Oduu Haaraya
nilson mandeellaa

Nelsan Maandeelaan Du’an Boqotan

06.12.2013

WASHINGTON, DC — Prezidaantiin Afrikaa kibbaa duraanii Nelson Maandeellaa umrii isaanii 95tti kamiisa kaleessaa du’an boqotanii jiran.Uummanni addunyaa irra jiru prezidaantii gurraacha Afrikaa kibbaaf isa jalqabaa ta’an kanaaf gadda itti dhaga’ame ibsaa jira.

Namoota hedduu biratti maandelaan Goota.Nama kaka’uumsa qabu nama jabaa fi mul’ata qabu. Yeroo baayyee nama gad of qabu, nama gaarii, amanamaa, nama warra biraafis yaadu.

Ta’uun beekamu. Nelson Mandelaan Adooleessa 18 bara 1918 dhalatanii naannoo dur gurraachonni Afrikaa kibbaa keessa jiraatan Transkei jedhamtu keessatti guddatan.

Nelesen MaandeellaaNelesen Maandeellaa

Bara dargaggummaa isaanii sochii farra Apaartaayiid keessa seenuun paartii Afrikaan Nashinaal Kongrees ykn ANC jedhamutti dabalaman.Bara 1940 ANC keessatti damee dargaggotaaf hogganaa ta’an.

Maandeellaan kooleejii fi mana barnootaa kan seeraa yeroo seenan nama ANC keessaa Oliver Thamboo wajjin turan.

Yeroo jalqabaafiis waajiira gurraachaa kan waa’ee seeraa irratti hojjatu Afrikaa kibbaa keessatti banan.Gurraachootaaf gorsa seeraa baasii tokko malee tola ykn gatii xiqqoo gaafachuun gargaaraa turan.

Mootummaan Afrikaa kibbaa bara 1960 paartii ANC kan uggure ta’uus garuu dhoksaan sosso’uu itti fufan.

Maandeelaan yeroo baayyee polisoota harkaa miliqaa turan.kanaafiis haadha warraa isaanii ishee lammataa Winne irraa adda ba’anii jiraachuuf dirqaman.

Bara 1962 Maandeelaan hidhamanii mootummaa irratti shiran  jedhamanuu yakka ilaalchatti dhiyaatan.Tarkaanfiin fudhadhe hogganaa uummanni Afrikaa hawaasa bilisoome akka qabaatuuf qabsaa’uu kooti jechuun falman.

Waggaa lama booda adabii hidhaa umrii guutuu irratti muramee handara galaana keeptaawoon kan jiru mana hidhaa odoola Roobiin keessatti hidhaman.Mana hidhaa hamaa kana keessatti waggootii 18 eega hidhamanii booda/ bara 1989 qabsoo hidhannoo ANC gaggeessu balaaleffadhu hidhaa ba’ii jechuun waamiicha mootummaan dhiyeesse didan.

Garu waggaa tokko booda bara 1990 prezidaantiin yeroo sanaa Freedriik de clerk paartileen siyaasaa kam iyyu seeraan kan deggeraman ta’u eega labsanii hidhamtoota siyaasaa harka caalaa waan hikaniif maandellaanis hiikaman.

Bara 1991 maadellaan prezidaantii ANC ta’uun filataman.

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …