Oduu Haaraya

OPDOn Oromiyaa Lafa Waloo Taasisuuf Irra Deebii’ee Waadaa Isaa Haaromsaa jira!

Baarentuu Gadaa Irraa 

Dhaabni waggoottan 23 darbaniif wayyaanee jala fiigun ummata Oromoo saamsiisaa, hiisisaa, dararasiisaa fi ajjeechisiisaa turee fi jiru OPDOn  afaanin akka mootummaa feedaraalaa wayyaaneen gaggeeffamaa jiru keessatti bakka guddaa qabuu haa hololu malee dhaaba bakka  takkalleen hin qabne tahuun beekamaa dha. OPDOn murna hojii ergamtummaaf wayyaaneedhaan umame tahuun isaa beekamaa ta’us yeroo ammaa kana ammoo caalaatti diinummaa ummata Oromoorraa qabu ifatti mirkaneessaa jira. Akkuma beekamu waggoottan 23 darabniif hojiin ijoon miseensoonni OPDO warri garaaf bulee fi ergamuu amaleeffate hojjeechaa turan ennaa wayyaaneen Oromiyaa saamtu faana deemanii daandii saamichaa itti agarsiisuu dha. Sabboontota mirga ummata isaaniif qabsa’an akka ajjeefamaniif qabanii kennuu fi yeroo barbaadanis hojii ergamtummaa isaaniirratti amanamoo tahuu agarsiisuuf jecha dhalataa Oromoo ajjeesuu dha, dararanii dararsiisuu dha. Yakka isaan waggoottan 23 darban raawwatan dhiifnee yakkuma ajjeechaa fi hidhaa barattoota Oromoo harka duwwaa mirga abbaa biyyumaa isaanitiif falmaa jiran irratti dhiheenya kana raawwachaa turanii fi jiran yoo ilaalle ergamuttummaa isaanii bira darbee diinummaa isaanii caalaatti mirakaneessa.

Murni ergamtoota wayyaaneetiin gutame kun tibba kana ergamaa wayyaanee kan maqaaf Pireezidaantii naannoo Oromiyaa jedhamu Muktaar Kadirii sabboontotaa fi barattoota Oromoo ajjeesisuu, hiisisuu fi akka dararaman gochuu keessatti adda durummaan hiriiree jiru ofundura oofuun daawwannaa gaggeessaa tureera. Daawwannaan ergamtoota wayyaanee kun kan irratti xiyyeeffate Invastinmentii naannoo Oromiyaatti babalachaa jiruu fi bu’aa inni ummataa fide gamaggamuu kan jedhuu dha. Daawwannaa kanaaniis ergamtoonni ummata Oromoof diina innikaa tahaa jiran kun naannawa Finfinnee fi Adaamarra marsaa turan.

Marsaa kanaanis warshaalee adda addaa fi Qonnaa Habaaboo abbootii qabeenyaa Tigree, Amaaraa, Paakistaan, Arabaa, Turkii,  Chaayinaa, Hindii fi kanneen biroo magaalaa Duukam, Sulultaa, Sabbataa, Buraayyuu, Laga Xaafoo, Bishooftuu, Adaamaa fi kanneen biroo keessatti qonnaan bulaa Oromoo beenyaa malee buqqisuun dhaabbatan daawwachaa turaniiru.

Hubadhaa invastimentiin warshaalee fi qonnaa Habaaboo adda addaa kun %99 ol kan Oromootii mitii. Hunduu kanuma warra wayyaanee waliin hidhata qabanii ti.

Kan caalaattii dubbii hammeessaa jiruu fi ummata Oromoo rakkoo adda addaaf saaxilaa jiru abbootiin qabeenyaa ummata Oromoo saamanii duroomaa jiran kun Oromoo tahuu dhabuu isaanii qofaa miti. Qabeenya ummata Oromoo saamanii argatan kanaan warshaalee fi industroota ijaaran keessatti lammiilee Oromoo naannoo sanii qaxaruu diduu isaanii ti. Abbootiin qabeenyaa kun namoota kuma hedduuttii lakkaawwaman ajaja wayyaaneetiin Tigraayii fi naannoo Amaaraatirraa fidaniiti hojii humnaarraa hanga ogeessa isa olaanatti qaxaranii hojjisiisaa jiru.

Injnariin Oromoo yunivarstii bahee dhakaa kobilstonii jedhamu soqaa oola. Namni keessa hin beeknee fi dhugaa jiru gadi fageenyaan hin xinxalle warshaalee fi qonnaaleen habaaboo qannaan bulaa Oromoo buqqisuun ijaaraman kanarraa ummanni Oromoo waan fayyadamu itti fakkaachuu danda’a. Namni halaala ejjetee ilaalu yoo hojjetaa kuma hedduu warshaalee kanarraa bahaniif galan argu O! dargaggeessi fi shammarran Oromoo hedduun hojii argatan jechuu danda’a. dubbiin garuu faallaa kanaa ti.

Jilli hattootaa fi saamtootaa kun dhugaa kana dhoksuu fi ummannii Oromoo kan irraa fayyadamaa jiru fakkeessuuf Gaazeexeessitoota TV fi Raadiyoo  of jalaan deemaa ture.  Gaazeexeessitoonni bidden itti tahee rakkatan kunis invastimentiin akka naannoo Oromiyaatti babalattee fi guddatee oduu fi qophiilee adda addaatiin nuuf himaa turan. Duchumatti Naannoon Oromiyaa akka guddina invastimantii kanarraa fayyadamaa jirtu holoolaa turan. Gaafii ashuuraa ykn qaraxa abbootii qabeenyaa kanarraa sassaabbamu eenyutu fudhata? Hojjeetaan kumaataman lakkawwamu kan wasrhaalee kana keessa hojjetu eessaa gara naannoo Oromiyaa dhufee hojjechaa jira jedhuuf deebii hin qaban. Gaafii ilmaan Oromoo miliyoonaan lakkaawwaman kan baratanii hojii-dhablee ta’anii taahan osoo jiranuu maaliif dhalattoonni biraa dursa naannoo Oromiyaatti argatu jedhuuf deebiin hin jiru. Oromoo meqaatu Tigraayi Maqalee dhaqee carraa hojii saamaa jira? Oromoo meeqaatu  naannoo Amaaraa Bahaar Daari dhaqee carraa hojii qooddataa jira? Ykn argachaa jira gaafiin jedhu akka ka’u hin barbaadan. Dhalataan Oromoo hojii barbaada mitii Ispoortiifuu naannoo Amaaraa dhaqee akka eenyummaa isaatiin arrabsamee gale hunduu quba qaba.

Midiyaan wayyaanee waan fedhees jedhee holoolu Muktaar Kadir diina innikkaa saba Oromoo ta’e kan garaaf bultoota akka isaa jaleewwan wayyaanee hiriirsee daawwannaa maqaa jedhuun dhamahaa ture faayidaa Oromiyaa fi ummanni Oromoo invastimentii irraa argattu jabbeessuuf ykn cimsuuf miti.

Daandii dhalataan Oromoo caalaatti warshaalee fi industroota naannoo Oromiyaatti qonnaan bulaa Oromoo buqqisuun babalatan kanaarraa argatu jabeessuufis miti. Kaayyoon isaa lafa Oromoo ciree abbootii qabeenyaa kanatti gurguruuf haala mijeessuuf tahuun ifaa dha.

Midiyaaleen  akka TV,fi Raadiyoo Oromiyaa  akkasumas TV  wayyaanee jedhaman “Kaayyoon daawwannaa kanaa Invastimentii jajjabeessuun, fayyadama ummataa  caalaatti cimsuuf” jedhanis kaayyoon ijoon  daawwannaa Muktaar Kadirii fi  ergamtoota biroo  qonnaan bulaa Oromoo buqqisanii gaafii lafa bababalifachuu abbootiin qabeenyaa dhalattoo Tigraayi, Amaaraa, Chaayinaa Faakistaan, Hindii, saa’udii, Turkii fi kanneen biroo kaasaa jiran deebisuuf haala mijeessuu dha. Xumura daawwannaa kanarraatti walgahii/ marii / waxabajjii 21 bara 2014 abbootii qabeenyaa ummata Oromoo buqqisaa fi saamaa  turanii fi jiran kanaa fi ergamtoota wayyaanee  OPDOta gidduutti taasifameenis kan mirkanaawe kanuma.

Marii  badii saamtootaa fi ergamtootaa  Muktaar Kadirin durfaman kana gidduuttii Adaamaatti waxabajjii 21 bara 2014 taa’amee kanaan abbootiin qabeenyaa dhalattoota Tigraayii fi kanneen isaan waliin hidhata qaban lafa baballinaa gaafataniiru. Invastimentii keenya baballisuu waan barbaannuuf qonnaan bulaa buqqisaatii lafa warshaa fi qonna habaaboo itti babalifannu nuuf kennaa jedhaniiru. Kantiiboota magaalaa warra lafa hin kenninu jedhanirrattis akka tarkaanfiin hatattamaa fudhatamu Muktaarii fi ergamtoota isa waliin turaniif gaafii dhiheessaniiru.

Ergamtichi Muktaaris qaanii fi sodaa tokko malee akka qonnaan bulaa Oromoo buqqisee abbootii qabeenyaa jalee  fi waayiloota wayyaanee tahan kanaaf  kennu waadaa galeera. Kun immoo ifatti OPDOn diina innikkaa, ummata Oromoo diinaaf dabarsee kennuuf dhaabbate ta’uu isaa caalaatti muldhiseera. Diina akkanaa; diina biyya Oromiyaa jedhamtu dhabamsiisee, Oromoo biyya dhablee godhee Oromiyaa biyya waloo taasissuuf carraaqaa jiru kana ammoo ummannii Oromoo callisee laaluu hin qabu. Qabsoo isaa; FDG calqabee finiinsee itti fuufuun ergataas ergamaas mana isaa keessaa haxaayee baasuuf irree tokkoon diddaa isaa haga bilisummaatti daran finiinsuu qabaan dhaamsa keenya!

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …