Oduu Haaraya

Oduu Gaddaa Guraandhala 6/2015

Hegeree Oromiyaa

Aaddee Fathiyaa Shaafii Hassan Guraandhala 4/2015 Magaalaa Cairotti Du`aan Addunyaa Kanarraa Boqatte jirti.

Aaddee Fathiyaa Shaafii Dhiha Oromiyaa Godina Ilu Abbaa Boraa Aanaa Corraa Bakka Ja`amutti Dhalatti Guddatte, Aaddee Fathiyaan Mucaa Gannaa 21ti.

Bara 2013 keysa Akkuma Oromota Biro Dhiibbaa Motummaa Wayyaanee jilaa Baqatudhaan Biyya Masrii Magaalaa Kaayro Keysatti Baqqatummaan Hawaasa Oromo Waliin jiraachaa jirti.

Garuu Guraandhala 3/2015 Iddo Hujitti Deemuuf Daandii Qaxxumuraa Oso jirtu Makiinaa yk Konkololaataa Humnaa ol Cehaa jiruun Akka Malee Rukutamte turte.

Warren Rukutamuu Isii Argan Lubbu Isii Baraaruf Gara Mana Yaalaatti Geyfamtullee Guraandhala 4/2015 Hospitaaluma itti yaalama turte sanitti Adunyaa Kanaraa Lubbuun Boqatte jirti.

Guyyaa Aaddee Fathiyaan Mana Yaalaa Galterraa Kaasee Gutuun Baqattota Oromo Magaalaa Kaayrotti Jiraatani Iddo Mana Yaalichaatti Argamudhaan Fayyaa isitiif Hawwanillee Du`aan Addunyaa Kanarraa Isaan Biraa Boqachuun Isii heddu Isaan Gaddisese jira.

Bifa Kanaan Guraandhala 6/2015 ” Hayyil Al-Aashir Masjiida Al-Salaam ” Bakka Ja`amutti Sirni Salaata Janaazaa ” erga irratti Raawwatamee Bodaan ” Iddo Awwalcha Muslimotaa Raabi`a Al-Adawiyyaa ” Ja`amtutti Sirni Awwaalcha isii Bifa miidhagaan gad geyfame jira.

Awwaalcha Isii Kanaaf Warreen Gumachaa Guddaa Godhan Keysaa Hojjattota Dhaabbata Pistiikii fii Aalima Oromo Kabajamaa Shek Mohammed Saanii Hoggaa tahan Gutuun Hawasa Baqataa Oromo Kaayro Akka Addaatti Shek Mohammed Saaniif Galta Guddaa Galchaa fi jiru.

Maayyirratti Aaddee Fathiyaa Shaafii Hassaniif Araaramaa fi Jannata Kadhataafii Firaa fi Aalii Isii Hundaaf Jajjabina Hawwinaa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …