Oduu Haaraya

Mootota Itiyoophiyaa  Mootoota shiraa fi Soba Malee Hin Jiraanne!

 

Baarentuu Gadaa Irraa//

 

Uummattoonni har’a impaayeera itiyoophiyaa keessa jiran guyyaa gabroonfattoota Habashaa qawwee warra lixaarraa argatanii itti dulan harkatti kufanii kaasee guyyaa tokkofillee dhugaa, walqixxummaa fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu argatanii hin beekan. Minilkirraa kaasee amma wayyaanee har’aatti  dhugaan biyya san keessa hin jiru, walqixxummaan, mirgi uummaaa fi dimookiraasii dhagahamees, hojiirra oolees hin beeku. Uummanni akka gabraatti weeratoonni qawwee harka isaanii seeneen itti duulan ammo akka mootii mootootaatti waan fedhanii fi beekan hunda irratti dalagaa as gahan.

Saboonni har’a impaayeerittii keessatti manakaraaraa jiran kun addatti  Oromoo fi saboonni kibbaa guyyaa kololnii habshaa jalatti kufanii kaasee amma Wayyaanee har’aatti guyyaa tokkoofillee akka  saba biyya ofii irra jiraatutti jiraatanii hin beekani. Hidhaa fi ajjeechaan kan irratti raawwatu caalaa qabeenyuma isaaniitti fayyadamaniilleen akka hiyyummaa keessaa hin bane saamamamnii hiyyoomaa, beelaa fi gadadoof saaxilamaa turan, hara’allee impaayeera sana keessatti  kan beeklaan waadaamaaa jiru nama mil. 10 oli.

Mootoonni dhufaa darbaan impaayeera  tana bulchaa turanii fi jiran kun dhugaan mala akka ta’e hin beekan, ykn dhugaa dhagahuufis, dubbachuufis fedhii hin qabani. Dhugaan isaaniif du’a.  ni kijibu, ni haalu, sobanii sobsiisuun amala isanaiti. Akka uummattoonni kolonii isaanii jala jiru nageenya, misoomaa fi guddina argatu hin barbaadan, ofii saamanii duroomnaan, nyaatanii quufanii bullaan isaaniif saboonni biyyattii dhumanis jiraatanis homaayyuu miti.  Kanneen darbanis ta’e kanneen har’a jiranis kanuma hojiirra oolchaa jiran. Keessumaa wayyaaneen har’a maqaa sabootaatiin kakkachaa jirtu yakka ishiin saboota biyayttii irratti addatti ammo uummata Oromoorartti raawwattu qabxiilee kaafne  maraafuu ragaa guddaadha.

 Wayyaaneen  waggoota 26n daraban  uummattoota impaayeerittii warra kolonii ishii jala jiran sobaa, hidhaa, ajjeesaa fi saamaa turteetti, ammalleen kanuma itti fufsiisuuf carraaqaa jirti.  Akkuma hunduu quba qabu barri wayyaanee  bara  hidhaa fi  ajjeechaa bara beelaa fi gadadoo ti.  Bara wayyaanee waggoota 26n darban keessa  wanti hin sobamanii fi hin hololmin hin jiru, dimookiraasii jedhame, hin taane,  mirga isaa gaafachuu isaatiin kan hidhame, ajjeefamee fi biyyaa godaansifame darbees eessa buuteen isaa dhabame amma hin qabu.Guddina, misooma, guyyaatti 3 nyaattu jedhamees ture. Kunnis kunoo habjuu ta’ee hafe. Waggaa waggaa namni mili.15 ol biyyattii keessatti qamadii gargaarsaa eeggata.

Wayyaaneen mootoota abbaa irree ishiin dura turanii fi  impaayeera san bulchaa turan hundarraawuu murna dabduu, shiraa fi sobaan beekamtuudha.  Murna boru hin beeknesi. Warri ishiin bixxiltee saboota biyayttiitti bobbaafte kanneen akka OPDO, DHDN fi bi’aadn jedhamanis akkasuma sobdoota, hattootaa fi gara jabaoota dhiiga sabootaatiin daladalaniidha. Wayyaanee fi ergamtoonni maqaqa sabootaatiin daldalan kun yakkoonni waggoota 26 darbaniif raawwaachaa turan lakkaawwamee hin dhumu.

Hidhaa fi ajjeechaan alatti saboonni biyyattii addatti Oromoon waggoota 26n darbaniif qabeenya isaa garmalee saamameera, qayee fi qabeenyarraa buqqaafameera. Naannwa shaggara dabalatee gutummaa Oromiyaa keessatti maqaa invastimantiitiin lafti Oromoo saamameera. Kan kana morme kuun ajjeefamee kuun mana hidhaa jira kuunis bayyaa godaansifameera. Addatti ammo yakki waggoota 3n darbanii asi  wayyaaneedhaan Oromoo irratti raawachaa  jiru akkaan sukanneessaa fi yakka duguuggii sanyiiti.

Waggaa 3n darban erga uummanni Oromoo kaabaa kibbaa bahaa lixaa  nagahe jedhee bilsummaa isaa dhungoofachuuf gamtaan ka’ee asii wayyaaneen dhiphuu keessa seenuun yakka danuu dalagaa jirti. Yakka  Oromoorartti raawwachaa turtee fi jirtu kun ammo   hagama akka sukanneessaa ta’e Oromoo qofa osoo hin ta’in sabboonni biyyattii hundi kn quba qabaniidha.Yakki lafa kanarra jira jedham hundi saba Oromorratti  wayyaanee fi ergamtoota ishii miseensoota OPDOtin raawwateera.

Dura deemsa OPDOtiin ilmana Oromoo sabboonnonni saba isaaniif quuqaman mana, bakka baratanii fi hojjetanii guuramanii murtii malee ajjeefamaniiru, hidhamaniiru, dararamaniiru bakka buteen isaanii dhabamsiifameera. Kan kun isii hin quubsin wayyaaneen  saboota olla Oromoo jiranis Oromoorratti hidhachiiftee bobbaasuun  kunoo ajjeechaa fi darararaa raawwatu itti fufteetti. Har’a Oromoon kumaa kitilli  baha, kibba bahaa fi kibbaan qayee fi qabeenyarraa buqqa’eera.Waraanni sumaalee liyyuu hayil jedhee of yaamuu fi jeneraaloonni wayyaanee wal ta’anii Oromoo haadhaa turan ittis jiru.

Waraanni kun kumootaan ajjeesee, kuma kurnootaan madeessee,kuma dhibbootaan  qayee fi qabeenyarraa buqqiseera. Yakki sukanneessaan ammalleen  uummata Oromoo naanichaarratti rwwachaa jira. Sirnichi osoo nagaa, guddinaa fi waliin jireenya sabootaa jedhee soboo fi hololuu gama lixa Oromiyaatinis akkasuma hidhattoota  Gumzi Oromootti bobbaasuun yakka danuu Oromoorrati  raawwachaa turu hundatu quba qaba.

Dhaabni maqaa Oromootin kakatuu  jaleen wayyaanee OPDOn waggoota 26n darabniif  gorsa wayyaaneerraa argatteen  akka waan aantumama uummta Oromoo qabdu odeessaa fi hololaa turteetti. Kessumaa  erga qabsoon Oromoo wayyaanee aangorraa darbuun waan hin  hafnee fi kan balbala gahee ta’uun mirkanaawaa dhufee asii lubbuu wayyaanee baraaruuf hololli hin gaggeessine hin jiru. Hololii  sobaa akka waan aantummaa Oromoo qabduu fi Oromoof qabsaawaa jirtuutti gaggeessitu kunis yeroo ammaa kana heddummaachaa dhufeera.

Eeyyee OPDOn  dhaaba Oromoof quuqamaa jirtu of fakkeessitee oduu hedduu facaasaa fi hololaa jirti.  Akkuma naanchi nyaachaa boo’a jedhamu san OPDOn Oromoo nyaachaa fi nyaachisaa akka dhaaba Oromoof gaddeeteetti  himimmaan sobaa boo’aa jirti. Dhugaan lafarra jiru garuu hin jijjiramne. Oromoon guyyaa wayyaaneen aangoo humnaan qabatteee OPDO Oromoo irratti ijaartee kaaasee biyya isaarartti  ajjeefamaa, hidhaamaa fi dararamaa akaksumas saamamaa jira. Beelaa fi gadadoof saaxilamee rakkoo keessatti mankaraaraa jira.

OPDOn kan biraa haa hafuutii ajjeechaa yeroo ammaa kana liyyuu hayilii sumaaleetiin Oromoorratti raawwachaa jiru hin dhaabsifne. Odoodhuma OPDOn sobduu, Oroomoof dhaabbadhe jettuu Oromoon ajjeefamaa jira, qayee fi qabeenyarra buqqifamaa jira, inni buqqifame kunoo kumni dhibba 6 ol amma har’aatti hurufatti kufee gargaarsa lammiitiin   nyaatee bulee olaa jira. Qorraa fi aduu keessatti qaqamaa jira.  Osoodhuma OPDOn dhaadattuu fi Oromoofan dhaabbadhe jettee hololtuu Waraanni wayyaanee ilmaan Oromoo sabboonoo  mirga lammii isanaiif falaman manneen barnootaa keessatti, bakka hojii fi addabaabayitti ajjeesaa jira.  Hidhaa fi dararaa jira. Kanarraa ka’uun kalees bara wayyaanee har’aas wanti abbootiin irree mootonni imaapaayeera san bulchaa turanii fi jiran odeessaniifii dhugaan laffarra jiru gargar ta’uu hubanna. Kan jedhanii kan hojjetan wal argee hin beeku. Kan ta’aa jiru kan biraati kan bulchitootaan hololamu kan biraati.

Eeyyee OPDO/Wayyaaneen sobdoota, yakkamtoota, fakkeessitoota,Oromoo ajjeesaa, hidhaa fi dararaa akkasumas saamaa fakkeessiif yakka Oromoorratti raawwateef gaddi nutty dhagahame jedhanii qoosu. Dhugaan jiru kan muldhisu garuu  Kan duuba taa’ee yakkicha hojjete fi hojjechaa jiru wayyaanee fi OPDO hara’a maqaa Oromootiin kakachaa jirtuudha.  Uummann Oromoo dhugaa kana waan beekuuf kunoo qabsoo isaa FXG finiinsaa jira. Mirga isaa qabsoo isaan gonfachuuf daandii walakkaa darbeera. Kun eessattuu fi haala kam keessattuu jabaatee itti fufuu qaba. Oromoos ta’e saboonni biyyattii hunduu  qabsoo isaanii dhiiga isaanii itti cobsanii asiin gahan jabeessanii itti fufanii sirna gochii fi oduun isaa gargara ta’e kana ofirraa kaasuun bilisa of baasuu qabu.  Aantummaan afaanii  OPDO dhan hololamaa jiru Oromoo dhumaatii jalaa hin baafne,  Kan Oromoo s ta’e saba cunqursaa jala jiru kamuu bilisa isa baasuu fi dhumaatii jalaa isa baasus qabsoo isaa malee falli biraa hin jiru.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …