Oduu Haaraya

Nuti Oromooni magalaa gudditii Suweden Stockholm fii nannoo isii jiran walitti dhufuun, qooda nurraa eegamu bahuuf murteeyfanne

Nuti Oromooni magalaa gudditii Suweden Stockholm fii nannoo isii jiran walitti dhufuun, qooda nurraa eegamu bahuuf murteeyfanne
Du’aan adunyaa irraa galuu Jaarraa Abbaa Gadaatiif gadda nutti dhagayamee irraa khan ka’ee Oromooni magalaa gudditii Suweden Istockholm fii nannoo isii jiraatan arra walitii dhufnee isaafiis Rabbi khadhannee ififiis iimana sabrii waliin eega jennee booda waa lama irratti gadi fageenyaan marihanne.

 

Mariin tenya akka armaan gadiiti.

Duraan dursinee baga nagayaan walitti dhufnee eega waliin jennee booda akka amantii muslimatti abbaa kheenyaaf du’aa’in Sheekha kheenya Sheekh Abdallaan nuuf godhamtee.  Itti aansuudhan waa lama irratti bal’innaan marihanneeti jirra. 
 
1. Joolleen Jaarraa Abbaa Gadaa akkamitti akka gargaaruu dandeenyuu
2. Akka yaadannoo J/Jaarraa Abbaa Gadaatiif siidaa itti dhaabuu dandeenyurratti turee khan marihanne. San booda ammaaf joolleen akka kharaa khoree waan khana qindeeysiteetiin akka gargaarru murteeyfanne. Garuu waan siidaa J/Jaarraa Abbaa Gadaa dhaabuuf walgahii biraa/koonfiransii maqaa Sooreessaa Jaal Jaarraa Abbaa Gadaatii akka goonu murteyfanneeti addan baane. Gama gargaarsa hatattamaa joollee Sooreessaa Jaal Jaarraa Abbaa Gadaatiif itti godhamu maqaa khoree qindeysituu guyyaa khanaatiin akka ergamuu  murteyfanne.
 Khoreen qindeysitee khunooti.
 
1. Micheal, Dirree Idris
2. Mohamed Sani Abdalla
3. Misbaa Idiris
4. Abdulhakim Alwaan
 

Konto oromoförening  Plusgiro 718729-7 galatomaa warreen Joollee Jaarraa Abbaa Gadaa gargaaruuf if qabdan hundi galata qabdan.      

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …