Oduu Haaraya

Obbo Alwaan Jaabir Mazuuq Muddee 2/2014 Du`aan Addunyaa kanarraa boqatanii jiru.

Oduu Gadaa : Muddee 2/2014

 

Obbo Alwaan Jaabir Marzuuq Oromiyaa Harrgee Bahaa Aanaa Haaromaayaa Arddaa Qabrii Darrabbaatti dhalatee guddate.

Dhuma jahaatamotaa Bara Bulchiinsa Halasillaasee keysa akkuma Oromota biro biyya gadi dhiisee baqatuuf dirqame. Akka biyyaa baheen Sumaaliyaa Magaalaa Mogdishotti Qabsaawota Oromotti dabalame.

Qabsaawota Oromo kaannen waliin Liinjiif Gara Magaalaa Aden Kabajamaa Obbo Abdullaahi Lungoo fii waahellan heddu waliin Aden gale yk dhaqee . Garuu yaroo san umriin xiqqaa waan taheef qabsaawotaa Oromo waliin linjifamuu hin dandenye.

Haalaa kanaan Gara Biyya Sa`udii Arabiyaatti sossohe . Akka Sa`udii galeen Yaroo Bulchiinssi “Malik Al-Feysal” Biyya Sa`udii Bulchaa jiru naanno Jiizaanitti qabamee waraanaa Sa`uditti dabalamuuf dirqame .

Haalaa kanaan waraanaa Sa`udii keysatti dabalamee Daangaa Yamanii fii Sa`udii jiddutti waggaa16 ol tajaajile. Kanaan bodaa dhiifama gaafateen hayyama argatee turee.

Bifa kanaan xaleyaan biyyaa kennamteefii Ummata tahee akka jiraatu hayyamameef bodaan Gara Magaalaa Riyaaditti godaane ture .
Saddetamota keysaa nama kenyaan walarge.
Gaafasii kaasee nama kenyaa waliin jiraachaa jira.

Obbo Alwaan Jaabir Marzuuq Nama Ganna 74ti .Akkasuma Abbaa Ijollee 7ti. Gara Biraatiin Obbo Alwaan Jaabir Marzuuq Nama saba Isaatiif Heddu dhimmamu tahuuni bekkama.

Biyya Sa`udii Keysatti Ilmaan Oromo 100%45 isaatuu Irraa “Kafiila”Akka Isaan Hojjatanii Nageyaan jiraataniif deggarsa guddaa halkanii guyyaa oso hin jenne Ummata isaa tajaajilaan cinaa dhaabbachaa as geye.

Garuu gara bodaa kanatti dhukkubaa Sukkuraan hedduu erga miidhamee bodaan Muddee 2/2014 Mana Yaalaa “Shumeysiitti ” Du`aan Addunyaa kanarraa boqatee jira.

Gutuun Oromota Magaalaa Riyaad Du`aan Addunyaarraa Boqachuu Abu Nawwaaf kanaaf Hedduu Gadda hamaa fii naasuu cimaa keysatti argamu . Sirni gadda Alwaan Jaabir “Istiraahaa Najjoo ” Sh/Mansuriyaatti haalaa baayyee hawwataa taheen gad geyfamaa jira.

Nuus Gama kenyaan Obbo Alwaan jaabir Marzuuq yk Abu Nawwaafiif Araarama kadhachaa Warra isaatii fii ijollee isaa akkasuma firaafii
Aalii isaa hundaaf jajjabina hawwina.

G/Hegeree Oromiyaa
Muddee 2/2014.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …