Oduu Haaraya

ODUU NYAAPHAA FASHALEESSUU!!!!

 

Akkuma beekamu nyaaphni karaa hedduun namairratti duulti. Kana keessaa tokko oduu. Yeroo ammaa kana oduun meeshaa qabsoo guddaa tahee jira. Oduun nama rukutuun gooluun, jeequun, kuffisuu. Kunis qabsoo karaa salphaati.

Nuti ammo kan gochuu qabnu; fira keenna fi nyaapha keenya sirritti addaan baasuu qabna. Fira keenna kan gaarii nuuf dubbatuuf sammuu keenna banaa goonee hubachuudha; wol dhageeffachuudha; woliin qabsotti bobba’uudha. Nyaaphonni keenna alagummaa isaanitiif waan ofii yakkan nutti maxxansuuf tattaafatan. Halkanii guyyaatti humna isaanii bobbaasanii odeessaa oolan; gochaa diinummaas fudhatan. Ofii gaarii of fakkeessuuf wama ofii yakkaniin nama wonjalan. Kanaaf yeroo nyaaphi kijiba nurratti odeessu rifachuu hin qabnu; mataa keenya jalaa cufaa gochuun jagnummaa keennaan injifachuu qabaanna. Alagaan abdii nu kutachiisuuf dhagaa fi muka nurratti darbata. Kana itti dammaqnee fashalsuu qabaanna. Kaayyoon isaa nu busheessee of mi’eessuudha amma fashalee uummanni hundi isa jibbe malee!!!!!!!!!!!!Jibbamee tufame!!! Uummata biratti isa osoo hin taane nutu jaalatama; nyaaphni homa barate dalagaa jira.

Kana hunda kan dalaguuf qabeenyaa uummataa saamee jiraachuuf. Soba diinni keenna odeessuammoo harkaa harkatti; fuulaa fuulatti fashalsuu qabaanna. Nyaaphni oduu piroppaagaandaa sobaa guddaa baneejira. Kana osoo addaan hinkunne karaa namoota ijaareetiin hafarsa. Yakkoota hedduu ofumaa hojjatee ittiin nama wanjala! Piroppaagaandaa sobaa namoota dhuunfaa sabboontota ta’ee; mormitoota hunda irratti bane! Kanaaf nullee iddoo kamittillee, yeroo kamillee, haala kamiinille fashalsuu qabaanna.

 

MAMMAAKSOTA OROMOO

  1. Dhugaan hin qallatti malee hin cittu!
  2. Aangoon isaanii hirriba muka gubbaati!
  3. Jabaataa oolii duuti waan hin hafne! (Bararaa oolii allaattii reeffi lafa!)
  4. Waa shan booda waa’ee/rakkoo shantu jira: 1.Hanga feete beelayii nyaadhu quuftee lubbuu si dhayaa. 2. Hanga feete; akka feete dubbadhu ni nuffamtaa; 3.Hanga feete gammadi gaafa tokko ni naataa; 4. Hanga feete ijaari moofee diigamaa; 5. Hanga feete jeraadhu ni duutaa!!!!

 

WOLALOODHAAN

 

Nyaaphni soba odeessaa

Oduun isaa karaa si balleessaa!

Galmi isaa dhokataa

Kan hubatu hubataa!!

Galma isaa dhokfatee eessa galaa

Hunduu itti baree amma isuma saaxilaa

Isatu fidee rakkoo fi balaa

Sabni guutuun kunoo isa maalalaa!!!!

Anillee isuma maalalee

Isumas heddu saaxilee!!

Kijiba nyaaphaa eennu fudhataa

Isumatu itti salphataa

Heddu sobanii afaan dadhabee

Dubbiin walfallessu afaan isaan qabee!

Wallaalanii waan jedhan

Qalamaan akka itti kataban

Hedduu hedduu of busheessan!!

Hojiinis bitaa itti galee

Sabni hunduu maalalee

Waa’ee guddinna odeessuu ofii beelaa

Aaddunyaa mara isaan maalalaa

Dhara rabbi itti haa buusu balaa!!!!

 

Gamteessaa Sabaa

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …