaa magaala Hararii bahu uummata Oromoorratti dhangalaasuu dhibee addaaddaan duguuggaa sanyii raawwachaa turaniiru,
Karoora waggaa 40’tiin uumata Oromoo lafa naannoo Hararii macaasuun silxee, Tigree, … walin qabachuuf karooraan socho’aa jiru,
Lafa saba Oromoo buqqisanirraatti hararii biyyoota hundaa keessa jaraatiniif bakka sadii ol kenna turaniiru,
Duri hawaassi lamaan Harariifi Oromoon kan waliin jiraatan geeddaruun, dhiirriifi dubartiin hararii akka Oromoo waliin gaa’ila kamuu hin godhanne tumuudhaan gara silxeefi Argobbaa, Tigreetti jijjiiraniiru,
Carraa argatanii hundatti faayyadamuun maqaa lafaa Afaan Oromorraa gara Afaan Hararitti geeddaraniiruu,
Yeroo gara yerootti humna qarshiitiin lakkoofsa Oromoo hiri’isuun sab-lammii biraaf qoodaa turaniiru. Lakkofsaa uummataa bara duraa gaggeeffame booda lakkoofsi Oromoo gad bu’aa deemaa jira. Yoo dhugaan jiraate sabni Oromoo qaama bilisa ta’een haa lakkaa’amu,
Bajaanni waggoottan 27 keessaa naannoo harariif kenname keessaa gandoota baadiyyaa bakkee Oromoon itti jiraatuu misoomaaf oole hin jiru,
Yemmuu filannoofi lakkoofsi uummataa gaggeeffamu sabni Hararii biyyoota jiran hundarraa deemuun hararitti hirmaatu. Bakka tokko tokkotti dhalataan Hararii tokko waraqa filannoo sadii hanga afurii fudhachuun yakka raawwachaa turaniiru.
Oromoo akka I/A/Peresedaatiitti naannoo Harariiti muudameefi hooggantoota murtaa’an human maallaqaafi shamarraniin bitaa turuufi kkf kaasuun barbaachisaadha.

“Kanaafuu, sabni keenya fooyya’iinsaa heera hararii dhiifnee, filannoo jiran hundaa duguugee itti fayyadamuu qaba malee akkuma durii humnaan waanjoo garbummaa baachuu hin qabu. Filannoo jiran keessaa:-Sagalee rifrendemii gaggeeffamuun dirqama ta’a. Heerri biyyitti (Itiyoophiyaa) osoo hin tuqamiin sagaleen rifreendamii Hararii waliin jiraachuufi dhiisuu murtaa’uu qaba. DhDUOn gaggeessitoota marii kanaaf ergan hubannoo kana qabaachuu qabu. Yoo riifreendemiin gaggeeffame lafti Jogoliifi lafa murtaa’ee qofaatu hafa. Fkf:-

“Uumman Oromoo Ammaarreessa hanga aratanya,
Fadisii hanga galma shiraa ykn Istaadiyoomu Abdullaahii ,
Dirree xiyaaraa hanga m/baruumsa Madaan’almiitti,
Yererii hanga daangaa Dekaritti kennuun gaaffii tokko malee gara Oromiyaatti deeb’uuf mirga guutuu qabu.

“Akka barbaachisumaasaatti ilaaluun Jogolii alatti magaala guutuu akka sagaalee kennu taasisuun lafa Oromoo deebsuudha.
Sablamii bicuu faayidaa Harariin walitti hidhataniin alatti hacuuccaa cimaa Harariin gaggeessitu jibbeetu jira. Carraan jiru gabrummaa Hararii jalaa bahuudha.

“Filannoon Dhumaa kun Maaliif barbaachisee?

“Adareefi sablammii bicuu saammitii diinagdee waggoottaan 27 darban waliin hawaassi Oromoo Hararii keessa jiraatan carraan itti dorgoman hin jiru. Hojmaata jajallaa halkan Omishuun duguuggaa sabaaafi lafa keenyarratti akeekamurraa maqisuuf,
Lammii roorrisa Hararii jalatti kufee gara lammiisaatti deebsuun tokkummaa saba Oromoo eeguuf,
Babal’ifannaa lafa Hararii bakka jirutti jaamsuun lafa saamame deebisuun hawaasa Oromootti galchuuf,
Lafa gabaa hundaa magaala ala taasisuun magaala harawaa uumuun dirree xiyaaraa, Ammaarreessaa, Faadisi guddisuun galii sabchaa diinagdeen cimsuuf,
Kontirobaandii karaa hundaan galu to’achuun magaalaa Hararii Omshaa balfaa qofa taasisuuf,
Leecalloo konstraakishiiniif oolan dhakaa, cirracha, xaxarii, biyyee diimaa oomshaman hunda to’chuun hojii dargaggoof babal’isuuf,
Bishaaniifi ibsaa magaalaa hararii deeman to’achuunbaadiyyaafi magaalaa haarawaa uumamaniif qooduuf,
Jimaa, Omsha midhaanii, horii foonii, kuduraafi muduraa…fi kkf dhiyeessii to’chuun galii sabchaa guddisuuf
Yeroo murtaa’een booddee magaalaan Hararii jogoliin ala kan jiran hundii gara Oromiyyaati fedhiidhaan deebsuufi…kkf gargaara.

“Rakkoo Fiduu Danda’u:

“Haala siyaasa amma jirurratti ololli heeraatu diigamee jedhutu ka’a,
Harariin har’asa saba keenyaaf hinciifne humna maallaqaan duula bantee deebii cimaa ta’a,
Sab lammiin kaan lafa Oromoo saamtee fottoqte Oromoo dararaa jiran maaltu akka eeggatu baruun mirga Oromoo ni kabajama,
Dhugaan Heerri biyyitti hojii eegala
Hawaasa Oromoo diinagdee keessaatti hirmaachisuun fayyadamoo taasisuu.”

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ka dhugaan saba isaaf qabsaayu if jaaraa jira, Sobduun maqaa qabsootin gandarra yaate seena odeessiti

Related

Yaada kanaaf deebisaa kenni