ODPn GAAFIIN OROMOO AKKA DEEBII ARGATU GODHUUF FEDHII FI HUMNA QABAA?


Berhanu Hundee tiin

Akkuma beekamu amma maqaa jijjiirratee ODP jedhamee as haa bahu malee OPDOn duraanii dantaa Wayyaanotaa eegsisuuf akkasumas kaayyoo isaanii milkeessuuf kan dhaabbate waan ta’eef, dhaaba Oromiyaa keessatti Wayyaanota bakka bu’u ta’ee hojjechaa ture malee dhaaba kaayyoo uummata Oromoo qabatee ijaaramee miti. Asirratti wanti hubatamuu qabu, sagantaan dhaaba kanaa, akka waraqaarratti barreeffametti, waan uummata Oromootiif tolu fakkaachuu mala. Hojiidhaan wanti lafarratti mul’achaa ture garuu dhabni kun meeshaa diinaa ta’ee uummata keenya miidhaa akka turee dha. Haa ta’u malee, dhiibbaa sochiin uummata Oromoo isaanirratti godheen, namootni Sabboonummaa Oromoo qaban dhaaba kana keessaa as bahu danda’anii jiru. Hoggantootni haaraan kun Sabboonummaa Oromoo haa leellisan malee dhugumatti fedhii biyyoolessaa Oromoo (Oromo National Interest) eegsisuuf hojjechaa jiruu? gaafiin jedhu mormisiisaa dha.

Akka waliigalatti, kaleessi kaleessa, kan dabre seenaaf haa taa’u; dhaabni kun hanga ofjijiire jedhee as bahetti deeggaramuu qaba yaadni jedhu ka’uu mala. Haa ta’u malee, gafiilee yaada kana wajjin walqabatanii ka’an: 1) Dhaabni kun dhugumatti jijjiiramee jiraa? 2) Maqaa qofaatu jijjiirame moo kaayyoon isaas qulqullaa’ee jira? 3) Namoota Oromoof quuqaman muraasa ta’antu as bahaa jiru moo dhaabni kun dhugumatti keessi isaa haaromee jira? 4) Dhaabni kun dhimma Oromootiif dursa kennee, gaafiileen Oromoo akka deebii argatan godhuuf fedhii fi humna qabaa? fi kkf laaluun barbaachisaa dha.  

Dhaabni kun dhugumatti jijjiiramee jiraa?

Dhaabni tokko hoggansa haaraa waan filateef akkasumas maqaa moofaarraa gara haaraatti waan jijjiirrateef, jijjiiramni bu’uraa godhame jechuun hin danda’amu. Jijjiiramni jaarmayaa tokkoo kan madaalamu yoo kaayyon, sagantaan, mul’atni fi caasaan isaa guutumaa guutuutti haarome qofaa dha. OPDO yoo laalle garuu maqaa fi hoggansatu jijjiirame malee, sagantaan, kaayyoon akkasumas caasaan isaa jijjiiramu wanti agarsiisu hin jiru. Namootni Oromoof quuqaman dhaaba kana keessa jiraatanillee, akkasuma karaa faallaa ta’een kan fedhii fi dantaa dhuunfaatiif jedhanii diina ykn alagaa tajaajilan ammallee dhaaba kana keessa dhokatanii akka jiran ragaaleen adda addaa ni mul’isu. Namootni akkanaa kun immoo kallattiidhaanis ta’ee, al-kallattiidhaan waan fedhii saba Oromoo faallessu hojjechaa; iccitii dhaabichaallee diinatti beeksisaa akka jiran odeeffannoon gara garaa ni agarsiisu. Warra dhaaba kana keessatti karaa dhugaatiin hojjechuu barbaadanitti gufuu fi danqaraa ta’aa jiru jechuu dha. Kana birallee darbanii tokkummaa uummata Oromoo gaaga’aa jiru.

Gaafiileen Oromoo akka deebii argatan taasissuf dhaabni kun fedhii fi humnas qabaa?

Yeroo dhiibbaan sochii uummata Oromoo itti cimu fi akka hirriibarraa dammaqan isaan taasise sana, hooggantootni dhaaba kanaa haaraan Sabboonummaa Oromoo faarsuu qofaa osoo hin taane, gooftaan keenya uummata Oromoo ti jechaa akka turan ni yaadatama. Yeroo akkanatti haasa’an sana waanuma yeroo gabaabaa keessatti gaafii Oromoo deebisuuf kutatanii ka’an fakkaata ture. Wanti nama gaddisiisu garuu, erga dhiibbaa sana jalaa dandamatanii, afuura galfatan booda, hoognatooni dhaaba kanaa afaanuma Sabboonummaa Oromoo leellisaa turan sanaan deebi’anii “Itoophiyummaan Araada” jechuu jalqaban. Gaafiilee uummatni Oromoo kaasaa turan takkallee deebii hin arganne. Deebii argachuun hafee, siriidhaa uummatni Oromoo jumlaadhaan kan qayee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an erga jijjiiramni kun calqabee as waan ta’eef, jijjiirama dhaaba kanaa wajjin walqabatee, bu’aan uummatni Oromoo argate hin jiru.

Akka miseensa AWDUI fi dhaaba biyya bulchuu tokkoti dura biyya tasgabbeessuuf hojjechuun waanuma hubatamu qabuu dha. Haa ta’u malee, yeroo isaan Itoophiyaa fi dabrees Aafrikkaa Bahaa tasgabbeessuuf halkanii guyyaa dhama’aa jiranitti, uummatni Oromoo kan isaan maqaa isaa qabatanii siif dhaabbanna jedhan nagaa fi tasgabbii argachuu dadhabee, har’allee akkuma yeroo Wayyaanotaa sana rakkoo cimaa keessa jira. Karaa nagaa fi tasgabbiitiin wanti Oromoof fooyya’e hijn jiru yoo jedhame, dhara hin ta’u. Gaafiilee uummatni Oromoo kaasaa turan keessaa muraasa tokko akka fakkeenyaatti kaasuuf: Afaan Oromoo Afaan hojii Federaalaa haa ta’u; Dhimmi Finfinnee furmaata haa argatu fi kkf. osoo dafanii deebii argachuu qabanuu hanga har’aatti rarra’anii jiru. OPDOn isaan kana deebisuuf carraa argattee turte. Garuu carraa sanatti hin fayyadamne. Kanaaf, dhaabni kun fedhii fi/ykn humna hin qabu nama jiechisiisa.

Uummata Oromoo biratti deeggarsa akka argatu dhaabni kun maal godhuu qaba?

Dhugaa haa dubbannu yoo jedhame, hanga Oromiyaa bulchaa jirutti dhaabni kun deeggarsa uummata Oromoo argachuuf carraa qaba. Haa ta’u malee, deeggarsa argachuu yoo barbaade, dura keessa ofii qulqulleessee; caasaa isaa baddaadhaa hanga jalaatti haaromsee; jaarmayaa fedhii uummata bal’aa Oromootiif onneedhaan hojjetu ta’ee argamuu qaba. Yoo ayidoolojiidhuma dur san qabatee fi akkaatuma dur bare sanaan kan hojjetu ta’e, deeggarsa argachuun hafee, badii isaatiif bu’ura cimsaa deema. Jaarmayaan Oromoo kan fedhii biyyoolessaa Oromoo hin guutne kamuu booddeen ykn fulldurri isa dukkana. Dhugaan kun hubatamuu qaba. Keessa ofii qulqulleessuu yoo jedhamu kun waan baay’ee ofkeessaa qaba. Qabxiilee muraasa ta’an tokko tokko kaasuuf:

  • Garaa-bultoota fi warra diina fi alagaa tajaajilan ofkeessaa miiccee fi cuunfee baasuu
  • Adeemsa, tooftaa fi tarsiimoo shiraan xaxame kan Wayyaanota jalatti barame sana guutumaa guutuutti jijjiiruu
  • Caasaa isaa keessa deebi’ee qorachuudhaan, baddaa kaasee hanga jalaatti jijjiiruu
  • Warra taayitaa fi aangootti fayyadamanii tanaan dura uummata Oromoo miidhaa turan akka jiranitti caasaa bulchinsaa keessaa haquu
  • Namni Oromoo hin taane tokko miseensa jaarmayaa kanaa ta’uuf mirgi isaa eeggamullee, garuu ulaagaalee inni guutuu qabu ifatti lafa kaa’uudhaan miseensa taasisuu; kan ulaagaalee hin guutne ofkeessaa baasuu
  • Jaarmayoota Oromoo bobaa isaa jala galchee, hammatee taa’uu dhiisee, yoo barbaachisaa ta’e, walqixxummaadhaan akka waliin hojjetan godhuu
  • Keessumaayyuu immoo addatti ABO waliin hariiroo cimaa uumuu; akkuma dur wal ilaalaa turan sanati diina wal godhachuu dhiisanii tumsa waliif ta’uudhaan, humni Oromoo akka cimu godhuu
  • WBO laalchisee, shira hojjechuu dhiisee dhugaadhaan marii haqaa godhuudhaan furmaata egeree uummata Oromootiif ta’u ifaa ifatti lafa kaa’uu
  • Gaafiileen uummata Oromoo deebii akka argatan haal-duree tokko malee ejjannoo ifa ta’e qabaachuu fi kanaafis ciminaan hojjechuu
  • Oromiyaa keessatti hatattamaan nagaa fi tasgabbiin akka uumaman godhuudhaan; filmaatni dhugaa akka taasifamu jaarmayoota Oromoo wajjin ciminaan hojjechuu

Egaa, kan asitti tarreeffaman kun qabxiilee muraasa fi ijoo ta’anii dha malee, dhaabni kun dhugumatti dhaaba Oromoo bakka bu’u fi haqaan hojjetee, deeggarsa uummata bal’aa Oromoo argachuu yoo barbaade wanti irraa eegaman baay’ee dha. Yaa soogidda ofiif jedhii mi’aawi yookan dhagaa dha jedhanii achi si darbu.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

– MARSAA LAMMAFFAA – Kutaa Afraffaa – Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? …

Yaada kanaaf deebisaa kenni