Oduu Haaraya

Mootummoonni  Abbootii Irree  Turan  Yeroo  kufaatii Jala Gahanitti Akkuma Wayyaanee Har’aa  Kana Wixxirfachaa Turan.

Baarentuu Gadaa Irraa///

Hayila sillaaseen diddaa ummattootaan ennaa kufaatii jala gahetti
akkuma har’a wayyaaneen gochaa jirtu kana hidhaa, dararaa fi ajjeecha
raawwachaa ture, Jeneraal Taaddase Birruu dabalatee ilmaan Oromoo
hedduu aangorraa hariyuu bira darbee ajjeeseera, hidhee darareera.
Hayilasillaaseen goticha Oromoo Hagarii Tulluu maqaa narratti fincilte
jedhuun yoo fannoon ajjeesu, Balaay Zallaqaas haaluma walfakkaatuun
mootii mootootaa kanan ta’e kanan rabbiin muudameerartti fincilte
jechuun fannisee ajjeesuu kan quba hin qabne hin jiru. Kunneen akka
fakkeenyaatti haa eeraman malee hayilasillaaseen yakkoota danuu dhuma
aangoo isaarra saboota biyyattii irratti keessumaa ilmaan Oromoo qaroo
irratti raawwateera. Hidhattoonni sirnichaa ajjeechaa dabalatee,
hidhaa fi dararaa adda addaa raawwataniiru. Saamichis amma hin qabu
ture. Haa ta’uutii hidhaa- ajjeechaa fi saamichi taasifame kun martuu
fincila ummataa dhaabuu hin dandeneye, Hayilasillaaseenis kufaatii
irraa hin hafne. Du’a gadhee du’ee dhumarra awwaalcha sirnaalleen
dhabe.
Kan warraaqsa ummataa, ummanni jijjirama bu’uuraa barbaachaaf
taasifatee fi dhiigas itti dhangalaasee fide human butatee aangootti
bahe dargiinis guyyaa aangoo qabaterraa kaasee wanti inni godhe yoo
jiraate sabboontoota gaafii haqaa, gaafii mirga hiree ofii ofiin
murteeffachuu kaasan ajjeesuu, hidhuu fi dararuudha. Dargiin guyyaa
aangoo qabaterraa kaasee waggoota 17f yakkoota suukanneesoo
walfakkaataa addatti ammoo calqabaa fi dhuma aangoo isaarratti
raawwatus dargii kufaatirraa hin olchine. Walumatti qabaatti haalli
dhuma Dargii irratti muldhachaa ture, akkaataan inni gaafii
ummattootaa itti deebisaa ture akkaataadhuma amma wayyaaneen saboota
biyyattii keesumaa ilmaan sabootaa sabboontoota  gaafii saba isaaniif
dhaabbataniif deebisaa jirtuudha. Ajjeechaa, hidhaa fi dararaadha.
Dargiin Oromoo abdii kutachiisuuf Kanneen akka J/Taaddaasaa birruu fi
ilaamaan Oromoo  sabboontoota saba isaaniif dhaabbatan ajjeesus
kufaatirraa isa hin olchine. Sabboontota hedduu hidhee dararee
manannene hidhaatti fixus badiin isaa hin hafne. Kan wayyaanees kanaan
ala hin ta’u. kanumatti deemaa jirti.
Kufaatii Dargii hordoftee kan dhiiga ummattootarraa ejjettee akkuma
Dargii  aangoo ummattoonni itti dhiigan humnaa fi shiraan butattee
qabattee  wayyaaneen  haalli amma keessa jirtu haaluma dargiin yeroo
kufaatii jala gahuuti.
Dargii fi hayilasillaaseen kufaatii isaanii jala jirra, ummanni
nuufaan jira, kan biyya goolaa jiru eergamtoota, warreen farra
biyyattii ta’aniidha jechuun jabinaa fi ummata biratti jaalatamoo
ta’uu isaanii irra deddeebiin odeessaa turan.  Wayyaaneenis kanuma
dhaalun gama tokkoon  jaalala ummatataan qaba jettee dhaadachaa gama
biraan ajjeechaa raawwachaa jirti. Haa ta’uutii wayyaaneen yakkoota
sukanneessoo, ajjeechaa jumulaa fi hidhaa, saamicha daangaa hin qabne
raawwattus, sobaa fi sossobaa hedduu gagegessitus wanti yaadde hunduu
osoo hin milkaayin hafee kunoo akkuma addunyaan quba qabu impaayeerri
itiyoophiyaa ibiddarra jirti. Wayyaaneen dhiphuu hamaa keessa seentee
raafamaa jirti. Haalli keessa jirtus abbootin irree osoo dhaadatanuu
dhidhimu isa jedhu san nuuf mirkaneessaa ajira.
Walumaa galatti haalli amma  Impaayeerri Itiyoophiyaa Wayyaaneedhaan
bulaa jirtu keessa jirtu  maal fakkaata jennee yoo ilaalle  baroota
abbootii rree kanneen akka Hayilasillaasee fi Dargii Impaayeera caalaa
biyyattiin dhiphuu keessa jirti. Qabsoon ummattootaa keessumaa FXG
ummanni Oromoo gaggeessaa jiru  kufaattii Wayyanee saffisiisaa jira.
Kanarraa ka’uunis kan sodaan itti bule wayyaanee  akka wixxirfachaa
jirtu  ragaan jiru ifatti mirkaneessa.
Eeyyee abbootiin irree yoo aangoo qabatanis haa ta’uu yoo aangoo
humnaan qabatanirraa irree ummattootaatin kufuu jala gahan amala
addaaa argisiisu, ni baaragu, gaaddiduu isaanii dabalatee hunduma
amanuu dadhabu, kan isaaniin morme hunda hidhuu fi ajjeesuun fala
jedhanii amanu, kan yeroo ammaa kana Wayyaaneedhan ta’aa jiruu fi
muldhacha jirus kanuma. Haa ta’uutii hidhaa, ajjeechaan  sabboontota
mirga ummattootaatif dhaabbatanirratti raawwtaa turee fi jiru akkuma
Hayilasilleesee fi Dargii kufaatirraa hin olchin gochi amma Wayyaaneen
itti jirtus badirraa ishii hin oolchu. karaa kamiinuu sirinicha
hundeen buqqa’uurraa hin baraaru.
Wayyaaneen dhiphurraa kaatee ajjechaa ofii ishii karaa Aga’aazii
raawwachaa jirtu cinaatti uumamta Oromootti  hidhattoota saboota adda
addaa keessumaa garaaf bultoota naannoo sumaaleerraa leenjiftee,
hidhachiiftee kunoo akkuma muldhachaa jiru ummata Oromoo
ficisiisaa,qayee fi qabeenyarraa buqqisaa jirti. Kunis kan muldhisu
sirni kun akkuma sirnoota kanaan dura irree ummattootaatin harcahanii
kufaatii jala gahuu isaatiin dhiphurraa kan madde waan qabee-gadi
dhiisu wallaalee afuura dhumaa baafachaa jiraachuu isaati. Du’aa fi
jireenya gidduu taa’ee dhidhiittachaa jiraachuu dha.  Haa ta’uutii
dhiidhiitannaan mullachaa jiru kun karaa kamiinuu wayyaanee
kufaatirraa hin olchu. Akkuma Dargii fi Haylasillaasee oole osoo
hallayyaatti oofaa jira. Keessumaa qabsoon gama hundaa uummanni Oromoo
taasisaa jiru sirna abbaa irree  weerartoota Tigiraay wayyaanee yeroo
gabaabaatti akka  gateettii Oromoorraa buqqisee gatu mallattooleen
muldhachaa jiran ifatti mirkaneessu.
Kanuma hubachuun ummanni Oromoo alaa-manatti magalaa baadiyyaatti
walcina hiriiree qabsoo eegalame FXG itti fufee sirna gabroofattootaa,
murna abbaa irree wayyaanee ofirraa kaasuuf caalaatti ka’uu qaba.
Tokko ta’anii Of ittisuun mirga ofiitiif falmuun gabrummaa jalaa
ariitiin nama baasa.Abbaan irree , gabroonfataan yeroo kufaatii jala
gahe dhidhiitachuun amaluma isaa  ta’uu hubannee osoo yakka amma
wayyaaneen  nurratti raawwachaa jirtuuf hin dhiphatinii fi hin
baaragin qabsoo itti fufuun  dubbii fardii fi ijoo bilisummaa
keenyatti nugeessuudha.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …