Oduu Haaraya

Nuti barsiisotni Oromoo ibsa gabaaba qabxii 8 of keessa qabu kana ummata Oromoo fi lammilee Cunqurfamoo biyyattif dabarsinee jirra.

Haala Yeroo biyyattiin Keessa jirtuu fi Kasaaraa siyaasaa Mootummaa EPRDF mudatee jiru irratti Ibsa barsiisota Oromoo dhaabbilee bararnoota Olaanoo Yuunibarsiitota garaagaraa irratti maqaa walga’ii tarsiimoo Siyaasaa jechuun wayyaaneen walitti qabde irraa kenname.

1. Sirni TPLF/EPRDF bulchiinsa Dimookiraasii Warraqaan kakatuu fi sirna
Federaalizimii daheeffachuun yakka raawwatuun Impaayera Itophiyaa waggoota
23 oliif bitaa jiru, ummata guddaa biyyatti keessatti argamuu uummata Oromoo
irratti yakka dugugginsa sanyii rawwaachaa as gahe. Sabaaf sablamoota biyyatti
tapha siyaasaan ala godhee qoddanna angoo ala taasisuun fallaa federaliizimii fi
dimookiraasii dhaabbatee, mirgoota siyaasaa, namummaa, amantaa, walgahuu,
ijaaramuu fi kkf ugguraa fi dhiitaa jira.

2. Jarraan amma keessa jirru biyyattii keessatti bara mirgi uummata Oromoo
ugguramee dhiitamee, Oromoon balleessa malee qe’ee fi qabeenya isaa irratti gara
laafina tokko malee ajjeefamaa, hidhamaa, qe’ee fi qabeenyaa isaa irra buqqa’aa
jiruu dha. Bara nagaan ba’ee nagaan galuu itti dadhabe, ilmaan isaa barsiisee
yeroo itti eebisifachuu hin dandeenye, bara mirgi Dimookiraasii fi namummaa
caalmaatti irraa mulqame, bara Oromummaa fi Oromoo ta’uu ibsachuun yakka itti
ta’ee dha.

3. Adeemsii fi tarkaanfiin abbaa irrummaa mootummaan wayyaanee/EPRDF
uummata Oromoo irratti mul’isaa jiru, barattoota, dargaggoota, barsiisota fi walii
galatti uummata Oromoo gara tokkotti fiduun wareegama qaalii baasee mirga isaa
kabachiifachuuf mootummaa nama nyaataa kana irratti caalaatti akka fincilu
taasisaa jira.
Kanuma bu’uura godhachuun barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo
warraaqsa FDG karaa nagaa fi Dimookiraasii ta’een jalqaba baatii Ebla 2014 irraa
eegaluun biyyatti keessatti gaggeessanii fi ittis jiran eenyummaa mootummichaa
ifatti mul’isee jira. Warraaqsa karaa nagaa fi dimookiraasii uummatni mirgaa isaa
kabachiifachuuf gaggeessa jiruuf karaa nagaa deebii kennuu fi mirga uummataa
kabajuu irraa uummata irratti ‘loltuu Agazii’ jedhamu bobbaasuun gocha
faashistummaa raawwateera. Mootummaa lubbuu ilmaan Oromoo akka malee
balleessuun, dhiiga uummaticha balleessa malee dhangalaasuun, jibbinsa uummata
Oromoof qabu ifatti mul’isaa jiruu dha. Roga kanaan yakki dhiifama hin qabnee fi
seera Idil-Addunyaa duratti mootummaa wayyaanee/EPRDF gaafachiisuu
uummata Oromoo irratti raawwatamee jira.

4. Murni sobee maqaa dimookiraasii warraaqsaa fi sirna federaalizimiin kakatu
kun, caalmatti uummata Oromoo afaan, aadaa, eenyummaa fi tukkummaa isaa
cabsuuf, akkasumas ummaticha qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqisuuf waggoota
dheeraa itti yaaduun ‘’maqaa Master plan Finfinnee’ jedhu qindeessee as bahe.
Kanaanis ummaticha irratti dachaan waanjoo garbummaa fe’uuf mootummaa fiiga
jiru dha. Adeemsi kun ummatni Oromoo tokko ta’ee walcina dhabbachuun akka
falmatu isa godhee jira.

5. Mootummaan abbaa irree wayyaanee fi bittoota Habashaa dabareen aangoo
biyyattii irratti walfuraa turan waliin wanti adda godhu yo jiraate maqaa qofa.
Angawootni EPRDF/TPLF mirga namummaa fi mirgoota dimookiraasii adda
baasanii kan hin beekne, afaan qawwee qofatti amanuun kan jiraatanii dha. Maqaa
walga’ii siyaasaa tarsiimoo ADWUI jedhuun barsiisota hayyoota sadarkaa
Adunyaan keessa jirtu guyyuu hordofan walitti qabuun qaanii dha. Adeemsii kun
mootummicha jaamaa doobbii seente godhee jira.
Yeroon kun yeroo addunyaan sirna Dimookiraasii dhugaa keessa jiraachuu
wayyaaneen quba hin qabu. Mootummaan kun baroota dheeraaf maqaa
dimookiraasii sobaa fi federaalizimii fakkeessan mootummoota gamtoomaniif
dookumentii dhugaa qabatamaa waliin wal hin fakkaatne dhiyeessuun har’a ga’ee
jira. “Karaan sobaan darban galatti nama dhiba’’ akkuma jedhamu adeemsi
wayyaanee/EPRDF laaqii siyaasaa keessatti kufee akka baduuf sababa guddaa dha.
Walga’iin Tarsiimoo kunis rakkoo kana keessaa kan wayyaanee baasu utuu hin
ta’iin daran kufaatii isaa kan saffisiisuu dha.

6. Mootummootni abbaa irree afaan qawweetti amanan yeroo uummatni cunqursaa
fi gadi qabaa isaanii dadhabee, nu hin bulchitan jedhee irratti ka’u, rakkoo fi
qawwaa dadhabbii isaanii cuqqallachuuf humna waraanaan uummata doorsisu;
maqaa walga’ii jedhu qindeessuun yaada uummata dura dhaabbatu; fiilmii fi
taphoota bashannansiisaa qopheessuun yaada uummataa fi dargaggootaa gara
dabarsuuf manneen filmii fi Araadi adda addaa akka babal’atan eeyyamu.
Miindaan hojjettoota Siviliif dabalame jechuun labsii baasu. Adeemsii kun
warraqsa uummataa hambisuu kan hin dandeenye oggaa ta’u, bittootni warraaqsa
kana ittiin qancarsuuf garuu akka meeshaatti dhimma itti bahuuf carraaqan.
Ummatni Oromoo fi lammiileen sabaaf sablamootni cunqurfamoon biyyatti
adeemsa kanaan akka mirga keessan falmachuu irra duubatti hin deebine dhaamsa
keenya.

7.Walumaa galatti nuti barsiisotni dhaabbilee barnoota olaanoo Yunibarsiitota
garaagaraa irratti maqaa walga’ii tarsiimoo siyaasa wayyaanee EPRDF ‘n walitti qabamnee jirru; yeroo kanatti gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa
uummata Oromoo bakka jirruu finiinsuun dirqama dhalootaa ba’uu qabna malee
abbaa irree qawweetti amanuuf hin jilbeenfannu.
Gaaffiin uummatni Oromoo fi barattootni Oromoo gaafachaa jiran gaaffii keenya;
deebii sirnaa argachuu qaba. Ummata keenyaa fi dargaaggoota Oromoo gaaffii
mirgaa qofa waangaafataniif jumlaan ajjeefamaniif mootummaan itti gaafatamuu
qaba. Kanneen jumlaan hidhatti guuramanii murtii haqaa dhabanii rakkachaa jiran
haal duree tokko malee hiikamuu qabu. Manneen Murtii Oromiyaa keessa jiran
ilmaan Oromoo fi uummata Oromoof murtii haqaa kennuu qabu. Barattootni
Oromoo bal’eessaa malee barnoota irra ari’ataman gara barnoota isaaniitti deebi’uu
qabu. Master Planiin Finfinnee hatattamaan haqamuu qaba.

8. Nageenyii fi mirgi keenya Yuunibarsiitii biyyatti keessatti dhiitamaa fi balaa irra
bu’aa jira. Barsiisotni yuunibarsiitii biyyatti irraa lammii keenya barsiisa
jirru nageenyi keenya eegamaa miti. Waraanni mooraa Yuunibarsiitii keessa
buufatee jiru nageenya keenya sarbaa jira. Tajajila barbaachisu kanneen akka mana
galmaa, geejjibaa fi kkf dhabuun hannaaf saaxilamnee jirra. Dabballee sirnichaa
homaa hin beekneef haalli jiruu fi jireenya mijateefii beektotni lammii biyyatti
qaraa jirru tuffatamnee waan jirruuf, mirga keenya, akka waliigalaatti immoo
mirga uummata keenyaa kabachiisuuf yeroon warraaqsa sochii karaa nagaa
gaggeeffamaa jirutti makamuun mootummaa qawwee fi irreetti amanu karaa irraa
maqsinu amma.

Waan ta’eef bakka jirru hundaa adeemsa mootummaa wayyaanee dura
dhaabbachuun haa fashaleessinu jechuun nuti barsiisotni Oromoo ibsa gabaaba
qabxii 8 of keessa qabu kana ummata Oromoo fi lammilee Cunqurfamoo biyyattif
dabarsinee jirra.
Injifatnoon uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …