Oduu Haaraya

“Oromo First akkamitti calqabe? Maalirraa madde? Eessaa ka’ee eessa gahe? Har’a eessa jira? Boru hoo maal ta’uuf deema?

“O R O M O   F I R S T”

Berhanu Hundee

Kutaa Afraffaa

OROMO FIRST (DURA OROMOO)n EGEREEN ISAA MAAL TA’UUF DEEMA?

Barreeffam kutaa sadaffaa keessatti, dhimmi Itoophiyummaa calaqqisu dursa argachuun ykn Itoophiyaaf dursa kennuun Oromummaarratti dhiibbaa fiduu akka danda’an waan tokko tokko kaasuu yaaleen ture. Dhimmoota “Dura Oromoo” wajiin walqabatanii fi ijoo ta’anis akka fakkeenyaatti tuttuquu yaaleen ture. Barreeffama kutaa kanaa keessatti, Oromo First ykn Dura Oromoon egereen isaa maal ta’uuf akka deemu yaada koo ibsuun yaala.

Duraan dursee garuu, waan tokko dubbistoota barreeffama kiyyaatiif ifa godhuun barbaada. Ammas irra deebi’uudhaaf, ani akka nama tokkootitti Itoophiyaarraa rakkoo hin qabu. Biyyattii tanarra hammeenyi ykn badiin akka gahu hawwaa hin jiru. Ani kanan jechaa jiru Itoophiyaa Oromoof taatu ijaaruun akka nuti salphaadhumatti yaadnu hin ta’u; biyyattiin tun akkuma seenaa ishii fi amala ishiitittuu yoo laalle, jijjiiramtee saboota/uummattoota hundaafuu haadha dhugaa ta’uu danda’uu ishiitu gaafii guddaa natti ta’a.  

Yaaddoo fi shakkiin kiyya akkuma jiranitti ta’anii, gara ijoo dubbiitti jechuun waayee “Dura Oromoo”tti yoon deebi’u, akka haala amma keessa jirruutitti, Dura Oromoo duubatti dhiisnee itoophiyummaadhaaf dursa kan kenninu yoo ta’e; gaafiin uummata Oromoo guutumaa guutuutti deebii osoo hin argatin  jijjiirama siyaasaa yookaan imaammataa (political and policy reforms) biyyattii sana keessatti goonee biyyatti tana ni jijjiirra yoo jenne, Oromoo fi Oromiyaadhaaf bu’aa argamurra dhiibba balaa fiduu danda’utu uumama jedheen amana. Dhimma kana tokko tokkoon ibsuun yaala. Mee dura, akka haala amma keessa jirruutitti yoon jedhu maal jechuu kooti?

Tokkoffaa, sochii uummata Oromoo biyya keessatti cimaa jirutu hamilee nutti horee, nu onnachiisee, isa kana abdannee biyyattii sana keessatti jijjiirama Oromoof ta’u ykn tolu amma fiduu ni dandeenya jenna malee, dhugumatti humna keenya fi tokkummaa keenya hubannoo keessa waan galchine natti hin fakkaatu. Maal jechuu dha?

  1. Tokkumma yoon jedhu tokkummaa uummata bal’aa Oromoo gaafii keessa galchaa hin jiru. Tokkummaa yoon jedhu tokkummaa kaayyoo fi galii keenyaa jechuu kooti. Har’a humnootni siyaasaa Oromoo jabaatanis laafanis; biyya keessas ta’ee biyya alaa jiraatanis ilaalcha fi kaayyoo akkasuma galii adda addaa qabatanii jiru. Hundi isaaniituu kaayyoo fi galii tokko qabaachuu baatanille, xinnaatee yoo xinnaate, waliin mormuu dhiisanii waan waloo tokkorratti waliin hojjetanii; mooraa Oromoo humneessuu waan danda’an natti hin fakkaatu. Kuun kana wayya yoo jedhan kan biroo immoo sana wayya jedhu. Waliin mormuun kun immoo diinaaf qaawwa uuma; egeree keenyafillee gaaga’ama ta’uu mala.
  2. Har’a Sabboonummaan Oromoo yoomiyyuu caalaa sadarkaa guddaarra akka gahe waan nama shakisiisuu miti. Oromummaanis dagaagaa akka dhufe mamii hin qabu. Haa ta’u malee, Oromummaa fi Sabboonummaan guddatanillee Oromoota hundaa hin hammatne. Warri Oromummaa hin hubatin fi Sabboonummaa hin qabne baay’eetu jiru. Isaan akkanaa kun immoo salphaadumatti waa hundaafuu saaxilamuu fi diinaaf meeshaa ta’uu danda’u. Rakkoo akkanaa hanbisuu kan dandeenyu “Dura Oromoo”f dursa yoo kennine fi xiyyeffannaa cimaa keessa yoo galchine qofaa dha. Yoo kana hin taane; yoo akkuma amma jirrutti Dura Oromoo duubatti dhiisnee itoophiyummaa dursine, warra akkanaa kanaaf al-kallattiidhaan karaa saaqna; caalaatti isaan onnachiisna. “Inkuwaanish zanboobish diroom xeezaa nash” jedhuu mitii Jarri??!!

Lammaffaa, hanguma fedhe sochiin uummata Oromoo cimee wabii ta’uu danda’ullee, haala amma keessa jirru waliin walqabsiisnee yoo laalle, biyyatti sana keessatti jijjiirama siyaasaa fi imaammataatiin madaa fayisuun hin danda’amu. Kan jallates qajeelchuun rakkisaa ta’a. Keessumaayyuu, sirna amma jiru kana fooyyessinee biyyattii sana haaraa ijaaruun ni danda’ama kan jedhurraa gonkumaa ani abdii hin qabau. Wanni jarjaraan ta’us hundee hin qabaatu. Kanaafuu dhimma akanaarratti xiyyeeffachuun Oromummaa gaaga’ama guddaa keessa galcha. Oromummaan gaaga’ama keessa gale jechuun immoo egereen Oromoo fi Oromiyaa gaarii hin ta’u.

Sadaffaa, akkuma argamaa fi hubatamaa jiru, yoo qabsoon bilisummaa Oromoo cimaa deemtu fi waayeen Oromummaa ifatti bahaa deemu, warri Oromoo ta’anii dhalatan garuu of wallaalanii jiran; ofbaraa deemanii ofqorachuu fi Oromummaa iyyaafachuu calqabu, Kanaaf immoo fakkeenyota baay’ee kaasuun ni danda’ama. Haa ta’u malee, yeroo wanti akkanaa mumul’achaa jirutti Dura Oromoo dhiisnee, Itoophiyummaaf yoo dursa kenninu, warri duraanuu eenyummaa ofii dagatanii; Itoophiyummaadhaan boonaa turan sun nutti osso hin dhufne bakkuma jiranitti hafu; caalaatti Itoophiyummaa sana calaqqisaa deemu jechuu dha. Kun Oromummaatti gufuu ta’a. Tokkummaa Oromoo laaffisuu danda’a.

Afraffaa, dhaadannoo “Diinni diina kiyyaa fira kiyya” jedhuun alagaa waliin tumsa uumuuf jennee, waayee Oromummaa kan dagannu yoo ta’e jechuun “Dura Oromoo”n yoo dagatame, waliigaltee booda godhamuuf deemu keessatti haaldureen nuti hin eegne nu qunnamuu danda’a. Mee fakkeenya haa fudhannu: Akkuma beekamu yeroo ammaa waayeen “OROMARA” cimee haasa’amaa jira. Irratti hojjetamaa jiras ta’a?? Waliigalteen uummattootaa yeroo fedheeyyuu bakkee fedhettuu barbaachisaa fi murteessaa dha. Haa ta’u malee, biyyattii Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti kan egeree keenya murteessan waliigaltee sabootaa/uummattootaa qofaa miti. Humnoota siyaasaa achi keessatti gahee taphatanii dha. Kanaafuu humnootni siyaasaa Oromoo osoo walii hin galle, waliigaltee alaa (external agreement) tokkorra gahuun, Oromummaa miidhuu danda’a.

Shanaffaa, dhimmi “Dura Oromoo” osso hin bilchaatin; waliigalteen Oromoo hundaa hammatu osoo hin jiraatin; karaa adda addaa demuun; haala akkanaa kana keessatti immoo Itoophiummaaf dursa kennuun Oromoo fi Oromiyaan rakkoo biraa kan hin yaadamin fi eegamin keessa galuu danda’u. Kanaafuu, dhaadannoon Oromo First jedhu sababa malee miti jechuu dha.

Egaa, waayeen Itoophiyummaa fi/ykn Itoopiyaa dursuu kun Dura Oromoo (Oromoo First) suuta suuta dhiibaa moggaatti baasee; sababa kanaan Oromummaa gaaga’ama keessa galchuu akka danda’u qabxiilee armaan olii kanarraa waa xiqqoo hubachuun ni danda’ama jedheen yaada. Oromo First egreen isa maal ta’uuf akka deemu asirraa hubachuun ni danda’ama jedheen abdadhas.

Dhumarratti, mee haa jennuu, akkuma jedhamaa jiru Oromoon Itoophiyaa tana ijaaree jiraachisu qaba ni danda’as kan jedhu yoo fudhanne, gaafiilee: “Itoophiyaa akkamiitu ijaaramtee Oromoof ta’uu dandeessi? Itoopiyaan haaraa ijaaramtu tun gaafiilee Oromoo hundaa deebisuu dandeessii? Nagaa fi tasgabbiin xumuraa keessatti mirkanaa’uu ni danda’aa? Dhugumatti humnootni siyaasaa biyyattii sanaa hunduu kanarratti waliigaluu danda’uu? fi k.k.f. haa laallu. Gaafii inni guddaan garuu: Yaalii akkanaa kana keessatti furmaatni xumuraa (lasting solution) argamuu ni danda’a moo ammas asii fi achi osoo jennuu carraan biraa yeroo SADAFFAADHAAF nu dabruuf deemaa?? Barreeffama Kutaa Shanaffaa keessatti yaada koo qabadheen dhiyaadha.

Hanga walitti deebinutti nagaatti.

Ulfaadhaa!  

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

ETHIOMANIA:THE HOOLIGANS WITHIN OROMIA

Part I   By Odaa Hora   The recent sadistic act committed by the hooligans …

Yaada kanaaf deebisaa kenni