Oduu Haaraya

Oliiqaa Dingil eenyu?(Kutaa 1ffaa)

************
Akkuma maqaansaa ibsutti Oliiqaa Dingil lammii Oromoo yoo ta’u, ummata Oromoo naannawa Qeellem Wallaggaa keessa jiraatu jidduudhaa kanneen hidda ja’an Sayyoo warra Laaloorraa dhalate. Qo’annoo seenaa hangaa har’aatiin maqaa hadhaasaa beekuun danda’amu baatus maqaansaa guutuun “Oliiqaa Dingil Bookaa” jedhama.
Bakki dhaloota goota Oliiqaa, Qeellem Wallaggaa keessa Yamaaloogii Walal, Ganda Gurraattii Walal bakka, “Deentaa Garee” jedhamuudha. Barri dhalootasaa sirriitti qoratamee beekamuu baatus namoota bara sana beeku jedhamanirraa akka himametti, tilmaamaan bara 1890 ta’uu akka hinoolleedha odeeffannooleen kan agarsiisan.

Oliiqaa Dingil mana barumsaa qeesotaa /lubootaa/ galee akka barate seenaansaa nimirkaneessa. Erga guddatee umriinsaa hojiif ga’ee booda bara bulchiinsa Hayilasillaasee mootummaadhaan mindeeffamee hojjetaa tureera. Ga’een hojii goota kanaas gabaarra naanna’ee ashuura mootummaa walitti qabu ture. Gabaa hedduu inni irra naanna’aa ture keessaa gabaan Ashii, Muggii, Shabal, Qaaqeefaan ni eeramu. Bakki jireenyaasaa Magaalaa Dambii Dolloo, Ganda 03 keessa akka ture odeeffannoowwan ni ibsu.

Oliiqaan, dubartii maqaanshee Gannatawarqi Ashanaa jedhamtu Gidaamiidhaa fuudhee jiraachaa ture. Walumaagalatti Oliiqaan lammii nagaa namaafi biyyaaf yaaduufi quuqamu yoo ta’u, amalasaa kanaan ummata Oromoo biratti hedduu jaalatama.

Caamsaa 23, bara 1929 wayita koloneeffattoonni Xaaliyaanii Itoophiyaa humnaan weeraranii qabatanitti waggaa tokko booda dhiibbaa koloneeffattoonni kunniin ummatarraan gahaniin mormee bosona seenusaa seenaan ragaa baha.

Gocha Xaaliyaanonniifi sirni gita bittaa Nafxanyootaa ummata biyyattii keessa jiraatan irratti keessumaa Oromoorratti raawwachaa turanirraa kan ka’e haalli jireenyaa, aadaafi safuun ummatootaa baduu jalqabe. Wayita sana Xaaliyaanonni lammiilee Itoophiyaa tokko tokko ofitti madaqsuudhaan maqaa “Baandaa” jedhamu ittimoggaasuun duuka buutuusaanii taasifachaa turaniiru.

Xaaliyaanonni baandota kanneenirraa odeeffannoowwan gara garaa argataa akka turjumaanaattis itti gargaaramaa turaniiru. Gochi Baandotaafi Xaaliyaanotaa kun Oliiqaa qofa osoo hinta’iin namoota sabasaanii jaalatan hunda kan aarsu ture.

Gochi suukanneessaan ummatarratti raawwatamu yeroodhaa gara yerootti babal’achaa dhufuusaarrayyuu roorroon haadha warraa Oliiqaa Dingil, Aadde Gannatawarqi /Moominaa/ Ashanaarra ga’eera jedhamu aarii Oliiqaan duraanuu qabu akka dabalu taasise. Kana malees gaaf tokko baandaa Xaaliyaanii kan ture namichi Baashaa Gabayyoo Waldeefi Oliiqaan otuu Amaariffaan haasa’anii Baashaa Gabayyoon Oliiqaa Dingil akka tuffiitti jecha Oromoon jedhamuu hinfeeneen arrabsa.

Guyyaa biraammoo Baashaa Gabayyoon namicha Dhaabaa Maashaa jedhamu wajjin waliigaluudhaan Oliiqaan qarshii ashuuraa walittiqabe dhimma dhuunfaa irra oolfateera jechuun odeessisiisuurra darbee ogganaa Xaaliyaanii yeroo sanaatti hima. Oliiqaan qawwee dhokfatee qaba jedhees yakke. Odeeffannoo kanarratti hundaa’uun Xaaliyaanonni Oliiqaa qabanii mana hidhaa galchan.

Oliiqaan halkanuma sana mana hidhaa cabsee ba’uudhaan, bakka dhalootasaa, Deentaa Garee dhaquudhaan qawwee Beeljigii 2fa jedhamu bitatee Danbii Dollootti deebi’a. Halkaan gaaf tokkoo Baashaa Gabayyoo ajjeesee gara mana Baashaa Gabayyoo dhaqee haadha warraa baashaa alatti baasuun, “Ati dhirsa kee dhabda, animmoo haadha warraa koon dhabe” jechuun du’a abbaa warraashee itti himee manicha qabeenya keessa jiru waliin gube.

Namicha Dhaabaa Maashaa jedhamummoo Gabaa Dafinoo /Dambii Dolloo/ keessatti ajjeesee, “Anatu ajjeesee nama bira hingaafatiinaa” jedhee barreessee mukatti maxxanse. Intalasaafi haadha warraasaa Ganduma 03 keessatti dhiisee deeme.

Kana booda Oliiqaan nama durumaa qabee isa bira jiraatu, kan maqaansaa Shaanqoo jedhamu, qawwee namoonni dirqiidhaan Xaaliyaaniif galchuuf deeman irraa booji’ee Shaanqoo hidhachiisa. Kanaanis Xaaliyaaniifi baandaarratti tarkaanfii fudhachuu eegalan. Sababoota Oliiqaa ‘shiftummaaf’ kakaasan keessaa tokko tokko eeruuf.

Namni Obbo Tafarii Alabee Goonboo jedhaman Haroo Machaaraarratti fannifamuun, Qanyaazmaach Dhoosaa Abbaa Qoroo qawwee dhoksite jechuun harkasaanii duubatti hidhanii Buraayyuu bakka, “Bakkee Abbaa Boroo” jedhamutti rasaasa torbaan ajjeefamuusaaniifaa eeruun ni danda’ama.

Guyyuma Luba Maammoo Corqaafi Luba Gidaadaa Soolan Hayilasillaasee wajjin quunnamtii qabdu jechuun harkasaanii lachan duubatti hidhanii Jimmaa Abbaa Jifaar geeffamanii murtoon du’aa itti murta’ee utuu har’a bor duuna jedhanii eegaa jiranii haala hinyaadamneen bilisa ba’anii gara naannawa jirenyaasaaniitti deebi’aniiru.

Oliiqaan erga Gabayyoo ajjeesee deemee booda gaaf tokko halkan keessaa sa’aatii shanitti haala haati warraasaa irra jirtu ilaalee deebi’uuf wayita gara manasaatti qajeelu isheen teessee jirbii fo’aa:

“Oliiqaa yaa abbaa jigsaa ati duute moo jirtaa?

Utuu ati jiraattee hantuunni maa warraaqxee?

Yaa abbaa coomaafi booka kootii amaaseniin maal na gooti?” jettee isa faarsituu dhokatee dhaggeeffate. Halkan sana dhokatee ishee ajjeesee deebi’uuf yaadeeti kan dhufe. Garuu wayita faaruu haadha warraasaa dhaga’u cancala qawweesaa dhaamsee halkan sana manasaa bulee ganama bariidhaan bakka dhufetti deebi’e.

Yeroo yerootti uffata waraana Xaaliyaanii uffatee Dambii Dolloo seenuudhaan mana Aadde Moominaafi Aadde Daasharee Akkayyuutii daadhii dhugee, odeeffannoo barbaachisus walitti qabatee deebi’aa ture. Namoota isa fakkaatan waliinis dhoksaatti ni mariyata ture.

Deggartoota Oliiqaa gocha weerartoonniifi jala kaattuun warrasaaniirratti raawwatan namoota hedduu aarsee tureera. Haala kanatti aaree kan garaa kutate Oliiqaa duukaa shaffata, warri kuun immoo, naannoodhuma jiran taa’anii deggaraa turan. Daggarsi kennamaa tures, odeeffannoo kennuu, galaa qopheessanii nyaachisuu, meeshaa waraanaa kaa’uufi erguu dabalata.

Namoonni adda addaa yeroo waraanni Oliiqaa naannawa tokko galu nyaataafi dhugaatii dhi’eessuudhaan halkanii guyyaa wajjin dhama’aa turan. Loltoonni Oliiqaa Xaaliyaanii dhamaasaniifi baandaa bakka garagaraatti oliifi gadi joonjessaafi ajjeesaa turan.

Bakkii da’annoosaanii haala yeroon jijjiirama ture. Lafti akka holqa Qacii, Aggataa, Macaqeddoo, Ondoloqqee, Doggaa, Walal, Cabal, Qilxuu Kaarraafi Ulaa Biyyaa’oo bakka itti da’atan akka ture dubbatama.

Lola koloneeffattoota wajjin godhame guyyaafi haalli lola Oliiqaadhaan geggeeffame barreeffamaan yoo jiraachuu baateyyuu seenaa afaaniin darberraa hubachuun akka danda’amutti qabsoo ittisa koloneeffataa keessatti Oliiqaa Dingil gumaacha olaanaa akka godhe beekama.

Tooftaa mataasaatiin geggeeffamee injifannoowwan guguddoo galmeessaa tureera. Fakkeenyaaf yeroo Xaaliyaanonniifi baandaan Oliiqaan Awusa jira jedhanii achi dhaqan jalaa mimmiliquun jara joonjessaa tureera.

Injifannoowwan guguddoo waraana Oliiqaatiin argaman keessaa Aanaa Yamaaloogii Walal keessatti bakki Fiinchoofi Dubbisi jedhamu gidduu lola Xaaliyaaniifi Oliiqaan wajjin gaggeeffameen Xaaliyaanonni 30 ta’an du’aniiru.

Dirreen injifannoo inni seena qabeessa jedhamee himamu immoo, lola Wallaggaa, Aanaa Tajjootti gaggeeffame yoo ta’u, lola kanarratti baandonni 750 ta’anii Oliiqaatti duulan. Lola hamaa, tooftaafi kutannoo guddaa gaafate kanarratti Xaaliyaaniifi baandonni waraana Oliiqaatiin yommuu dhuman, loltuun Xaaliyaanii maqaansaa Tinintii Biichee jedhamuufi baandonni sadii duwwaan baqatanii deebi’anii akka galaniidha kan ibsamu.

Namoota Xaaliyaanii wajjin waliigalanii Oliiqaafi waraanasaa booji’uuf ykn ajjeesuuf yaalaa turanirratti Oliiqaan dursee tarkaanfii fudhataa ture. Akka fakkeenyaatti namichi maqaansaa Waacilaa Waloo jedhamu miseensa waraana Oliiqaa kan ta’e Dhaabaa Bocoloo ajjeefnaan Oliiqaan battaluma sanatti Waacilaa Waloo, Anfillootti ajjeesee gumaa Dhaabaa Bocoloo baaseera. Itti dabalees, Aanaa Tijjootti namichi maqaansaa Fullaasaa Baabil jedhamu, “Oliiqaa ajjeeseen mataasaa muree fida” jedhee Xaaliyaaniif waadaa gale.

Qawwee minishirii shan fudhatees deeme. Otoo hinturin dhimmi kun Oliiqaaa bira ga’e, Oliiqaan mana Fullaasaa Baabil dhaqee ajjeesuudhaan qawwee shananuu harkaa fudhatee humna waraanasaa ittiin cimsateera. Haaluma kanaan lola hedduurratti lubbuun diinaafi deggartootasaanii lakkoofsaan kaa’uun nama rakkisu dhabameera.

Walumaagalatti qabsoon Oliiqaan ummata Oromootiin deggaramee gaggeesse, ummatichi akkasuma lammiifi saba kaanii goota cimaa akka qabu kan mirkaneessuudha. Du’a Oliiqaa Dingil qabsoo ittisa koloneeffataa Oliiqaa Dingil gaggeessaa ture jala deemtonni diinaa hindeggaran ture.

Du’isaas sagantaan kan ta’e fakkataa jedhu namoonni Dambi Dolloo dhimma kana beekan. Oliiqaan yommuu bosonaa dhufu Magaalaa Dambi Dolloo keessa mana meeshaasaa keewwatu qaba ture. Yeroo inni dhufee kaa’u halkan keessaa sa’aatii shanii hanga 10 gidduu ture. Yeroo bosonatti deebi’ummoo rasaasaafi meeshaalee isa barbaachisan fudhateeti.

Namichii Oliiqaan waliin hojjetu, warra Xaaliyaanii wajjin qunnamtii dhoksaa qaba ture. Namichi akka warri Xaaliyaanii hinshakkineef halkan halkan manasaa biratti qawwee dhukaasaa bula. Ganama ka’ee, eda mana eebaluu biratti qawween dhuka’aa bule yeroo jedhan Xaaliyaanonni dhaqanii qalahaa hammaarratanii akka galaniidha seenaan kan eeeru.

Tooftaa kanaan Oliiqaafi namichi kun waliin deemaa erga turanii booda, qarshiin Oliiqaa namicha kanarratti heddummaataa waan dhufeef gaafa tokko Oliiqaan qarshiisaa akka deebisuuf gaafatee, namichi didnaan Oliiqaan arrabse. Arrabsoon Oliiqaa Dingil onnee namicha kanaa waan madeesseef namoota Oliiqaa Dingil qunnaman qarshiidhaan kadhachuu jalqabe.

Haaluma kanaan Oliiqaan holqa Qacii keessa otuu jiraatuu namichi isa irratti haaloo kuufate sun, dubartii imaanaa Oliiqaa turte /haadha warraa Baaburii Wagee/ uffata babbareedaa, bituufiidhaan, qarshiis harkatti kennuufiidhaan, akkasheen Oliiqaa hordoftee qoricha obaaftuuf summiin itti kenname. Haaluma kanaan osoo jiranii gaaf tokko Oliiqaa heexoon mul’anaan dubartiin imaanasaa turte sun qoricha daaktee summii itti kenname itti dabaltee Oliiqaan akka dhuguuf kenniteef.

Oliiqaan eddii summicha dhugee booda qaamnisaa dadhabaa adeeme. Guyyaa yeroon inni waa nyaatu geenyaan ammas lammaffaa nyaata summii qabu dabalteef. Dhugaatii maastikaa jedhamu kan summiin makame akka inni dhuguufis affeerte. Kana booda Oliiqaan laafaa deeme. Namoonni isa duukaa turanis waan godhan wallaalan. Guyyaa guutuu dhukkubsataa oolee, Roobii halkan sa’aatii 9:00 irratti bakka Oddoo Butaa jedhamutti du’uusaa namni Obbo Mokonnon Tolaa jedhaman barreeffamaan kaa’aniiru.

Namichi tooftaan nyaataafi summii dhiyeessuudhaan nafxanyicha wajjin waliigaltee qabaachaa tureefi namni maqaansaa Wadaajoo jedhamu, gaafa Oliiqaan du’uusaa hubatu qawwee dhukaasee funyaansaa madeessuun, “anatu ajjeese” jedhee muudamuuf jecha Xaaliyaanotatti gabaase. Gaafa du’a Oliiqaa dhaga’u ummanni naannawa sanaa guddaafi xinnaa otuu hinjedhin ba’ee iyyee boo’e. Hogganoonni koloneeffataas Dambii Dolloorraa yeroo dhufan “Oliiqaa miti, kan du’e nama kan biraa ta’a” jedhanii shakkanii turan. Sababiin shakkiisaaniis Oliiqaa qabachuufi ajjeesuuf yeroo dheeraaf yaalii godhaniin waan hinmilkoofneefi.

Kana booda muudamaan Xaaliyaanii inni “Gavarnoo Dhaayee” jedhamu reeffa Oliiqaa yommuu arguu, “ajjeesuu balleessitan, isa akkasii hinajjeesan. Muudanii ogganaa waraanaa godhatu” jechuun Wadaajootti dheekkame. Erga reeffasaa gara Magaalaa Dambii Dolloo geessanii booda warraa Oliiqaa waamanii isa ta’uufi dhiisuusaa adda akka baaftu gaafatan. Isheenis mallattoo duraan miilasaarra ture ilaaltee isa ta’uu mirkaneessiteef.

Sana booda Xaaliyaanonni reeffasaa suura kaasanii karaa laga Borxaa buusanii naannawa dur Biheeraawwii Xoor jedhamutti awwaalan. Wadaajoon, “Oliiqaa natu ajjeese” jedhee muudamuu hawwe sun Jimmaa geeffamee otuu achi jiruu guyyaa tokko mana daadhii taa’ee otuu dhaadatuu durbiin Oliiqaa achumatti ajjeese. Erga Oliiqaan du’ee azmaaronni /weediftoonni/ akkana jedhanii faarfataa turan.

Facaasaa heexoo dhuguun

Oddoo Butaarra buluun

Michuu dubartii buluun

Xixxiixaa Dingil Bookaa

Oliiqaa galaafate.

Qawween Oliiqaa ajjeesee

Maqaansaa Wacafoodha

Baga kaartaa hinnyaatini

Namni Oliiqaa ajjeese

Maqaansaa Wadaajoodha

Baga taa’ee hinnyaatini” faa jechaa turan.

*************************
Ittii fufaa…………..

Dubbistoota keenyaa, seenaa gabaabaa goota baddaa Sayyoo kana dabalatee kan gootota biroo bal’iaan barreeffamee hinteenye. Kunimmoo osoo dhaloonni seenaa beeku du’ee hindarbiin itti dhimma ittiyaadamuu qabuudha.

Hayyoonni Oromoofi qaamni dhimmichi kallattiidhaan ilaallatu dhimmoota akkanaarratti xiyeeffatanii hojjechuu

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …