NAANNUMMAA FI BILXIGINNAA

Bilxiginnaan naannummaa akka tooftaa haaraatti as baasuu eegallaan barruun waggaa 14 dura bara 2006 akkuman barnootaaf Ameerikaa dhaqeen dhimma naannummaafi siyaasaa Oromoo ilaachisee kora OSA irratti dhiheesse tokko kuusaa/ archive/ keessaa baasee ilaale. Waan bara san dhiheesseefi sanii as hubadhe irratti hundaayee waan Bilxiginnaan deemtuun irratti xiinxala gabaabduu isii isiniif dhiheessuufin kan armaan gadii kana katabe

Barruun sun humnoota naannummaa Oromoo jidduutti fayyadaman bakka lamatti qooddee dhiheessite. Humnoota keessoofi kan alaa ( internal and external actors). Kan alaa diinota Oromooti; keessattuu warra aangoo mootummaa Itoophiyaa harkaa qabachaa ture. Kan keessoo immoo murnoota siyaasaaa Oromooti. Humnoonni alaafi keessoo kun naannummaa akeeka garagaraaf fayyadamu. Humnoonni alaa Oromoo qoqqodanii cabsuuf yoo ta’u homnoonni keessoo ammoo ol’aantummaa murnaafi bolola angoof fayyadamu.

Bara Minilik, Haylasilaasseefi Darguu namaafi lafti Oromoo akka walitti hin hidhamne godinootatti hiranii saba Oromoo kannneen biroon walitti xaxanii kaayan. Kifla Hager waan jedhamaa ture san keessattti lafti Oromoo, Oromiyaan, adda qircamtee kan warra biroon walitti hidhamte. Kun Oromoon caasaa waloo akka hin qabaanneefi caasaafi xiinsammuun akka adda fagaatuuf ture.Kana qofa miti. Maqaan waloo saba kanaa lagatameefi dagatamee sabni qircamee teessuma lafaa,( sunuu tan eenyummaa sabichaatin wal hin qabanne), Wallagga, Harargee, Wallo, Shawaa kkf jedhamu olkaafamee sabni akka ittin waamamuufi saniinis of beeku ( regional self identification) gochuuf yaalame. Bara Mallasaa ammoo qabsoo hadhaawaan Oromiyaan jaaramnaan OPDO keessatti murnoota naannoleen waldorgomsiisuun waliif tumsuun akka hin jiraanne godhuuf yaalamaa ture.

Waliigalatti diinonni Oromoo eenyummaa, hariiroo, seenaa, gocha waloo Oromoon qabu xiqqeessaa, danqaa, busheessaa achumaan ammoo qoqqoodama babal’isuu akka tarsiimoo siyaasaa humna Oromoo itti laaffisanii moo’ataniitti fayyadamaa turan. Ummanni tokko dantaa waloo ifii tarkaanfachiisuuf eenyummaa waloo cimaa uummachuu qaba. Eenyummaa waloo ummata tokkoo diigde ykn laaffifte taanan, humna waloon dantaa isaaf tarkaanfachiisuu qabu dhabsiifte jechuudha. Yoo angorra jiraatte humni sun waloon akka sirratti hin fincille goota. Yoo jarri aangoo qabaate ammoo waloo isaa san diiguun laaffiftee akka kuffiftuuf gargaara. ( No effective collective action without collective identity. Without collective action, no collective gain). Ijaa kana ta’eefiidha Sirnoonni Minilikii hanga Darguu jiran sabboonummaan Oromoo akka hin biqilleef Oromoo godinoota garagaraatti qircee wal wallaalchisuu yaalaa ture. Warri Wayyaanee ammoo sabboonummaan Oromoo biqilee guddatee Oromiyaa jaarrate sun walqoccolaafi dorgommii keessoo naannummaa irratti hundaayeen keessaan akka laamshawu ( internal paralysis) gochuu akka tarsiimotti fayyadamaa turan. Garuu shira sirnoota Nafxanyaas kan Wayyaanees irra aannee as geenye.

Gama biraatiin murnoonnifi hogganoonni Oromoo dorgommii keessoo ( internal factional rivalry) godhamuuf naannummaa akka tooftaa tokkotti fayyadamaa turan. Hogganoonni aangoo jaarmayootaa qabachuuf ykn irra turuuf namoota naannawa isaaniitti dhalataniin of marsu ykn warra naannawa biraa ofirraa fageessu. Namoota naannoo dhaloota isaaniitiin of marsuun amanamummaa (loyalty) isaanii mirkaneeffachuu barbaadu. Warra naannawa biroo ofirraa dhiibuun aggaamii ( threat) aangoo isaanitti dhufuu malu hirdhisuuf akkas godhu.

Naannummaa akka tooftaa dorgommii aangoo keessootti fayyadamuun sababoota qabsoo Oromoo laamshessanii tursiisan keessaa isa tokko. Kunis naannummaan eenyummaa waloo laaffisa. Eeenyummaan waloo hojii waloof murteessaa waan ta’eef hogganaan tokko naannummaa fayyadamuun goommaa konkolaataa ofii oofu uruun hafuura hirdhisuu jechuudha. Jaarmaa tokko keessatti naannummaan jiraachuun hoggansi dandeettiifi hojiin osoo hin taane dhiheenya waliif qabuun aangoo irra akka taa’ufii hojiifi hojjataan akka wal hin geenye godhe ( loyalty over competence). Walshakkiin babal’atee mooraa qabsoo Oromoo qilleensa seensisee yeroo adda addaatti dhaabbileen murnatti akka caccaban godhe. Kuni tahuun isaa tarsiimoo diinni tokkummaafi sabboonummaa Oromoo laaffisuuf fayyadamuufis gumaata guddaa godheera. Dogongora hogganoonni sababa morkii aangootiin ka’anii naannummaa fayyadaman sanis balaa uumuu malu hirdhisnee Oromummaan naannummaa injifattee qabsoon sabaa har’a geesse.

Naannumaa bara Bilxiginnaa

Ji’oota dabran kana akka argaa jirrutti Bilxiginaan naannummaa akka diinaattis akka murna Oromoottis itti fayyadamaa jirti. Kuni maal jechuu akka ta’e mee haa ilaaluu.

Bilxiginnaan Itoophiyaa lumuxxii gubbaa hamma gadii takka taate ijaaruu kaayyeffattee kaate. Itoophiyaa siyaasaan eenyummaan keessaa bade, kan caasaan bulchiinsaa eenyummaa sabaa irratti osoo hin taane teessuma lafaatiin ta’e ijaaruu hawwiti. Akeeka kana galmaan gahuuf ammoo eenyummaan sabummaa badee kan biyyooleessaa akka ijaaramuufi abjootti. Muldhata Itoophiyaa akkasii san dhogoomsuuf danqaan guddaan sabbonummaa sabootaati_ keessattuu sabboonummaa Oromoo.

Oromoon saba lakkoofsaan wayyabaa, kan lafti isaa baldhaafi teessoo mootummaa marsitee jirtu irra qubatee waan jiruuf, humna mootummoota dhufaa dabraa rakkisaa tureedha. Kanarraan sabboonummaa finiinaa yoo itti dabaltu humna mootummaa ( state power) laamshessuu danda’u qaba. Kana ammoo Wayyaanee irratti agarsiisee jira. Kanaafuu, Itoophiyaa Bilxiginnaan hawwitu ijaaruuf sabboonummaan Oromoo akka gufuu hundarra guddaafi hamaatti ( existential threat) ilaalama. Kanaafuu, Bilxiginnaan, akeeka ishii galmaan gahuuf sabbonummaa Oromoo laaffisuun yoo dandeesse diiguun barbaachisaadha jette amanti.

Sabbonummaa Oromoo dadhabsiisuuf ammoo Oromummaa laaffisanii gandummaa dhaadhessuun barbaachisaadha. Akeekni kun kitaaba Ida’amuu (medemer) keessatti irra dibamee dabramus barruulee leenjii paartichaa kan Adaamaatti barsiifamaa ture keessatti ifatti kaayameera. Akka barruu kana keessatti arginetti, Oromoon sabaa miti hamma jedhamuutti deemame. Waliigalatti, muldhanni biyya ijaaruu ( nation building) Bilxiginnaa kan mootota Minilikii hanga Darguu yaalameen garaagarummaa hin qabu. Muldhata kana galmaan gahuufis tarsiimoo walfakkataa hordofuu barbaadan; tarsiimoo Oromummaa laaffisanii gandummaa babal’isuun sabboonummaa Oromoo laamshessuu.

Garuu ammoo bilxiginnaan tarsiimoo naannummaa kan diinni fayyadamu qofa osoo hin taane kan murnoota Oromoo keessatti baratamettis dhimma baati. Akka dhaaba ilaalcha farra-federaalawaa kan Itoophiyaa eenyummaa takkaa ijaaruuf hawwuutti sabboonummaa Oromoo balleessuu barbaaddi. Kanaaf ammoo dhaaba ofii ishii keessatti akkuma Mallasaa irraa baratte qondaalonni caasaa paartiifi mootummaa gubbaa jiran naannummaan walqoodanii akka walqoccolan gooti. Hoggansi ( elite) Oromoo sabaan osoo hin taane naannoon walqindeesse akka morkiifi atakaaroo seenu feeti. Gara biraatiin ideology Bilxiginnaa Oromoon tokkummaan akka dura hin dhaabbanneef naannummaan akka babal’atee Oromummaa laaffisu hawwiti. Kanaaf ammoo namoota atakaaroo murnaa mooraa qabsoo keessatti uumamaa ture keessatti jibba gandummaa hamaa horatan biyya keessaafi alaa of jalatti gurmeessitee duulchisaa jirti. Wanti hubatamuu qabu, Bilxiqinnaan akka murnoota Oromoo amma dura naannummaatti fayyadamanii naannoon kiyya jettee ofitti qabdee kaan ofirraa qabdu hin jiru. Naannummaan safara hundattuu akka bababla’tuufi naannoon marti akka walitti duulu barbaaddi ( war of all against all). Kanaaf ammoo ragaan namoota summii gandummaa qaban kan naannoo hundaatuu of jalatti jaaruu ishiiti. Namoota kana akka waan isaan naannoo dhaloota isaaniitii looganii kaan jibbanii fakkeessuun gamaa gamana dhaabdee walitti duulchifti. Kana ammoo kan dura dhoksaan hojjatamaa ture amma qaanii tokko malee ifatti baaste. Tarsiimoon isaanii falmaan siyaasaa dhaabbileefi hogganoota jidduu jiru dhimma ideology osoo hin taane, atakaaroo gandummaa akka ta’uudha. Ilaalcha Bilxiginnaa kan Oromummaafi sabboonummaa diiguuf karoorfate naannoo dhiisii namni Oromoo qalbii qabu kamiiyyuu akka hin deeggarre waan beekaniif

Kanaafuu, hamma naannummaan alagaafi murnoota Oromoo hanga ammaa qabsoo keenya miidhe caalaa kan amma Bilxiginnaan deemtuun kun baay’ee hamaadha. Sababnis, yeroo ammaa kanatti Bilxiginnaan keessaan akka rirmaa alaan immoo akka hawwaannisaatti tokkummaafi sabboonummaa Oromoo qoorquuf socho’aa jirti.

FALLI

Falli guddaan hanga ammaatti tooftaa naannummaa alagaafi jallaan keenya nuttiin deemaa ture irra aanuuf nu dandeessise Oromummaa irratti cichuudha.Ammas sanumatu fala. Dabalataan immoo;

– Aggaammii bifa naannummaa qabuuf deebii walfakkaataa kennuu osoo hin taane irra guddatanii argamuudha. Arrabsiituun, hattuunifii diigduun godinni filatee bakka buufate hin jiru. Kanaafuu jechaafi gochi keenya Oromummaa irra gara naannummaaf gandummaatti akka gadi hin buune godhuun barbaachisaadha;

– Ajandaa diiggaa diinni keessaafii alaa nuuf dhiyeessurratti xiyyeeffannaa godhuu osoo hin ta’in galma qabsoo keenyaa irratti xiyyeeffachuudhaan waan tokkummaa keenya cimsan irratti jabaannee hojjachuun murteessaadha;

– Qaamota garagaraa kanneen beekaniis tahee osoo hin beekin dhimmoota badii akkanaa facaasan gorsuu, barsiisuufii badii isaanii irraa akka deebi’an gochuunis barbaachisaadha;

Dhumarratti Oromoon saba bal’aadha. Gosootafi amantii hedduu qaba. Teesuma lafaa guddaa, baddaafi gammoojjii irra qubata. Balada ( customs) hundeen isaanii tokkoo kan garuu birkiileen halluu garagaraa calaqqisan qaba. Kuni uumama saba kanaati. Qoqqodamiinsi uumamaa ( natural fault lines) kunniin shira dogongora keessoofi shira alagaatiif akka nu saaxilu hubatanii dammaqiinsaan hojjachuu feesisa. Bal’ina saba kanaa manage gochuu malee balleessuun hin danda’amu. Diinni baldhina (diversity) kana itti fayyadamee akka humna sabichaa hin laaffifne hojjachuu feesisa. Hojii kana keessaa tokko dhaabbileen siyaasaa, hawaasummaafi diinaggee maqaa Oromiyaafi Oromoon dhaabbatan baldhina kana akka calaqqisan gochuu feesisa

Nagaan Oolaa !!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

BAAY’INNI UMMATAA NAMA YAADDESSAA

Baay’inni ummataa nama yaaddessaa Akkamitti baana rakkoo kana keessaa!! Namni maa akka lukkuu ilma hanqaaqaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *