Oduu Haaraya

Mootummaan abbaa hirree wayyaanee uummata Oromoo magaalaa Amboo fi naannoo ishii dararuu fi ukkaamsuun hojii guyyuu guyyuu isaa tahuun daran jabaachaa deemaa jira.

Gabroonfataan mootummaa wayyaanee erga guyyaa tarkaanfiin lukkeewwan wayyaanee fi qabeenyaa wayyaanee irratti irra deddeebiin magaalaa Amboo keessatti fudhatamaa dhufe addatti gaafa guyyaa 8/9/2014 tarkaanfii konkolaataa waraanaa qabeenyummaan isaa waarshaa rasaasa Hoomachoo kan tahee magaalaa Amboo keessa dhaabbatee ture galgala bulchiinsa godinaa fuul duratti humna hin
beekkamneen tarkaanfii dhukaatii boombiin fudhatameen konkolaatichi guutumatti yoo barbadahu,namoonni konkolaaticha irra turan illee hedduun madahuu fi lubbuun dabruu akka hin oolle raga baatoonni torbaan dabre akka gabaasan ni yaadatama.

Kanumaan wal qabateetu erga guyyaa tarkaanfii kanaa booda humni waraanaa Hoomachoo irraa magaalatti bobbahuun dukkaneeffatanii dargaggoota karaa irraa, manaa fi bakka hojii irraa qabuun reebicha hamaa irraan gahuun karaa irratti dabaranii deemuu fi gariin kan lakkoofsi fi maqaan isaanii sirnaan adda bahee hin beekkamne 250 olitti tilmaammaman gariin waarshaa Hoomachoo fi buufata leenjii poolisa Sanqalleetti akka geeffamaan maddeen raga bahu.

Kanneen maqaa fi lakkoofsi isaanii Hoomachoo irraa
nu qaqqabe keessaas;-
1. Malaakuu Abarraa, daldalaa fi jiraataa magaalaa Amboo.
2. Naa’ol Tesfaayee, barataa Yuuniversiity.
3. Baayisaa Hirphaa, barataa kolleejjii dhuunfaa.
4. Hailuu Kitilaa, jirataa magaalaa Amboo.
5. Fiixumaa Dhaabaa, barataa kutaa 11ffaa.
6. Rabbumaa Naga’oo barataa kutaa 12ffaa.
7. Jigsaa Galataa,barataa kolleejjii dhuunfaa.
8. Gammachuu Warqinaa, jiraataa magaalaa Gudaar.
9. Duulaa Nuurasaa, jiraataa magaalaa Amboo.
10. Firoomsaa Tarreessaa,barataaYuuniversiity.
11. Guddataa Sanbatoo, barataa Yuuniversiity.
12. Uumaa Ayyalaa, barataa kutaa 10ffaa.
13. Biraahanuu Daddafoo,jiraataa magaalaa Gudaar.
14. Tsaggayee Kabbadaa, jiraataa magaalaa Amboo.
15. Ayyaanaa Siyyum, barataa Yuunversiity
16. Dagguu Gonfaa, barataa kolleejjii dhuunfaa.
17. Biqilaa Guutuu,jiraataa magaalaa Amboo kanneen jedhaman kan
maqaan adda bahee nu gahe yoo tahu; kanneen kaan akka maqaa fi bakki jiran adda bahee nu qaqqabeen kan gabaafnu taha.

Wal-Waliin Haajajjabaannu!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …