Oduu Haaraya

NAMNI OROMUMMAAF YAADU GALATA QABA!

Namoonni tokko tokko akkaataa itti komatan malee akkaataa itti dinqisiifatan hin beekan.
Oromoo fi Oromummaan maal akka taatee fi qabsoon Oromoo garamirraa garam deemaa jirtii warreen irraa quba hin qabneetu qabsaa’ootaa fi qabsoo Oromoo faalleessaa jira. Nama ifiif if baree eenyummaa ifii beekuutu tan namaa dubbata. Garuu Namni ifiifuu if hin beeyne waan dubbatu hin qabu. Namoonni tokko tokko  “Oromoon Maali?” Jattee yoo gaafatte warreen deebii hin qabneetu,afaan qaratee nama dhugaa arrabsa.

Namni Oromummaaf jedhee hadoodu,namni Oromummaaf jedhee falmatu,namni Oromummaaf jedhee qabsaa’u nama mataa isaatiif osoo hin taane,sabasaatiif dhaamotu. Guyyaa tokkollee ta’u namni sabaaf yaadee waan dhimma saba isaa dalage galata guddaa qaba. Garuu nama akkasii sanitti gufuu ta’uun hamilee wal cabsuudha. Wal komachuu,wal arrabsuufi maqaa wal xureessuun,garayyuu nu hin geessu! Yoo walii gallee,wal dhageenyee,wal kabajnee,wal dandeenye,wal jala bobbaane qofa bakka yaadne geenya. San ta’uu baannaan garuu wanni tarru hin jiru. Xumura irratti jecha Dr.Sheek Mohammed Rashaad Abdullee (Rabbi Rahmata Haa Godhuufii) jedhe tokkoonin xumura.

Manni yoo qaqal’iin qajeelte,yoo dagaleen tolte,yoo utubaan qajeelee tole,manni ni tola. Hoggaa taan ni
jallata. Haa tayuu ogeessi mukni jallate je’ee hin darbu. Muka biyya jiruun dallaya jaaran je’anii. Gama
inni itti jallate san,mogoleetti suuta dhidhiibee if duuba deebisa.Ammas akka bakka dhawameen saniin hin laafanne,muka qajeelfame kana muka
qajeelaa lama jidduu kaayee yookaa dhaabee waliin dagalcha.”
——————————

Maaliif wal komanne
maa wal arrabsine?
Maqaa wal xureessuu
maa aadaa godhanne?
Maaliif walin taane
wal jala maan yaane?
Silaa walii gallee
qaata bilisoomne!

Kan sabasaa jibbee
qabsaawaa arrabsu,
Kan hojii godhatee
sabboonaa faalleessu,
Humaa keessan jiru
Ofirraa odeessaa
Gurra hin kanninaaf
dadhabatee usaa!

Oromummaaf jecha
wal jala hiriiraa
Komii lakkisaa
yaadaan wal deeggaraa
Nama sabaaf yaadu
maqaan balleessinaa
Yaadasaa hubadhaa
arrabsuun baddinaa
Fageessanii yaaduun
isiinuu guddinaa
Tokkoomanii ka’uun
waan yaanne arganna.

Check Also

baqqalaa gabraa

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa’aa …