Oduu Haaraya

OROMIYAAN KAN KABAJAMTU YOO DAANGAAN ISII KABAJAME QOFA !

(Saphaloo Kadiir)

Oromiyaa jechuun kutaa qama tokkooti, foon lafee qama tokko uwwisee jiruu dha. Akkuma qaama nama tokkorraa kutaan tokko yoo hir’ate qama miidhamaa tahu, Oromiyaa irraallee gandi hir’atu tokko Oromiyaa uunkaaf buxa dhoorkuu daran eenyummaan saba guddaa kunilleen maxaxaa deema. Hanga arraatuu tooftaa adda addaatiin lafti Oromiyaa irraa mogalamtee naannoolee biraatti moggaafamtee yookaa maqaa addaa qabattee Oromoo harkaa baatee jirtu gowwaa ulee isuma harkaa fuudhanii ittiin dhaanan nu gootee jirti. Arra kutaa Oromiyaa kan dhaloonni ammaa kun maqaa dhaga’uu malee eessa akka taatellee hin beekne jiraachuullee dagachuu nun barbaachisu. Kutaa kudha tokkoo Oromiyaa keessa “Waambaraan” jiraachuu kan gurraan dhaga’ee hin beeknelleen akka jiruus dagachuu nun barbaachisu. Lafti Oromiyaa tan akka Jijjigaa, Adaree, Dirree Dhawaa, Kafaa, Walloo, Raayyaa fi Asaboot, Asoosaa fi kkf yoo kaafnelaalle ilmaan Oromootiif tola ooluu caalaa ibidda shanacha miilaa taatee irra dhaabbachuu fi irra gad taa’uuf illee waakkachaafi akka jirtu beekkamaa dha. Lafa tanneen malee Oromiyaan guutuudha jannee yaamuun akka hin danda’amne beekkamaa dha. Lafa tana deebifachuufiis gatii guddaa, wareegama hadhaawwaa akka nu kafalchiisuus yoo jaamaa taate malee tilmaamuun hin rakkisu. Dhaloonni ammaa qeerroon kana waan hubateef lafti Oromoo tan ammaan dura kutamte gaaf-tokko itti deebina, amma booda ammoo lafti Oromiyaa taakkuun takka hin muramtu jechuun dhiiga isaaniitiin eewalachaa jiran. Shirri Finfinnee fi naannawa isiitti xaxamee ture, dhaloonni qarri ammaa kun bakka takkaa ka’uun warraaqsa finiinsanii yeroof illee taatu diina handhura Oromiyaa garaa waliin mogoluuf habalee shiraa qarate harkaa doomsan. Baha, lixa, Kaaba, kibba fi jiddu gala Oromiyaa mara keessaa dhaadannoon “Burraayyuun teenya, laga xaafoon, sabbataan, finfinneen teenya, tan Oromooti!’ jechuun adda isaanii rasaasaaf kennanii wareegama qaalii lubbuu itti kafalaa turan. Shawaan tan Tuulamaati hin janne, hin ja’aniis.

Baroota lamaan dabran kana gamtaan maal akka tahe hubachuu daran gatiin gamtaaf laatamtu yeroo biraa caalaa kan itti mirkanaa’ee dha. Diinni oromoof rafee hin beeku. Diina hoggaa jannu gariis amba akka jechuutti akka na duraa hin hiikkanne. Diinni lamaanuu keessa, firaa fi amba keessaas ni jira. Gaafa ilmaan Oromoo Oromiyaa guutuu keessaa irree gamtaatiin akka leencaa bookkisanii gulantaa shiraa tan duraan diinaa fi jallaan keenya oromoo jiddutti habaqaalan buqqisan sanittillee shiroonni tokko tokko kan oromoo walitti hammeessuu akka ture beekkamaa dha. Irree gamtummaa Oromootu irra qajiloomee micciiree harkaa bahe malee gaadiin hin fooyamin hin turre. Sababni guddaan yeroo san irreen qeerroo Oromoo humna cimaa horachuun shiroota yaraa warri alagaa fi keenya mataa dhagaan sharraban bu’aa galmeessuu dadhabeef, kan duraa sabboonummaan Oromoo baayyee guddachuu isaa, kan biraa osoo habaqaaltoonni shanyii shiraa kanneen hin bayyanatin warraaqsi Oromoo walakkaa gahuu isaa fi ilaalchoonni kaleessa qabsoo Oromoo addaan dhifaa, gamtaa ummata Oromoos addaan sharafaa ture san dulloomuu isaatii fi kan biroos danuu tarreessuun ni danda’ama. Dhimma kana kaasuun koo waa malee miti. Akkuma beekkamu shira waggoota dhibbaa oliif Oromoota daangaa Oromiyaa irra jiraatan waxalaa tureetu amma ol bahee qalbii quuqamtoota hundaa raasuu jalqabe. Ilmaan Oromoon quuqamaa fi qoma waliif dhawachuu, lafaa fi lafee ifiitiif akkanatti hadooduun hedduu hedduu gaarii dha. Tarkaanfii akkanaatu ilmaan abbaa tokkoo irraa barbaachisa. Dur irraa quuqamaa fi onnata akkanaa dhabuutu hanga arraa waaroo gabrummaa hamtuu jalatti sabni guddaan gombifamee ganam-barii akka dhiiga booyu dirqisiise. Gaafa dura sirni nafxanyootaa Oromiyaa koloneeffachuuf sochii jalqaban irree jaraa hiilchee, kan gurmuu oromoo iilchee capha salphinaatiif isaan saaxile guddaan walitti dirmachuu dhabuu isaaniiti. Gaafa Oromoota Walloo, Raayyaa fi Asaboot cabsan Maccaa f Tuulama dirmachuu dhabuu, gaafa Maccaa fi Tuulama caphsan sikkoo fi Mando, Sabboo fi Goona dirmachuu dhabuu, gaafa Sikkoof Mando Cabsan Ituu fi Afran Qallo dirmachuu dhabuu, gaafa Ituu fi Afran Qallo caphu eenyuu dirmataree? Kan dirri dirmammaawee fi kan diramee darrate dirmachuufuu ‘buruja’ hin qabu. Oromoon akkasitti kunoo baroota kana mara waliif dirmachuu dhabaaf darara gabrummaatiin dirmammaawaa hanga ammaa jira. (Jaarraa diigdamii meeqaffaa keessa jirra amma?) Bara sanyiin gabrummaa fuula addunyaa irraa akka ‘dinosaur’ (Wahii – afaan oromootiin) irraa dhabamtee jirtutti tanattillee akka sanyii gabrummaatti hagaay goonu nu taasise. Hubadhaa! Oromoon yeroo san wal jibbee, wal dagatee osoo hin taane qubsuma lafaatiin hanguma wal irraa fagaachaa deemeen odeeffannoon akka arraa kana qabaachuu dhabuu fi kan akka Goobanaa Dacee faaniis akkuma Lammaa Magarsaa kan ammaa kanatti dabballoota diinaa tahanii ummatarratti dalaguuniis sababa tokko akka tahe dagatamuu hin qabu.

Arra gaa shirri san hundi caphee Oromoon gamtaan lafaa ol kaatee walabummaa fi bilisummaa mataa isiis gonfachuuf kutannaan shirri bakkayyuu haareyatti hammaachaa dhufe. Kanuma keessa ammaas jallaan keenyaas hogoggorsaa fudhatee yoo batachu arkaa jirra. Akkuma irra deddeebinee jenne, shirri adda addaa naannoo daangaa Oromiyaatti dur irraa akka uumamaa ture ni beekna. Haa tahuu malee wal dha’iinsi duraan Oromoo fi Ollaa isaa jiddutti uumamu kan akka baroota lameen dabran kana hammaate hin jiru. Dhugumatti dur irraa shirri turullee kan akka baranaa haalaan adda taheen Oromoota naannoo daangaa irratti qindaawee gaggeeffamaa jiru hin turre. Hammaachuun isaa sababa gahaa qaba. Gama tokkoon gadaameessaa qabsoo Oromoo guutumatti masheensuuf if shukkuumaa jiraachuu mootummaa wayyaanee yoo tahu, Labsii yeroo muddamaa bahuun eega komaandi poostii ijaare booda duula meeshaa hiikkachiisuu sirritti irratti hojjatee jira. Gama biraatiin weerarri liyyuu poolisii bakkoota daangaa oromiyaa horsiifatee bultoota tahan irratti gar malee kan xiyyeeffatuu dha. Mootummaan wayyaanee duruma irraa bakki ifirraa sodaatu guddaan naannoo horsiisee bulaan Oromoo jiru kana. Sababniis horsiisee bultoonni hidhannoo waan qaban qofaaf osoo hin taane humniti biraa isaan kana keessaan hulluuyxee na seenti kan ja’uus waan firraa shakkuuf. Kanaaf liyyuu poolisii kanneen gama tokkoon waardiyaa godhachuu Oromiyatti bobbaasa. Gama kaaniin akkuma Dargiin gaafa kufaaf ka’e baha Oromiyaa tana irratti xiyyeeffachaa ture, wayyaaneeniis shakkii guddaa waan qabduuf naannoo ifirraa shakkaa jiraattu tana qulqulleessuu madditti ummata oromoo murruq gootee nagaya waaraa silaa kajeeltu san arkachuuf kaaniis lafa tanarraa buqqaasuu akka furmaataa godhatte itti ejjiti. Kanaaf rakkoon kun kan duraa irra hedduu hammaatee jira. Eega rakkoon kana tahuu beeknee ilmaan Oromiyaa maal godhuu qabnaree? Gaafiin jattuuf ani akka mataa kiyyaatti yoon tarreessu:

1) Ummanni oromoo kan daangaa Oromiyaa irra jiraatu kun duruma irraa waraana jajjabaa dha. Garuu sababni amma akkuma ijaan agarru san liyyuu poolisiin soda malee deemtee ummata Oromoo akka barbaaddetti dhiittu kun wayyaaneen Oromoo naannoo daangaa jiran guutumatti hidhannoo isaan beeyladaa isaanii irraa diina ittiin dhoorkatanillee waan irraa guureef ummanni keenya akka luuynaatti qee’ee isaatti tumamaa jira. Kanaaf tarkaanfiin jalqabaa godhuu qabnu ummata kana deebisanii hidhachiisuu qofa. Qawweef rasaasa gahaa qabaannaan ummanni keenya kan daangaa irra jiru kun nuklerii dha (Keessattuu warri diaspora dhimma kana itti yaaduu qaban)

2) Ilmaan Oromoo kan qubsumaan naannoo kanatti dhiyaatan waliif dirmachuu, waliif tumsuun diina ilmaan Oromoo irratti shira hojjachaa jiru kana waliin mancaasuu. Diinni obboleessa kee sirraa hiiyxuu jiru yoo hinniyyuu jalqabe bakkuma sanitti atiis itti dirmattee yoo macalaaftan malee takka bakka san injifatee dabarraan atillee waa takka akka godhuu hin dandeenye hubachuun, waanuma harkaa qabdaniin walitti dirmachuun dirqama jalqabaa tahuu ifitti murteessuun harka wal qabachuu qofaatu amna fagoo nu imalchiisaa haa barru,

3) Akka waan lafti saamamaa jirtu tan Oromoo Harargee qofa taateetti osoo haasawa micciirtanii dubbachuu baattanii baayyee gaarii dha. Lafti Oromiyaa iddoo kamuu jiraattu qabeenya Oromiyaa, qabeenya ummata Oromooti waan taheef ilaalchi lafa bahaa akka tan Harargee qofa taatetti micciiruu kana tufuun ilmaan Oromoo akkuma kaleessaa mormii fi warraaqsa keenya guutuu Oromiyaa keessaa haa dhageessifnu. Akkuma kaleessa sagaleen ilmaan Oromoo boolla keessaa illee “Oromiyaan teenya!” jattee dhawwaaqaa turte san, ammaas warraaqsi cimee mala if eeggannoon guutameen itti fufuu qaba.

4) Ummata Harargee qofa osoo hin taane ilmaan Oromoo guutuun eega sirni nafxanyootaa Oromiyaa weeraree rakkoo hamaa keessa jiraachuun beekkamaa dha. Haa tahuu malee Oromoonni daangaa irra jiraatan, keessattuu roga bal’aan kan Soomaalee daargeessu Harargeen hadaammii ollaa agamsaa tahanii bara baraan dhumaa, diina isaaniif osoo hin jilbiiffatin hanga arraa waardiyaa daangaa Oromiyaa tahanii eegaa jiran. Kanaaf, yeroo waa’ee lafa Oromiyaa bahaa haasooynullee akka dantaa Harargee qofa gootanii warri odeeysitan irraa if qusachuun gaarii dha. (Keessattuu facebook live……)

5) Gaafa waa’een lafa Oromiyaa tan alagaan saamamaa jirtu kaafnu tarsiimoon shira diinaa fi jallaa keenyaa keessa jiraachuun beekkamaa dha. Kanaaf akka ummanni Oromoo waliin hin kaane waan barbaaduuf kutaan Oromiyaa yeroof miidhamaa jiru san akka saba Oromoo biratti ulfina hin qabne fakkeessee dhiheessuun miira hamaa “Sa edaanuu anumaatu Oromiyaaf dhimmama malee ani Oromoo biratti gatii fi ulfina hin qabu” ja’ee akka kutaan san geengoo oromummaa keessaa if baasu taasisuu dha. Tooftaan akkanaa kun alagaa gabrummaa jala nu bulchuu barbaaddu qofaan kan hojjatamu osoo hin taane jallaa keenyaaniis daran kan hojjatamu akka tahe muudannoo gara garaa irratti agarree, barree jirra. Malli akkanaa kun amma qofa osoo hin tahin gaafa Oromoon jalqaba caphuus kan itti hojjatamee dha. “Sumaatu isaanitti maraata, gaafa isaanii ati yaamina malee dirmattaa isaan ammoo…. Ati naguma if shukkuumta malee isaan haajaa tee hin qaban……” fira fakkaatee dabballummaa akkanaatiin Oromoo wal afaan deebisaa turan. Sanuu takkuma aaraan sarara keessaa baanaan xurretti deebi’uun ni ulfaata. Kanaaf, gabaabumatti wantiin jechuu barbaade gaafa manni tokko gubatu kaan bishaan qabatee dhaamsuuf fiiga, kan boba’aa qabatee dirmatuuf fiiguus jiraachuu bari, jechuu kiyya.

6) Xumura irratti wantiin ja’u yoo jiraate, lafaan tahuus samiin tahuus dhaloonni kun hidhamuu irraa gara hidhannoo jabduu hidhachuutti seenuu qaba. Qeerroon Oromoo yeroo ammaa waa hunda caalaa wanti itti fardii hidhannoo qawweeti. Kana hoggaan ja’u qabsoon warraaqsaan deeggaramte hin barbaachiftu jechuu kiyyaa miti. Silaas waa oromoo guutuu miti kan hidhatu. Hidhachiisuuf ammoo dhaabni jabaan shiraaf sharaarattii irraa bilisa tahe tokko jiraachuu qaba. Yoon waa’ee hidhannoo kaasu ammoo mootummaan kun hidhannoo malees hin kufu jechaa hin jiru. Wayyaaneen ammaahu gaaddidduu isii malee isiin kuftee jirti. Garuu kufuu wayyaanee qofaa osoo hin taane dhimmi guddaan kallattii nuti barbaannutti kuffisuuf ‘xumaashaan’ qawwee barbaachisaa dha. Carraan yeroo hedduu Oromoo dabree ture yoo hidhannoon hin jiraanne ammaas nu mudata. Afrikkaa keessatti mootummaanuu osoo fedhii isaatiin aangoo gad lakkiseellee kan barcuma aangoo san arkatu warra qawwee harkaa qabu malee abbaa haqaa miti. Kanaaf, Oromooniis tarsiimoo qabsoo amma itti deemaa jiru madditti humna qawwee jabaa yoo horate malee gonkuma hawwii isaa tan dhugaa san milkaa’uu hin danda’u. Kanaafuu gabaabumatti hayyoonni Oromoo addunyaa irra jirtan walitti dhufuun dhimma kana irratti mari’achuun falaaf firmaata lafa kaa’uun dirqama dirqamaa oliiti.

Waluumagalatti yaadni kiyya silaa ammallee ni hafa. Haa tahuu garuu ijoon tiyya arraa hanganuma. Wantiin osoon irra hin deebine bira hin kunne garuu namni Oromoo tahe kamilleen kabajaa Oromiyaa eeguuf daangaan Oromiyaa kan ammaan dura ciramaa ture sanuu deebisuun nu dhiba waan taheef, kan kana booda ciramu gonkuma hayyamuu hin qabnu. Namni gaafa morma dhawan hadoodee, yoo milli dhawame hin laalanne miilli san kan laamsha’e akka tahe hubachuu qaba. Namni lafti oromiyaa tuqamuun isa hin hadoochine san nama du’e. Arraas, boruus, fuul-duraas, Oromiyaan kan kabajamtu yoo daangaan isii kabajame qofa akka tahe haa barru, haa hubannu namuu.

“Oromoo fi Oromiyaan akkuma waliin gabrooman, waliin qofa bilisooman!!”

Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Hagayya, 2017

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

ONE FOOT IN GRAVE: THE CURRENT STAtE OF THE TPLF-FASCISTS OF FAKE ETHIOPIA

  Truth barometer 13 Part i By Odaa Hora   The article explores the current …

Yaada kanaaf deebisaa kenni