Oduu Haaraya

Obboo Lammaa Magarsaa maalif Angoorraa kaafaman?

Dubbiin aangoo prezidaantummaa BMNO irraa kaafamuu #Obbo_Lammaa_Magarsaa wantootota dhokfamanii hambifaman hedduu akka qaban wantoota ta’aa oolan irraa arguun nama hindhibu. Sababni paartii fi mootummaan akkasumas miidiyaaleem mootummaa “hooggansa mootummaa federaalaa jabeessuuf” kun ta’e jedhan dhugaa miti.
1ffaa. MM Abiy Ahimedii fi miidiyaaleen mootummaa sababa Obbo Lammaan kaafamaniif bareechanii akka waan ‘positive’ ta’eetti agrsiisuuf hedduu dhama’aa oolani. Kanaaf ‘maaliif akkas dhiphachuun barbaachise’ gaaffii jedhu gaafachuun akkuma. Malli badhaasaan aangawaa geggeessuu MM Abiy mala nagaan nama ari’achuu akka ta’e Saamooraa irraa kaafnee argaa waan dhufneef kaafamuun Obbo Lammaa, kan #Aadde_Xayiibaa_Hasanis ariisaa akka ta’e hubachuun odeeffannoo dabalataa hinbarbaadu. Ariisaa gaafan jedhu akka aangawaan tokko isa tokko xalayaan ari’uuti jechuukoo miti, adeemsichi ifaadha. Lafa jalaan aangawootaa fi kaadiroota dhimmichi kallattiidhaan ilaallatu erga amansiisanii booda akkuma aadaa ADWUI ‘dirqama paartiin sitti kennedha’ jechuun kan raawwatamudha.

2ffaa. Dhimmi aangoo gadhiisuu #Obbo_Lammaa_Magarsaa fi #Aadde_Xayiibaa_Hasan ariisaa MM Abiyyiin hojiikoo jedhamee qindeeffame ta’uuf agarsiiftuu inni guddaan mala ittiin Obbo Lammaan bakka buufamee fi nama bakka isaa kaa’amedha. Obbo Shiimallis Abdiisaa miseensa Caffee Oromiyaa miti, kanaaf akkuma D/Tsiyooniif Tigraayitti taasifame, Takkeleef immoo BMFF irratti taasifame, dirqama inni ta’uun waan irra jiruuf kan raawatame ta’uu isaati. Gaaffiin gaafatamuu qabu namoonni muuxannoo jabaa, bilchinaa fi qophii ga’aa qaban kan akka #Obbo_Umar_Huseen osoo jiranii MM Abiy maaliif cichee Shiimallisiin barbaade isa jedhudha. Karoorri Abiy Ahimed kara Waajjira Prezidaantii BMNO hojjechuu fi agarsiisuu barbaadu waanbiraa ta’ee, Shiimmallisiin maaliif akka inni barbaade ifa galaadha; nama akka inni jedhutti gugguufee ergamuuf waan ta’eefi. Kanaan alatti kan Shiimallis ittiin namoota akka #Obbo_Umar_Huseen ittiin caalu tokkittiin hinjiru;

3ffaa. Miidiyaaleen hedduun adeemsa muudamaa har’a Caffeen kenne hordofuu barbaadanii akka dhowwaman himataa jiru;

4ffaa. Aangoo irraa kaafamuun #Obbo_Lammaa_Magarsaa akkuma MM Abiy Ahimed addabaabayiitti “prezidaantonni naannolee martinuu nikaafamu,” jedhee dubbate sanatti karooraan yeroon itti fudhatamee, qindeeffamee kan hojjetame malee akka MM fi miidiyaaleen biyyattii sobaa oolan “hooggansa mootummaa federaalaa jabeessuuf” miti. Silaa utuu akkas ta’e #Obbo_Gadduu_Aandaargaachoo erga aangoo irraa kaafamee hamma kana hoji malee hintaa’u ture. Utuu mootummaa federaalaa jabeessuuf ta’ee Obbo Lammaa gaafuma MM Abiy kaabinee dhaabbatu sana garas fudhachuutu dnada’ama ture.

5.ffaa #Obbo_Lammaa_Magarsaa matumti isaa wayita Caffee irratti dubbates ta’e bakka geggeessaatti homtuu gammachuun irraa hinmul’atu, fuulli isaa gadda malee gammachuu hin agarsiisu.

Walumaagalatti MM Abiy #Obbo_Lammaa_Magarsaa malaan siyaasa biyyattii keessaa ari’atee jira; ariisaa ifa galaadha, kanaachi baajata RIBf gaafatee yunifoormii fi meeshaa bituu malee dhimmoota siyaasa biyyattii irratt anis yaadan qaba wanti jedhamu hinjiru. Maali jarri hiriyootawoo akkamitti ta’a jettanii akka of hingowwoomsine nanabdadha.

Gaaffii inni hunda caalaa guddaan garuu MM Abiy maaliif yeroo rakkisaa kanatti #Obbo_Lammaa_Magarsaa fi #Aadde_Xayiibaa_Hasan ari’ate, ykn akka namoonni tokko tokko ibsanitti Abiy maaliif Lammaa dugda keessa waraane? Akkakootti deebiinsaa eenyummaa #Obbo_Lammaa_Magarsaa fi #Aadde_Xayiibaa_Hasan akkasumas Oromiyaa keessatti fakkii maalii akka isaan ta’anii fi karoora MM Abiy Oromiyaa irratti qabu keessa jira. ‘Muudamni’ #Obbo_Lammaa_Magarsaaf RIB irratti kenname waan guddaa waan ta’eefi akka isin naan hinjenne nan abdadha, hojiin inni itti ramadame hojii isa hingitnee fi hojii gadi aanaadha. Maali yoo jettan deemaa labsii aangoo Ministirri Ministeera RIB maal fa’i isa jedhu dubbisaa. Yaadakoo isa kana maxxansa itti aanu keessattan ibsadha.

~by Etana Habte.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …