Oduu Haaraya

Obbo Leencoo Lataa qabsoo Oromoo hanga fayyadan moo hanga miidhantu caalaa?

Barreeffama kana ilmi Oromoo kamuu dubbisuu qaba! Haqa Oromoon waggoota dheeraaf dheebotaa ture barruu gadii kanarraa nii argattu.
Du’a Jaal/Baaroo Tumsaa, Jaal/ Badhoo Dachaas, fi akkamitti akka Waraanni kuma 20 ol WBO irraa dhume? Mooraa Huursootti oromoonni kuma afurtama ta’an akkamitti dararaman? ABO maaltu hanga har’aa quucarse? Obbo Leencoo Lataa qabsoo Oromoo hanga fayyadan moo hanga miidhantu caalaa? ABO kaleessa leellisan har’a maaf jibbani? Kunooti
========
Faana Tokko hin Tollee
Waaqwayyaa Namootiin

Seenaa qabsoo Oromoo keessatti Oromoonni dammaqiinsa gahaan qabsoo Oromoof if kennanii wareega kafalan hedduu dha, wareegama lubbuu, qabeenya, yeroo, qaamaa fi kkf baasuun qabsoo saba Oromoo haala amma irra jirruun gahanii jiru. Kana keessatti seenaa tokko qofaan kaasuu barbaada. Innis “faana Obbo Leencoo Lataati” Obbo Leencoon akkuma qabsaawota kaamuu Oromoof qabsaawuun isaanii wal nama hin gaafachiisu. Ammo deemsa qabsoo keessatti “Faana ykn Dhaabbiin” isaan irra deeman bifa lama qaba. Gara tokkoon saba Oromoof bu’aa buusanii turan yoo jenne gara biraan ammo bakkuma deemanii gadi eejjetan maraitti rakkoo umuu fi badiilee godaannisi isaa bara irraa baratti kan ummata Oromoo miidhu dalaganii jiru ykn qabu. Barruu bifa gabaabaa kana keessa waan tolchan jennu irra faanni Obbo Leencoo dhaa bakkatti badii saba Oromoo irra geessise keessaa hamma xiqqaa tokko caqafna.
1. Dhalachuu IFLO fi Lola ABO Jidduu ture (Badii 1ffaa)

Seenaa Qabsoo Oromoo keessatti qabsoon hidhannoo fi siyaasaan qindaayee mirga ummata Oromoo falmuu kan jalqabe ABO ta’uu wal nama hin haalchisu.
Dirree Baha Oromiyaa keessatti Bara 1974 qabsoo hidhannoon yeroo eegaletti qabsaawoti qaqqaallii kanneen akka Elemoo Qilxuu, Jaarraa Abbaa Gadaa Mul’isi, Baaroo Tumsaa fi Badhoo Dachaasaa hedduu maqaa dhahuu kan dandayamuun haala akkaan hamtuu keessatti hidhannoon sirna gabroomsaa mootummaa Amaaraa yerosii dura gootummaan dhaabbataa turan, gootan qaqaallii kun naamusaa fi sansakkaa qabsoon tokko barbaachisuun taliigamanii wayita qabsoo gaggeessuu eegalan keessatti humni dabalataa Obbo Leencoo Lataafa magaalaa Finfinnee irraa gara qabsoo hidhannootti makaman. Obbo Leencoo Lataan yerositti leenjii waraanaa tokko illee osoo hin fudhatiin duratti Jaallan qabsoo warra duraanuu gaara ture jidduutti rakkoo fi wal dhabbii tasa hin eegamiin dhalchuu eegale. Olee bulee Jaal Baaroo Tumsaa rasaasaan rukutamee akkuma tasaatti wareegame; Badhoo Dachaasaas akkasuma wareega isaaf hin malle baasee QBO hogganoota Oromoon tasa deebi’ee argachuu hin dandeenye battala tokkotti dhabe. Obbo Leencoon guyyuma Jaallan wareegaman baqatee waraana biraa baduun biyya Jibuutii gale.
Sababaan wareegama hin mallee kana irraan gahame inni guddaan Obbo Leencoo Lataa ta’uu baroota dheeraaf seenaa Oromoo keessatti dubbatamaa fi haasaasaa gabaa keessaa ta’ee har’aan gahamee jira. Obbo Leencoonis kana of irraa ibsuu didee ukkamsee irra taa’aa jira. Fanni Obbo Leencoo Lataa eegala irraa bosona ykn dirree bahaa seene milkooma dhabee dhaaba Oromoo bakka lamatti baasee dhalachuu ykn uumamuu Jaarmiyaa Adda Isilaamummaa Oromoo(IFLO) kan jedhamuun beekamu, Jaal Jaarraa Abbaa Gadaan hogganamuuf sababaa ta’e. LFLO fi ABO baroota dheeraaf wal duraa dhaabsisee akka diinaatti lolaa fi wareega hin barbaachifne wal irraa baasa turan; diina(Dargii)yerosii if irraa lolaa kara biroo ammo walii isaanii wal lolaa qabeenyas ta’e lubbuu Oromoota hedduu qinsaasaa turaniiru.
Seenaa dheeraa bifa gabaabaa kanaan wal yaadachiisuu kan nama dirqu Obbo Leencoo Lataa eegala irraa faanni isaa milkoomna dhabee falfala ture.

2. Badii Bara Chaarteraa fi Cabiinsa Waraana ABO Yerosii.(Badii 2ffaa)

Bara 1991 sirni cunqursaa fi abbaa irree Dargiin aangoo irraa ka’uun wal qabatee injifatnoolee EPRDF fi ABOn gonfataniin ummata biyyaa waliin wal arguu fi Chaartera Cee’umsaa dhaabuun seenaa bara dhihooti. ABOn waraana isaa baroota dheeraaf ijaarate qabatee godinaalee Oromiyaa Bahaa fi Dhiha akkasumas kibba bahaa keessaa diina cabsee lafoota ofiin bulchu qabate, chaartera erga gales yeroo jalqabaaf waajjira isaa naannoolee Oromiyaa bakka gara garaa fi magaalaa Finfinnee Gullallee keessatti banate. Umanni Oromoof daangaa hamma daangaatti ABO waliin hiriiree qabeenya isaas ta’e hanga lubbuu isaa kennuutti gahe. Jaalalaa fi kabaja ABO fi WBOf qabu ummanni Oromoo if qusannaa tokko malee muldhise. Injifannooleen kunii fi tokkummaan ummata Oromoo osoo ifatti muldhatee jiruu,WBO humnda guddaa hanga 20,000 tilmaamu godinoota Oromiyaa keessatti horatee meeshaalee ammayyaa hidhatee waraana Wayyaanee yerosii cabsuutti qophii ta’ee osoo jiruu dubbiin akka tasaa waraana rifachiisuu fi haamlee cabsu,ummata Oromoo rifaasisutu dhagahame. “WARAANNI ABO MOORAA HAA GALU” WBOn baroota dheeraaf diina rifaasisee gootummaa fi murannoon kan eenyu iyyuu isa beeku akka loonitti mooraa waraanaa akka galu murtee Chaarteraati isa jedhuun Obbo Leencoo Lataa ajaja dabarse. WBOn meeshaan isaa irraa hiikamee tokkoo fi lamaan lakkaawamee mooraa seenee achi keechatti akka Wayyaaneen raashinaan qallabdu murtaaye. WBO yeroo duraaf raashina Wayyaanee irraa hin fuunee hin nyaannu jechuun yeroo dheeraaf nyaata lagate. Booda irra murtoon Obbo Leencoo hijii irra Oolee gootonni ilmaan Oromoo akka beeledaatti hiikkatanii mooraa seenan. Gochaa Faana Gubataa Obbo Leencooti.
3. WBO Mooraa Baasuu 1992 (Badii 3ffaa)

Murtoo Chaarteraatti jedhamee duraan WBO hiikkachiisanii mooraalee adda addaa lafoota fageenyaan WBOn wal arguu fi wal quunamuu hin dandeenye keessa qubsiifamee ture yeroo baatii muraasa booda ammo mooraa akka bahan ajaji Obbo Leencoo irraa yeroo lammeessoo darbe. Waraanni Bilisummaa Oromoo harka duwwaa mooraa keessa jiru irraa ajaji gogaa kenname “ABOns Chaartera Keessaa bahee waan Jiruuf WBOns moraa qubattan gadhiisaatii faladha” waan jedhutu ture. Yerositti Obbo Leencoon jireenya gaarii magaalaa Finfinnee keessa jiraatu,WBOn daggala isaatti harka qullaa deebi’e,meeshaa kuufame hin qabu, galaa fi uccuu gahaa hin qabu, qubsumaa fi dirree duraan bilisoomsee ture akka jirutti waraana Wayyaanee fi tikaan weeraramee hanga baatii muraasa WBOn mooraa turetti waraanni TPLF jala darbee lafa hunda qabatee jira.
Haalli kun kan itti bita gale WBO fi ajajoonni waraanaa murteeffatanii lola itti seenan, hogganootiin Koree Gidduu yerosii,Ajajoonni waraanaa,qondaaltoti siyaasaa,miseensi WBO dhiiraa fi dhalaan lubbuun isaanii haala hin barbaachifneen dhibbaa alaan dirree bahaa dhihaan wareega kafalan. Qabeenyi waraanaa fi ABO hedduun manca’e, waraanni hangi lolu lolee hangi hafes harka diinaa galee mooraalee TPLF “Haaromsa” jettee qopheessite kan akka Hursoo,Taaxeq, Diddeessaa fi bakkoota hedduu keessatti guuruun gootota Oromoo 40,000 ol tahan reebichaa fi qorqalbiin hedduu laaffiste.
Gochaa kana hundaan keessatti mortoo hin barbaachifne Obbo Leencoon kennaniin akka ta’e beekamaa dha.
4. Chaartera Booda Karaa Boolee Biyyaa Bahuu fi Karaa Boolee Biyyatti Deebi’uu .( Badii 4ffaa)

Waraanni ABO cabee hogganni isaa hedduun wareegamee,griin akka ta’uttuu rakkoo meeqaan booda biyyaa bahe, TPLF waraana qabde mara erga moora haaromsaatti galchite.
Wayita kanatti suuta eenyu illee osoo isaan hin gaafatiin yeroo waraanni darara arguttu bakka nagana jiraatan Finfinnee lakkisanii bara 1993 Finfinnee irraa gara Aurooppaati kan imalan Obbo Leencoon, wagga tokkoo oliif yeroo ABO fi miseensonni isaa godina hundaa qabamaa turan isaan nagaa fi bashaadaan Finfinnee keessaa mana Villaa Wayyaaneen kenniteef keessa turanii eenyu illee osoo isaan hin gaafatiin biyyaa bahan.

Haala kanaan biyya alaatti bahuun Waajiraalee ABO ala jirutti hirkatanii jireenya chaarteraa boodaa eegalan,yeroo kanatti hogganootiin wareega irraa hafanii bahaa fi dhihatti hafan qabsoo hidhannoo haaromsanii bifa haaraan jaaranii qabsoo itti fufan. Haalli kun kanaan osoo jiruu bara 1993 dhaabotiin siyaasaa Ethiopia haasaa nagaa waliin taasifna isa jedhuun Finfinnee irratti wal baallaman, Jaal Ibsaa Guutamaa ABO bakka bu’ee gara magaalaa Finfinneetti akka imalu yeroo ergametti Wayyaaneen TPLF akka inni FF galeen qabdee hiite, Sabboontoti Oromoo dhibbaatamaan lakkaawaman Jaal Ibsaan haa hiikamu jechuun hiriira TPLF irratti bahuun wal qabatee namooti hedduun reebaman qabamaniis hidhaman. Haaluma kanaan Obbo Leencoo Lataa ajaja ABO malee, Hoggana HD yerosii Jaal Galaasaa Dilboon osoo hin beekiin biyya Auroppaa irraa ka’anii Finfinne seenan. Sababiin isaan “Jaal Ibsaa Guutamaa kan wayyaaneen hiite hiksisuuf biyyatti deebi’eera” jechuun labstan. HD ABO yerosii Jaal Galaasaa Dilboos badii Obbo Leencoon balleessan kanaan Obbo Leencoo Lataa dirqama irraa ari’e.
5. Ajala ABOn alatti MM Mallas Zeenaawii dubbisuun WBO qabsoo hidhannoo hikachiisuu irratti mariyachuu (Badii 5ffaa)

Akka haaswamaa turetti barrii isaa 2005-2006 ta’a. Muummichi Misntera mootummaa Wayyaanee yerosii Mallas Zeenaawwiin imala gara biyya Norwayitti taasiseen wal qabatee Obbo Leencoo Lataa osoo ABOn hin beekiin maqaa ABOn qabsoo hidhannoo lagachuu sababaa jedhuun Mallas Zeenaa duubisuu fi bakka ABO bu’ee biyyatti deebi’uuf haasaa waliin taasisu iyyuu yerositti itti hin milkoofne; ammo sirna dhablummaan maqaa ABOn deemee Mallasiin dubbisuun waan badii ta’ee fi badiilee baroota dheeraaf ABO irran gahaa ture irratti hundaawuun Koreen Gidduu ABO Obbo Leencoo dhaaba keessaa ari’e.
6. ABO irraa bahee dhaaba Waltajjii Maree jedhamu ijaarsuun olola jiraa fi hin jirree deemsa qabsoo ABO irratti deemsisuu ( Badii 6ffaa)

Obbo Leencoon akka ABO keessaa umurii ture keessatti rakkina uumuu fi bakka inni jiru falmaa malee tasgabbiin jiraatee hin beeku jedhama haala Kanaan ABO irraa erga arihamee booda dhaaba Waltajjii Maree jedhu ijaaran. Biyyoota Auroppaa fi Ameerikaa keessaa harcaatota Dargii fi EPRP durii waliin ta’uun namoota seenaa qabsoo Oromoo waliin hidhata hin qabne waliin duula ifaa fi dhokataa deemsa mooraa qabsoo Oromoo irratti banan. Haalli kunis daran deemsisuu yeroo dadhabu. Kanneen jaarmiyaa ABO keessaa gananii turanii fi badiilee adda addaan ABO irraa arihaman biyya alaa keessaa walitti qabachuu eegalan. ABO Irrattis ololchiisanis milkaawuu hanqatan.
7. ADO (ODF) Jaaruu fi Itiyophiyummaa fudhachuun Amaara waliin mooraa qabsoo Oromoo irratti duula banuu( Badii 7ffaa)

Jaarmiyaan duraan jaaran Waltajjii Maree jedhamuun milkaawuu hanqatan,namoonni waliin eegalanis tokko lamaan irraa harca’anii mooraa Amaaraatti galan. Gariin itti galagalanii karaa irraa nu kaafte jechuun mufatan, haala kanaan milkaawuun hanqannaan dhaaba haaraa ADO jedhu namoota kanneen akka Obbo Diimaa Nagoo waliin bu’uuressan. Daandin qabsoo ABOn irra deemu sirrii miti kiyyatu sirrii dha,Oromiyaa jedhanii deemuun nu hin baasu, jaarmiyaa Amaraa Itiophiyummaa leellisan waliin Itiyopiyaa haaraa jaarra fi kkf jechuun daandii qabsoo Oromoonni kumaatamaa kitilaa irratti wareeganan irratti qoosuu fi akka taphaatti fudhachuun mooraa QBO jeequu guddoo yaalan. Haala kanaan bakka dhaqanii fi waltajjii biyya alaa keessatti ummatan mara irratti qaanya’uu fi arrabfamuun hawaasa Oromoo irraa isaan mudate. Kanattis kan mufatan murtoo addaa fudhatan “Biyyatti galanii qabbsaawuu” isa jedhuun eyyama mootummaa Wayyaanee malee biyya galeen qabsaawa jedhanii imala gara Finfinneetti taasisan. Wayyaaneensi Booleetti qabdee deebiftee biyyaa aariite.
8. Caamsaa 2018 ODF Qabatanii EPRDF waliin walta’uu (Badii 8ffaa)

Kunoo maggaanyaan nama kabale osoo hin kuffisiin biraa hin deemuu akkuma jedhan Caamsaa 2018 ammoo EPRDF waliin waltahuun haala QBO mooraa EPRDF diigaa jirtuu kana keessatti kufaatii Wayyaanee tursuu fi lubbuu itti horuuf gara biyyaa imalaa jiru. Faanni isaanii badii malee kan hin baatne gaaga’ama ummata Oromoo irratti harkisuuf deeman danda’amu of irraa eeguu dadhabamu ammo of irraa xiqqeessuuf umamtni Oromoof of qopheessuu qaba. Faana badii fi jeequmsaa fi diigumsaa baatanii kunoo waggaa 40 ol mooraa QBO rakkisaa waan jiraaniif ummanni Oromoo haxxummaan if irraa eeguu qaba.

Jaarmiyaa Gimbot 7 jedhaman biratti marraa meeqa kakatanii waliin kufnee kaana wal dhiifnee qaama kamuu waliin hin araaramnu jechuun itti wawwaataa turan,Gimbot 7 irra Wayyaanee filatanii kutan,Jaarmota Oromoos wal malee qofa qofa Wayyaaneetti galuun kufaatii fi badiisa guddaa dha jechaa fi wawwaachaa turan. Har’a maaltu dhalatee?? Ummanni Oromoo deebii isaa ni beeka.

Qabsoon Galii ishee osoo hin geenye hin dhaabbattu!

Horaa Bulaa

Caamsaa 2018

Waqwayyaa Namoo

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Half a century political game to democratize Ethiopia Is the game over or will it emerge again via destabilization?

  *By Malkamuu Jaatee, July 2018 “No use thinking of the past for its gone, …

Yaada kanaaf deebisaa kenni