Oduu Haaraya

Oduu Gaddaa

Hegeree Oromiyaatiin

waxabajjii 28/2015

Aaddee Bilqiisaa Ibrahim Ali waxabajjii 27/2015 du’aan Addunyaa kanarraa boqatte jirti.

Aaddee Bilqisaa Ibraahim Godina Baalee Aanaa Gasaraatti dhalattee guddatte .

Aaddee Biqisaan haadha ijollee 2ti.
Aaddee bilqiisaan akkuma Oromota biro hacuccaa fi miidhaa sirna wayyaanee jalatti jiraachuu dadhabudhaan ilmaan isii lameen fudhattee biyya ambaatti baqachuuf dirqamtee .

Aaddee Biqisaa Ibraahim baqattummaan kan itti jiraachaa jirtu biyya Misraa Magaalaa Cairo hoggaa tahu kaayro ganda Al-Ma’aadii ja’amu keysatti jiraachaa turte .

Haatahuu malee ji’ota 6n bodaa kana ni dhukkubsatti waan taheef wallanumuuf mana yaalaa heddu deddebi’aa qorichallee fudhataa turte.

Garuu guyyaa ballamaa du’aa abbaan fedheehuu bira kutuu waan hin dandenyeef ilmaani fi firota akkaan jaallattu biraa waxabajjii 27/2015 du’aan nu biraa boqachuu isitti nu hawaasni Oromo hedduu gaddinaa.

Haala kanaan bakka ilmaan Oromo baayyinaan irraa qoda fudhatanitti sirni awwaalcha isii waxabajjii 28/2015 iddo awwalcha Muslimotaa Masriitti sirna midhagaa fi gaddaatin raawwatamee jira.

Nuus maatii firaa fi Aalii isii hundaaf jajjabina hawwaa Obboleyti tenyaaf araaramaa fi jannataan haa qananiisu jenna.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …