Oduu Haaraya

Oduu Muddituu/Breaking News

 

Woyyaneen barattoota ganna maatiisaaniitti galan
manaa manarra deemtee butaa jiraachuun himame

Odeeffannoo har’a (21/9/20014) nu dhaqqabeen, Godina Booraanaa aanaallee, Bulee Horaafi Malkaa Sooddaa keessatti, Woyyaneen barattoota ganna maatiisaaniitti galan manaa manarra deemtee butaa akka jirtu maddeen keennaa saaxilane. Barattoonni butamanii fudhataman hedduu ta’anulle, maqaan isaanii ammaaf kan beekame, barata civil engineering woggaa 3ffaa Yuniversiitii Bulee Horaa kan ta’e, barataa Tukuleessaa Turee, barataa Nugusee uraagoo, yuunv. Gondor barataa medicine fi akkasuma maqaan isaanii yeroodhaaf hin beekamne hedduun Woyyaaneen butamanee jiran jedha maddeen keenna.

Keessumattuu, barata civil engineering woggaa 3ffaa Yuniversiitii Bulee Horaa kan ta’e, barataa Tukuleessaa Turee yeroo wolgayii woyyaanneen ganna achuma Yuniversiitii Bulee Horatti wolitti qabaa turtetti, barataan kun dhugaa jirtu waan isaanitti himaa tureef itti xiyyeefachuun itti dhaadataa akka turan, keessa beektonni himaneeran. Barataa Tukuleessaan jarreen kaanirraa addaa baafamuun eessaa buuteen isaa dhabamee jira jedhu maatiin isaa. Barataa kana yeroon isa itti qaban halkan keessa saatii saddeeti waan ta’eef, maatiin isaa mana hidhaa naannoorra deemanii barbaadanis, akka hin argine itti himane. Barattonni biraa worri butamane yoo argaamanu, barataan kun dhabamuun isaa maatiifi jiraattota naannoo saniitti yaaddoo guddaa buusee jira jechuun qeerroon gamasii gabaastee jirti.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …