Oduu Haaraya

MURTII GAMTAA AWROOPPAA (EU) IRRAA OROMOON MAAL EEGGATA?

 

(Dura obsaan dubbisaa xumuraa, eegas ammoo ‘Share’ godhuun dabarsaa)

(Saphaloo Kadiiriin)

Akkuma beekkamu gamtaan Awrooppaa (EU) dhimma fincila Itoophiyaa keessatti taasifamaa jiruun wal qabatee mootummaan wayyanee tarkaanfii duguuggaa sanyii raawwachuun waan isaan yaaddesse fakkaata. Kanumaaf tahinnaa laata!, Gamtaan Awrooppaa dhaabboollii mirga namoomaaf falman dabalatee kan walgahii hatattamaa yaameef. Gabaasni Gamtaa Awrooppaa kun akka ibsutti walgahii hatattamaa kana Wiixata dhufu gaafa Amajji 11, 2016, Biruuseelitti kan gaggeessu tahuun beekkamee jira. Walgahicha kana irratti biyyoonni miseensa gamtaa Awrooppaa 28 waliin ‘amenisty international’ dabalatee kan irratti argaman tahuu gabaasichi ifoomse. Kanumaan wal qabatee bakka bu’aan Mootummaa Itoophiyaa TPLF’n hogganamuu teessumarratti hirmaachuuf akka hin afeeraminiis gabaasichi dabalee addeesse.

Gamtaan Awrooppaa kun haala hamaa biyya Itoophiyaa, naannoo Oromiyaa keessatti tahaa jiru irraa ka’uun murtii hatattamaa dabarsa jedhamee eeggama. Jalqabni bu’ura fincila kanaa karoora master pilaanii qindaawaa Finfinneefi zoonii addaa oromiyaa naannawa Finfinnee akka tahe ni beekkama. Yeroo qonnaan bultoonni miiliyoona 2 ol lafa isaarraa buqqaafamuuf karoorfamu kan dhiigni oromoo tahe dhiisii alagaanuu waan gammadu natti hin fakkaatu. Kana mormuuf barattoonni mana baruumsaa sad. 1ffaa hanga dhaabbiilee barnoota ol aanootti dabalatee hawaasni bal’aan yoo morman badiin maaliree? Kana mormuun ilmaan oromoo haala kamiinuu haqa qabeessa. Eeyyee! Badii hin qaban. Eega badii hin qabaanne maaliif ajjeefaman kan jedhu gaaffii biraati. Biyya hawaasni mirga isaa gaafate itti ajjeefamu tana, hanga lubbuun ilmaan oromoo 150 ol itti wareegamtu, dhiigni qulqulluun kumaatamaa badii malee hanga itti dhangala’u gocha suukanneessaa kana abbaan irree akka dhaabu taasisuuf amma dura dhaabbooliin mirga namoomaa falmuuf dhaabbanne jedhan, mootummaan Ameerkaafi Gamtaan Awrooppaatiis yaalii tokko hin goone ture. Wanni addaa kan dubbataniis tahee tarkaanfiin fudhatame tokko illeen hin jiru. Duuba arra walgahii hatattamsiisuun kun eessa dhufee? Rabbumaatu nuuf dirmate jennuu!

Gamtaan Awrooppaa amma wal gahii hatattamaa yaame jedhamu kunuu gar malee orraafate. Garuu haa galatoomu dhimma dhumaatii oromoo bara meeqa akka qalma beeyladaatti gaggeeffamaa ture irraa walgahiin hatattamaa Gamtaa Awrooppaatiin amma yaamamuun isaa kan jalqabaa tahullee, amma hatattamuun isaanii qoftinuu nama gammachiisa. Yeroo garii qalbiin, “Laata lubbuufi dhiigni oromoo kun kan namoota addunyaarra jiranii irraan addaa?” na jechaa turte. Garuu gatii akka qabnuufi gamtummaan keenya yoo cime dhageeytiin keenya akka jiru nuuf mirkaneessa. Haatahuu garuu, baayyee orraafachuun isaanii kun nuti ammallee ija addunyaafi dhaaboolii mirga namoomaa keessa galuuf fagoo kan jirru tahuu baannullee, dantaa nuuf dhabuu isaanii waan mul’isuus natti fakkaata. Mee xinxalaa kaa isinuu! Hanga kana mara dhumnu, iyyinuufi halaaknu, Dhaabooliin mirga namoomaaf dhaabbanne ofiin jedhaniis tahee, riphisuun biyyoota fiinxaaleeyyii yoo dhageyaa didan jedhe malee nu dhagayuu dhabaniiti jedhee yaaduun natti ulfaata. Nama beekaa rafu iyyeensa kee akkamitti dhagayaree?

Eeyyee! Gurri sagalee hasaassii nama biraa dhaga’u akkamitti iyyeensaafi waywaata keenya kana hanga ammaa dhagayuu dhabeen eenyuufillee hojii manaa tahuus, deebiin ammoo waan dhagayuu hin barbaanne qofaafi natti fakkata. Maaliif? Dhumaatii Oromoo isaaniis akkuma Wayyaanee faaydaa waan keessaa qabaniifi. Isaan biyya guddinaan badhaate qabanii Itoophiyaa keessaa faaydaa maal barbadaan jechuun ammoo gaaffii gowwaati. Investimentiin wayyaaneen ilmaan oromoo lafa irraa buqqaasuuf barayyu itti karoorsan harki caalaan tan eenyuutiree? Sirna federaalummaa Itoophiyaa eenyuutu ijaare? Isa dhihoo kanaa dhiisiiti, jaarraa 1 fi walakkaa dura ilmaan oromoo dhumee dhiigni lola’ee laga yaa’ee, Oromiyaaniis diigamtee Itoophiyaan akka ijaaramtuuf roga hundaan kan deeggaraa turan biyyoota Awrooppaa tahuu eenyulleen hin mormu.

Arrallee akeekaaf kaayyoon isaanii daran fooyya’aa, caaseeffamaa dhufe malee hin jijjiiramne. Biyyi tarsiimoo warra Awrooppaas tahee, Ameerkaa irra akkuma waraabdetti lammii isii akka biqiltuu caamni miidheetti amma suuta mataa ol qabachaa jiruun gombisaa jirtu Itoophiyaa tahuu ni dagattan moo? Seera shoorarkeessitootaa akkuma jiruun fuutee biyya Afrikkaa keessattuu ganfa Afrikkaatiin wareersaa jirtu Itoophiyaa baanan tanaa mitii? Kun waan marti keenya beeknu waan taheef wal nun mormisiisu. Walumaagalatti, Itoophiyaa jechuun Aawrooppaa ykn Ameerkaa teessuma lafaatiin (geographical) Afrikkaa keessatti argamtu jechuu dha. Kanaafuu jarri if diiguuf gonkuma hin karoorsan.

👉 MURTIIN GAMTAA AWROOPPAA MAAL TAHUU MALA?

Gaaffii ijoo taateefi dirqama kaafamuu qabduu dha. Yoo waan eegnu hin beekne waan argannuus hin beeknu. Namni waan barbaadu addaan baasee hin beekne waan takka illee hin argatu. Kanaaf murtii Gamtaa Awrooppaa irraa waan eegnu yoo beekne qofa deebii sirrii argachuufi dhabuu keenya beekna jechuu dha. Murtiin Gamtaa Awrooppaa kun dabarsu gaaffiifi fedhii Oromoo bu’ura irraa furuun murtii siranaa kennuu danda’aa laata? tan jattu ammumarraa irratti mari’achuun dursinee daandii adeemsa keenyaa akka barruuf nu gargaara. Nuti ilmaan oromoo jalqaba yoo kaanu mormiifi fincilli taasifamuu jalqabe master pilaanii Finfinnee qofa kan bu’ureeffate ture. Yeroo ammaa immoo kana qofa irratti daanga’ee waan hafe osoo hin taane gara gaaffii mirga abbaa biyyummaati tarkaanfatee jira. Kanaaf murtii gamtaa Awrooppaa kun garaa nu gahaa laata? jennee if gaafachuun keenya osoo guyyaan isaan walgahiif qabatan hin gahin nuti ofuma keenyaaf deebii isaanii akka barru nu godha.

Gamtaan Awrooppaa guuza (daboo) dha. Guuzni (daboon) mo’oya namaaf oofa malee wanni addaa kan godhu hin jiru. Guuzni tokko imaama akka saffisu taasisuun hojii nuti yeroo dheeraa itti fudhannu tarii yeroo gabaabsuu danda’a taha malee gonkuma asheeta nun tuttufachiisu. Eeyyee! Gamtaan Awrooppaas dhimma oromoo irratti mari’achuun isaa murtii nuti yeroo ammaa barbaannu gonkuma akka nuuf kennuu danda’utti yaanne taanaan dogoggorre jechuudha. Daboon yoo sanyii siif facaase ykn hagaayitti siif oole waan san booda jiru hanga xumuraatti faana bu’ee callaa gaarii argamsiifatu abbaa dha. Guuzni shiraa kan lafa hin qotamin irratti biyyee gurraattii guuruus akka jiru dagachuun nurra hin jiraatu. Kana hambisuuf ammoo guuzni if keessaa bahee mirqaanaan akka ooyruu tee bal sirraa godhu abbaan guuzaa tajaajilaan bira dhabaachuun dirqama taha. Maraafuu ammoo guuzni tokko eega siif oolee ‘fayyaa dahii’ qaba. Warri Gamtaa Awrooppaas murtiin isaanii maal illee tahu garuu guuzaa nuu ooluuf karoorfachuu isaaniitiif qofa ‘fayyaa haa dahan’. Eeyyee hanganuma qabdi.

Yoo kan murtii Gamtaan Awrooppaa walgahicha irratti dabarsuu malu tilmaamnu tahe ammoo hangafoonni:

⏩ Finciltoota harka duwwaa mormii taasisan irratti humna tikaafi waraana guddaa fayyadamuun mootummaa wayyaanee sirrii akka hin taane dubbachuun humna waraanaa kanneen Oromiyaa keessaa akka baasu murtii laachuu mala.

⏩ Lubbuun namoota kana maraa gonkuma bahuun irra hin turre. Lubbuun tun marti kan bahuu dandeesseef ammoo meeshaa waraanaa taaytaa hiriirtootaan walin ginne fayyadamuu humnootii mootummaatiini. Kanaaf mootummaan ajjeechaa kana raawwate seeraan haa gaafatamu mala.

⏩ Dimokraasiin Itoophiyaa bililiqoo (fake dimocracy) tahuu mirkaneessuun, mootummaan biyya bulchu saffisaan rakkoo kana hundee irraa furuun dimokraasiin dhugaa (real dimocracy) akka hojiirra ooluufi bulchiinsi gaariin dafee akka siranu dhiibbaa taasisuu mala.

⏩ Dhumaatii lubbuu kana maraatiif bu’ura kan tahe maaster pilaaniin akka hafuu qabu mootummaa kanarratti dhiibbaa taasisuu, misooma fedhii ummataa giddugala hin godhanne kamuu raawwachuuf ummata dirqisiisuun abbaa irrummaa waan calaqqisuuf kun jijjiiramuu akka qabu murtii laachuu mala,

⏩ Deeggarsaafi liqii gamtaan Awrooppaas tahee biyyoonni miseensoota gamtaa tahaniin mootummaa Itoophiyaatiif godhamaa ture hanga mootummichi kun gochoota akkanaa irraa if qusatuu akka dhaabbatu taasisuuf murtii laachuu mala,

⏩ Miseensootaafi hoggantoonni paartiilee siyaasaa, ilmaan oromoo sababa fincilaniif mana hidhaatti guuraman, gaazexeessoonnifi ‘blogger’oonni hidhaa keessa jiran hatattamaan akka gad lakkifaman gaafachuu mala,

⏩ Dhiibbaafi dhiittaan mirgaa nama Itoophiyaa keessatti lammii biyyaa irra gahaa jiru hatattamaan akka dhaabbatu, akka fooyya’u akkasumaas gochoota farra dimookraasii hawaasni akka lammii sadaffaatti biyyattii keessatti qaanfachaa jiraatu taasisan mara saffisaan akka fooyyeessuu qabu dhidhiibu mala…. fi kan kana fakkaatanii ala waan bahu nattin faakkaatu. (Fayyaa haa dahan ammallee irra deebi’ee)

Laata ilmaan Oromoo murtiin yeroo ammaa argachuuf qabsaawaa jiran kanuma? Ani natti hin fakkaatu. Murtiin akkanaa kun Gamtaa Awrooppaatiin laatamuus hojiirra oolmaa isaa ‘hangam takka qabatamaan mirkanaa’a?’ jedheen shakka. Mootummaan wayyaanee hoo murtii kana fudhatee hundeerraa rakkoo furuun hangam nu amansiisa laata? Murtiileen Gamtaa Awrooppaatiin laatamuuf deema jedhamu kun humna ilmaan oromoo qabsottiin ka’aniin kun sodaa Itoophiyaa diiga jedhu irraa ka’uun Oromoo tasgabbeessuufi warraaqsa amma finiinaa jiru kana dhaamsuu qofaaf kan fakkeeffame yoo tahee hoo? jedhanii yaaduuniis gaariidha. Ilmaan oromoo yeroo ammaa fedhiifi hawwiin isaan qabsoo ittiin finiinsaa jiran guddaan hidda gabrummaa ciruun, jirma sirna nama nyaataa ciqqaawuun mootummaa wayyaanee guutumatti ifirraa fonqolchuun injifannoo gonfachuu dha. Turuus dafuus kun ammoo waan hafuu miti. Warraaqsa ilmaan oromoo godhaa jiru madditti murtiin Gamtaa Awrooppaa duskannoo nuuf tahuu ala injifannoo nuti barbaannu akka nu harkaan hin geenye beekuutu nurra jiraata.

👉 OROMOON MAAL GODHUU QABA?

Oromoon tasuma if dagachuufi qabsoo isaa itti jiru laaffisuu hin qabu. Walgahii Gamtaa Awrooppaa duraas tahee booda qabsoon ilmaan oromoo daran bifa ijaarameen wajiijamuu qaba. Gamtaan Awrooppaa murtii fedhe haa laatuu, laachuus haa baatuu galmi keenya dhimma isaanii miti. Ka’uumsi keenyaas akka Gamtaan Awrooppaa ajandaa mariifi murtii dhimma keenyaaf qabatuufi mari’atuuf miti. Galmi keenya ifaafi ifatti kan beekkamu tahuus ammaaf tuquu nan barbaachisu. Murtii tahe tokko laachuun Gamtaa Awrooppaa humna dabalataa nuuf tahuu ala galma kaayyoo keenyaa akka hin taane ammaas ammaas hubachuun warraaqsa qabsoo keenyaa haa wajiijnuu. Carraa argamu maratti fayyadamuun humna teenya jaaraa, tooftaa deemsa qabsoo bifa wal fakkaataan jijjiiraa ija guduunfannee, mudhii jabeeffannee itti ajjachuu qofaatu injifannoo cululuqaa nu gonfachiisa.

=====Xumure, Galatoomaa.====

#Saphaloo_KadiiAbdulbasit Kedirdir
Amajjii 8, 2016
‪#‎Oromoprotests‬

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qabeenya Oromoo Dinquu moo Alamuddiintu saamaa jira?

Aalamuddiin warqii Gujii, Shaakkisoo baasee akka fedhetti osoo gurguratuu ; ummata naannoo sanii gargaaruu mitii, …

One comment

  1. Hongantoonni hawaasa Oromoo Awropaa afeeramuu irra ture. GA (EU) Oromoo ni tuffat moo Oromoo tu if hin beeksisini? Kana duraas Biraanuu Naggaa akka afeeran ni yaadanna yeroo dhimma beelaa haasawan. Yeroo dhimma keenya haasawan, nuti haasawa sanirraa qooda fudhachuun haqa qofaa miti gargaarsa.

    Galatokmaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *