Oduu Haaraya
qanniisaa fi sarittii

“Namuu mormii godhuuf mirga ni qaba, bakki itti mormii godhanii fi haalli itti godhan garuu filatamuu qaba.”

Atleet Qananiisaa Baqqalaa, biyya Germany, magaalaa Berlin’tti Maaraatoonii fiiguuf yeroo argametti waa’ee mormii diddaa gabrummaa atleetotni fiigicha irratti agarsiisaa jiran kana akkamitti laalta jechuun yeroo gaafatametti, “namuu mormii godhuuf mirga ni qaba, bakki itti mormii godhanii fi haalli itti godhan garuu filatamuu qaba. Ispoortiin siyaasaarraa qulqulluudha. Mootummaanis furmaata fiduuf karaa dimokraatawaa ta’een ummata mariisisuuf carraaqqii godhaa jira.” jechuun dubbate. Akkasumas mormii Fayyisaa Leellisaa godhe irratti yaada isaa yeroo gaafatametti, “Fayyisaan waan itti dhaga’amee fi waan gochuu barbaade godhe. waan godheefis ni beeka ta’a. Yoo isa gaafatte wayya” jechuun dubbii cufe. Itti dabalee yeroo “sababa ati Oromoo taateef dhiibbaa sirratti godhamee Rio irraa si hambisanii?” jedhee namtichi gaafate, “saniifii miti, ispoortii keessatti rakkoon ni dhalata. Namni atleetota filu santu filuu hin beeyne ta’a.” jechuun deebise.

Check Also

taayyee fi abiyyi

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha …  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan …