Oduu Haaraya

Mootummaa Wayyaanee Jalatti Fooyya’insi Siyaasaa Oromoof Ni Dhufa Jedhanii Eeguun Of Gowwoomsuudha!

 

Baarentuu Gadaa Irraa//

Namoonni  murtaawan wallaalarraa, kuun  isaanii ammoo  ta’e jedhanii  holola sirni goolessaan, sirni  saamichaa, murni faashistiin Wayyaanee/ADWWI jedhee of-waamu gaggeessu dhagahanii yoo amananii fi  deebi’anii isa qabsoorra jiru burjaajeessuuf yaalan arginee dhagahaa jirra.  Mootummaan TPLF/EPRDF sobaa, ,saamaa fi gooleessaa ta’uun isaa waggoota 26n darbaniif  osoo beekamuu  har’a lakkii fooyya’aa jiraa, Abaluu fi Abalu kan jedhaman waan ministeera ta’aniif, Abaluu fi Abalummoo waan jenaraaloota ta’aniif  rakkoon  gaafiin uummataa furamaa jira jechuun  hololamaa jira.  Dhuguma akkuma jedhamaa jiru namoonni burjaajeessitoota ergamtoota diinaatiin guyyuu maqaan isaanii afarfamaa oolu kun  gaafii Oromoo deebisuu jennee hoo ilaalle  garuu waan fakkaatuu miti.  Dhugaan lafarra jiru kan muldhisu ergamtoonni maqaan isaanii dhahamaa ooluu miseensonni OPDO kun  Oromoo mitii  warra ofuu hidhaa keessaa baasuu dadhabee  ergamaa jiraachaa jiruudha.

Kan Sobee, hidhee, dararee fi ajjeesee saamicha mi’eeffate yoomiyyuu gita uummataa hin ta’u.  Aantee cunqurfamaa ta’uu hin danda’u.  sirna akka wayyaanee kana waliin yoomiyyuu araarris hin bu’u. Gargaaraummaan  saboota biyyattii addatti ammoo Oromoo fi wayyaanee gidduu jiru gongumaa kan walitti araaramuu miti.

Murni TPLF jedhee of waamu kun  murna saamtootaa, murna  goleessitootaa ti. Murni kun  bara bittaa isaa waggoota 26n darbaniif dimookiraasii, mirga namoomaa,  waan jedhan hin beeku, dhagahuus hin barbaadu. Fedhiis, hamilees itti hin qabu. Amalli sirnichaa waliin dhahee, hidhee, dararee fi ajjeesee saamaa jiraachuudha.

Waggoottan 10n darbaniif addatti ammoo waggoota 3n darbanii as uummanni Oromoo  qabsoo isaatiin wayyaanee dhiphiseera. Sirna TPLF/EPRDF jedhamu dhiibee qarqara awwaalcha isaatiin gaheera. Fincilli uummanni Oromoo/qeerroon addatti waggoota 3n darbanii as shiftoota  Wayyaanee IHDG ofiin jedhanirratti gaggeessaa turee fi jiru saboota cunqurfamoo biyyattii biraafillee  fakkeenyaa fi  abdiillee ta’eera. Kufaatii sirnichaas dhiheesseera.

Egaa sirni faashistiin, sirni shiftaan waggoota 26n darbaniif yakkoota danuu hojjechuun beekamuu fi yeroo ammaa kana qabsoo ummattoota cunqurfamoo addatti FXG uummanni Oromoo gaggeessaa turee fi jiruun qarqara boollaa gahe kun  tarii yoon oolee bule jechuun  holola ijibbaata, holola fokkisaa fi dhiphurraa madde of foyyessaan jira, tahaaddisoo haaroomsa jechuu isaaniiti agaggeessaa jira jechaa ture, jechaas jira.

Mootummaan Wayyaanee diraamaa  siyaasaa afuura fudhachuuf gaggeessaa jiru keessaa tokko ergamtoota isaa  miseensota OPDO  tokko tokkoo sabboonoo fakkeessee akka waan  OPDO irraan bilisummaan Oromoo dhufaa jirtuu, akka waan gaafiin uummata Oromoo deebi’aa jiruutti hololchiisudha. Ergamtoota kans maqaa Oromootiin asii fi achi kaa’ee  abaluun kunoo Ministeera akkasii fi akkanaa ta’eera, abaluu fi abaluun ammoo  jenaraala waraanaa ta’eera jechaa fi jechisiisaa jira. Haa ta’uutii namoonni ministeera akkasii akkanaa, jeneraala kutaa warnaa akkasii akkanaa ta’aniiru jedhamanii irraa hololamu kun tarii yoo dhiigaan Oromoo ta’anirraa kan hafe qabatamaan kan itti turanii fi itti jiran Oromoo hidhanii hisiisuu, ajjeesanii ajjeechisiisuu, saamanii saamsisuudha.   Tokkoon isaanii harkaayyuu aangoo dhuga hin jirtu. Sirna TPLF/EPRDF jalattiis gongumaa Oromoon aangoo dhugaas ta’e, mirga abbaa biyyummaa isaa hin argatu. Warri hololaa jiran kun kan itti jiran yoo jiraate maqaa Oromootin holola gaggeessuun bara bittaa  Wayyaanee  uummata Oromoo irratti dheeressuuf carraaquudha. Kun ammoo yoomiyyuu hin milkaawu.

Wayyaanee amma kaardiin tapha siyaasaa ittiin taphattu harkaa dhumeera. Qabsoo Oromoo FXG  sirnicha addunyaa dura  qullaa dhaabee jira. Ammaan achi hololli ofiifs ta’e ergamtoota PDOlee ishii kanneen akka OPDOtin gaggeessitu fudhatama hin qabu. Ergamtoonni sabboonoo fakkaatanii har’a maqaa Oromootiin wayyaaneetti humrii bituuf kaataa jiranis erguu hun gahani. Oromoon gantoota fi garaaf bultoota diinaaf hojjetan kanaan hin gowwoonfamu.

Warri wallaalaan akka waan jijjiramni mootummaa wayyaanee jalatti OPDOdhaan dhufaa jiruutti hubatanii burjaaja’anii nama biraa burjaajeessuuf yaalan gorfamuu, qeeqamuu qabu. Warri ammoo ta’e jedhanii ergama diinaa ofitti fudhatanii shira diinaa galmaan gahuuf Oromootti bobba’anii carraaqaa jiran ammoo bakkayyattuu adabamuu qabu.

Hololli Wayyaaneen maqaa Oromootin kunoo Oromoon Abaluu fi Abaluu  jedhaman ministeera akkasii fi akkanaa ta’aniiru, ta’uuf jiru, Abaluu fi abalu ammoo qondaala waraanaa jenaraala ta’aniiru kanaafuu gaafiin Oromoo deebi’aa jira  jedhee holotu dhabbachuu qaba. Sirna Wayyaanee, mootummaa abbaa irree qawwee qofatti amanu jalatti jiijiramni uummata  Oromoof dhufu, gaafiin Oromoo deebi’u hin jiru. OPDOnis waan wayyaaneen jedhi jetteen haa jettu malee Oromoof sirna wayyaanee jalatti jijjiramni fiddu hin jiru. OPDOn jijjirama afaan bira darbe fiduuf akka hamilees, fedhiis hin qabne waggoonni 26n darban, hololli amma gama wayyaanee  gortee gaggeessaa jirtu ragaadha. Kanarraa ka’uun warri beekaas ha ata’u wallaalaan akka waan jijjiramni sirna Wayyaanee jalatti OPDO irraan uummata Oromoof dhufaa jiruutti hololan diina qabsoo Oromoo ta’uu beekanii yoo gocha fookkisaa itti jiran kanarraa dhaabbatan dansaadha. Holola fokkisaa fi fudhatama hin qabne, kan OPDO irraan mirgi Oromoo kabajamuuf jira jedhu kana ergamtoonnii, garaaf bultoonni keessaa-alaa  gaggeessan kun yoo adaba godhatan wayyaafi. Uummata Oromoo qabsoo isaatin /FXG ilmaan isaa qeerroon gaggeessaniin injifannoolee gurguddaa duubatti hin deebine galmeessise kana dura dhaabbachuun yakka. Dhiiga ilmaan isaatti qoosuudhasi.

Har’a eenyuyyuu Wayyaanees ta’e ergamtoota wayyaanee miseesnoota OPDO kuulee yoo dhiheesse bineesummaa isaanii dhoksuu hin danda’u. sirnichas kufaatirraa hin oolchu.

Uummanni keenya uummanni Oromoo  fakkeessitoota, ayyaan laallattoota fira fakkaatanii  dhiiga isaa dhuguu baran tolchee beeka.  Adbaas tureera, ammas warra sirna Wayyaanee/EPRDF  badii  jala gahee jigaa jiiru baraaruuf  dadhabaa jiran uummanni keenya addatti ammoo qeerroon Oromoo adbaa jira, fuunduraafis akka adabu shakkiin hin jiru. Kan ta’uu qabus qabsoo /FXG finiinsaa warra fira fakkaatanii bara bittaa diinaa uummata Oromoo irratti dheereessuuf carraaqqii hin milkoofne carraaqan adda baasee galmeeffatee qabatee yoo wallaalan ta’e gorsaa yoo beekaa ta’e ammoo adabbii isaanii malu adabuudha. fakkeessitoota fira fakkaatanii diinaaf dutan, warra saabboonaa fakkaatani jireenya Wayyaaneetiif carraaqaa oolan  dura dhaabbachuudha.

Mootummaa Wayyaanee Jalatti Fooyya’insi Siyaasaa Oromoofis Ta’e  Saboota Cunqurfamoo Impaayerittiif  Dhufu waan hin jirreefi!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …