Oduu Haaraya

OMN kan ummataan dhaabbatee fi kan ummataa waan ta’eef namni fedhe haala adeemsaa irratti yaada mataa isaa kennachuu mirga qaba.

OMN(Oromia Media Network) dhugaa ummata Oromoo tan dhokatte ifa baasuuf ummataan ummatumaaf erga dhaabbatee Waggaa bira achi taree jira. Jalqaba irraa kaasee hanga ammaattis dhugaa Oromoo tan dur dhokatte meeqaatu ifa nuuf bahe. Kan dur afaan qabamee dubbachuu dadhabe gama meediyaa kanaan meeqaatu hafuura baafate. Kun ta’ee osoo jiruu gufuulee hedduunis meediyaa kana gufufsiisuudhaaf tan deemaa turte baay’ee qunname. Jajjallaan keenya warreen guddinaa fi dhugaa Oromoo tan ifa baatuuf hin quudhine hedduu agarre. Milkaa’uu baatanis olola garaa-garaa irratti oofaa turan.

Erga ololli OMN irratti oofamuu jalqabee OMN daran guddachumatti jira. Sanumaa as jijjiirama meeqaantam agarree irraa gammanne. Meediyaa tokkicha bu’aa-ba’ii meeqaan arganne kana akka inni laamsha’uuf namoonni xaaraa turan danuudha. Garuu humaatuu hin tarre. Mootummaa biyyattiitiin marsaa saddeetiif ugguramee ture. Haata’u garuu saddeettam ugguranis humaatuu hin goone. Qilleensarratti deebi’aatuma jira.

Gama mootummaa Wayyaaneen yeroo ugguramu warreen harka dhahaa turanii fi warreen akka sagaleen ummataa dhokattuuf yaalaa turanis humaa hin fidne. Bishaantu isaan jala yaa’e. Tattaaffii hojjattoota OMN,ummata Oromoo fi gargaarsa Rabbii wajjiin tasa hin gitintirre. Fuulduraafillee akka xiqqollee hin kushuufne abdiin qaba.

OMN kan ummataan dhaabbatee fi kan ummataa waan ta’eef namni fedhe haala adeemsaa irratti yaada mataa isaa kennachuu mirga qaba. Haata’u garuu isa dhabamsiisuuf ifaajuun diinummaa ifa baate. Yoomiyyuu OMN sagalee keenya,afaan ummataati,daawwitii hawaasaati. Gama dandeenyu hundaan cinaa dhaabbachuun dirqama sabummaa bahuut nurraa eegama.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …