Oduu Haaraya

Mormii maastar pilaanii Finfinneetiin wal qabatee hiriira mormii godina Wallagga Lixaa aanaa Mandii keessatti geggeeffameen, haga ammaatti namoonni sadii rasaasaan rukutamuu isaanii himame.

OMN:

Halli ammaan kana magaalaa Mandii keessatti muldhataa jiru gar-malee yaaddessaa ta’uu jiraattonni dubbatan.

Labsii qindaawaa magaalota Oromiyaa jechuun Caffee Oromiyaatiin dhihaatee turee fi, mastar Pilaanii Finfinneetiin wal qabatee, Godina Wallagga lixaa aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandii keessatti guyyaa hardhaa mormii jabaan geggeeffamee ooluu isaa himame.

Mormiin kun mana barumsa qophaahinaa Mana Sibuu keessatti kan jalqabe yoo ta’u, booda irra ammoo gara daandii magaalaa Manditti babaldhatee akka jiru jiraattonnii fi barattoonni dubbataa jiran.

Mormii ka’een wal qabatee haga ammaatti namoonni sadii rasaasa humnoota tikaa mootummaatiin itti dhukaafameen kan madaayan yoo ta’u, kan hafan ammoo reebichi hamaan irratti raawwatamee akka jirus himamaa jira.

Jiraataan magaalattii tokko OMN f akka himanitti, mormiin barattootaa kun ganama jalqabee ture. Barattoonni mormii sagalee jabaa dhageeesisuun, mooraa mana barumsaatiin alatti bahuun mormii isaanii gegeessaa oolaniiru.
Yeroo muraasaan booda daandiin magaalaa Mandii humnootii tikaa meeshaa waraanaa hidhataniin guuttamaniiru. Reebichaa fi dhukaasa jalqabameen battalumatti namoonni sadii rasaasaan rukutamanii jiran.
Namoonni rukutaman kun wayta ammaa kana mana yaalaa gara garaatti walaadhanamaa akka jiranis namni kun akkasitti dubbatu.

Akka namni kun jedhanitti, ammaaf namoonni rasaasaan rukutaman sadii haa ta’u malee, lakkoofsi namoota rasaasan rukutamanii dabaluu akka hin oollees himanii jiru.

Namni kun akka jedhanitti, Barattoonni kun mormii isaanii dhageesisuun duratti, hiriira nagaa geggeessuuf, bulchiinsa magaalaa Mandii gaafatanis deebii argachuu hin dandeenne.

Kana booda dhadannoolee gara garaa dhageesisuu isaanii itti fafanii jiru.

Mormii barattoonni dhageesisaa oolan kana ilaalchisuun, barataa tokko dubbifnee akka jedhutti, mormiin kun mooraa mana barumsaa qophaahina Mana Sibuu keessatti kan jalqabame yoo ta’u, Mastar pilaaniin Finfiinnee karoora ummata Oromoo lafarraa buqqisu waan ta’eef hujii irra ooluu hin qabu.

Akkasumas labsii qindaawaa magaalaalee Oromiyaa jedhuun, Federaala jala galchuuf mootummaan karoorfate kun, misoomaaf osoo hin taane, aadaa, seenaa fi eenyummaa ummata Oromoo balleessuuf kan qindaaye waan ta’eef, kana dura dhaabbachuu qabna jechuun mormii isaanii dhageesisuu nutti himee jira.

Mormiin barattootaan jalqabame kun, jiraattota magaalaattii hunda dabalatee, magaalaa keessatti babbaldhatee ture.
Hiriira mormii geggeeffamaa ture dhaabsisuuf humnootiin tikaa magaalaa guutuu marsuu isaaniillee barataan kun ni dubbata.

Jiraataan magaalattii fi barataan kun wal duraa duubaan akka dubbatanitti, wayta ammaa kana haalli magaalaa Mandii keessatti muldhataa jiru gar-malee yaaddeessaadha jedhan.

Wayta ammaa kana manniin barumsaa magaalattii keessatti argamu cufamuu isaa barataan kun nutti himee jira. Hanga jiraattota magaalaa Mandii dubbisaa turretti, sagaleen dhukaasaa fi Ambulaansii dhagahamee jira.

Sadarkaa itti aanaa Pireezidaatitti bakka bu`aan mootummaa naannoo Oromiyaa fi itti gaafatamaan waajjiira OPDO Obbo Dhaabaa Dabalee dhiheenna kana miidiyaa biyyattiif ibsa kannaniin, ummanni Oromoo yoo hin fudhannee mastar pilaaniin Finfinnee hujii irra hin oolu jechuun isaanii kan yaadatamuudha.

Usmaan Ukkumeetu gabaase.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …