Oduu Haaraya

Oduu Gaddaa,(YAMAN): baqatoonni Oromoo lama kan biyya Yaman keessa jiraatn rasaasa baraariin madaawan

 

Guyyaa Arraa Kana Magaalaa Sana’aa keesatti Rasaasni Qabbanaawaan kan samirraa gaddeebi’e Shamarran Baqattoota Oromoo lama 1,Hawaa Ahmad Abdulla, 2,Khadija Mohammad Xahir, kan ja’aman irra Bu’uun Miidhaa guddaa irra geesise,
akkasuma guyyaa Sadeen Dabre kana keesa Miliishiyaan Huutii Baqattoota Oromoo Nama 8 hamma kudhan tahan magaalaa Sana’a keesatti Afduubaman yootahu, iddoon isaan itti hidhaman hangga ammaati kan hinbeekamneedha,

Hubachiisa:
Waajjirri Kominiitii Tokkummaa Baqattoota Oromoo Yaman,
Hawaasa Baqattoota Oromoo Yaman Maraahuu Wanni beeksifnu yaroo ammaa kana akka walii galaatti magaaloottii Yaman mara keesatti Xayyaarri Biyyoottii Khaliijaa fi kanbiroo iddoo adda adddaa Rukutuu itti fufee jira waantaheef, Hawaasni keenya kana hubattanii akka naanno fi haala armaan gadii irraa fagaattan isinii ibsina,

1,Naannoo Mooraa Waraanaa,
2,Naannoo dhukaasaa
3,Naannoo hiriiraa

akkasuma Haaloota
1,Waliqabamanii taa’uu fi Deemuu
2,Halkan yaroo malee deemuu fi karaa keesa ta’uu, K.K.F,

Akkasuma yaroo ammaa kana Nuti Koreen Waajjirri Kominiitii Tokkummaa Baqattoota Oromoo Yaman, Haala biyyattii keesa deemaajiru ilaalchisee,
Gara dhimmi baqattootaa ilaalchisu maratti keesaa alatti rakkina hawaasni keenya keesa jiru kana dabarsuudhaan furmaata akka hawaasa keenyaaf rakkina keesa jiran kana keesaa argatan irratti halkanii guyyaa hojjachaa akka jirru hawaasni keenya hubachuudhaan, tarii namaa yoo rakkinni hatattamaa tokko baqattoota oromoo qunnamu jiraate akka itti gaafatamaa dhimma hawaasa baqattoota oromoo yaman qunnamuun beysiftan kabajaan isin gaafanna,

GALATOOMAA,

Koreen Waajjirri Kominiitii Tokkummaa Baqattoota Oromoo Yaman,

Lakkoofsa bilbilaa itti gaafatamaa Koree hawaasaa=734040970

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …