Oduu Haaraya

Murtee jila Adda Bilisummaa Oromiyaa biyyatti erguu

Adda Bilisummaa Oromiyaa Oromia Liberation Front

Hagayya 15, 2018 W.DH.ABO: abo.oromiyaa@gmail.com

 

Qabsoo bifa warraaqsa ummataa fi fincilaan godhuun tarsimoo qabsoon Oromoo hordoftu keessaa tarreelee tarsimoo qabsoon hordoftu keessa warreen
tarree duraa irra turaniifi qabsoon Oromoos injifannoo cululuqaa ittiin argamsiifte tahuu beekama. Qabsooleen bifa kanaan godhaman bara gabrummaa
jalatti Oromoon kufee eegalee osoo adda hin citin as gahe. Kan barreen assanan, keessattuu, bara 4n dabarsinee ammo addatti jijjiirama bu’uraaf fi
bilisummaa dhogoomsuuf boqannaa haaraya fi ejata ifduraa malee bakka ifduuba deebi’uu hin dandeenye geeysee jirti. Wareega kumaantama, hidhaa
kuma kurna hedduu akkasumaas, godaansisa wareega kafalame tahuus injifannoon argamees tulluu bilisummaa itti olbahaa jirru fiinxa akka arginu
godhee jira.
Qabsoon ummata Oromoo kan ummatota cunqurfamoo biraas dabalete jijjiirama mul’ataa fi abdachiisa argamsiise. Oromiyaa fi Sadarkaa biyyatti
Ethiopiattiis humna qabsoo ummataa tana dhugoomfattu dhalchuun dhugaa jirtu.
Adda Bilisummaa Oromiyaa dhaaba kaleessa kalaqame fi biyya alaatti argame osoo hin taane, dhaaba biqila qabsoo bilisummaa Oromoo irraa eegalee
wareega injifannoo ittiin geenye kanaaf guddaa kafale. Ammaas, Addi Bilisummaa Oromiyaa dhaaba jilaa fi qaama hooggansa isaa biyya alagaa keeysa
dahoo godhate tahuu dhugaa tahuus, qabsoon godhaa turee jiru siyaasaa, waraanaa fi warraaysa bilisummaa idil ummataa fi lafa Oromiyaa keessatti
taasisaa turees, jiraas. Qaamni jijjiiramaa qabsoon ummataa dhiibdee asbaafte dura sadarkaa mootummaa naannoo Oromiyaati, booda mummicha
ministeeraa haaraya dabalatee qabsoo waloo fi hegeree haarayaaf akka qabsoon karaa nagayaa godhamu, dabalatees seeronni ugurtii qabsoowota mirga
namaa fi bilisummaa idilee aanjaa dhoorkatees jijjiiruun yaaminsa godhan warra simate keessaa Addi Bilisummaa Oromiyaa kan duraati. Mariilee
dhokataa fi qaamman dhimmi laalu maraa waliin gooneen yeroon itti qaama qabsoo amma lafarratti tahaa jirtuu irraa qooda fudhannu amma tahuu murtee
jaarmaya Adda Bilisummaa ti.
Jilli Adda Bilisummaa Oromiyaa, kan Duree dhaabaa fi itti aanaa ifkeeysaa qabu gaafa Hagayya 22, 2018 Finfinnee gaha.

Bilisoomuuf qabsoofna, Qabsoon Bilisoomna!!
Adda Bilisummaa Oromiyaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …