Oduu Haaraya
hiriira irlaand

Miseensotni Hawaasa Oromoo Ayerlaand Gochaa Mootummaan Sawudii Raawwate balaleefatani.

Nutii miseensotni Waldaa Hawaasa Oromoo Ayerlaand, uumatoota nagaa fi tasgabbii jaallataniin harka wal qabachuun haala suukanneessaa mootummaa fi uumata seer-dhaboo biyya Saawudii Arabiyaatiin uummata keenya irratti raawwatame balaleeffachuu , jaalalaa fi  deggersa lammummaa  miidhamtoota  gochaa kanaan gaaga’amanf ibsuuf hiriira nagaa  baanee jirra.

 

Miseensotni waldaa keenya  gochaa mootummaa fi uumatni seer-dhabiin biyya Saawudi uummata keenya irraan ga’an jechaa cimaa balaaleffachuu dandaa’amu hundaan ni balaleeffanna. Akka hubannutti namoota gaagamni irraa ga’e keessaa harki caalaan ilmaan Oromoo yammuu ta’an, namootni kun biyya isaanitti dararamaa, hidhaa fi ajjeechaa shorokeessa mootummaa Itoophiyaatiin irra ga’een baqatanii golgaa barbaacha biyyaa sana seenani dha.  Waanti nama gaddisiisu garuu  ummatni kun  shororkaa dacha ta’en  dararamuu isaanii ti.

 

Amma akka daamsa qobnuu fi akka miidiaa irra argnutti ilmaan Itoophiyaa warri golgaa hin qabne kun humna ajjeestuu fi darartuu Sawudiitii fi uummata jarri lammiiwwaan keenya irratti kakaasaniin kaan reebamnii, kaan du’anii, kaan gudeedamanii, kaan mana hidhaatti naqamanii jiru.

 

Uummatni Itoophiyaa uummata nagaa, uummata boonaa fi kan namaaf jaalalaa fi kabajaa qabu ta’uu irra deerbee  biyyaa namaa keessatti mitii biyyaa isaa keessatti iyyuu kan nama hin tuqne dha. Wanti nama dhibu garuu uummatnii fi mootummaan Sawudii maaliif uummata golgaa isaanii barbaacha biyya isaanii deeme dararaniif dha.

 

Nuti miseensotni waaldaa hawaasa Oromoo biyya Ayerlaan gochaa mootumman Sawudii lammiiwwan keenya irraan gahe jechaa fi miira dandaa’mu hundaan balaalefatna. Aarii fi gadda nutti dhagaame hundaa ibsuun gochaa  suukanneesaa, gochaa hammeenyaa mootummaan biyya sanatiin uummata keenya irraatti raawwate ni balaaleftna.

 

Mootumaan Sawudii Arabiyaa isaa baqatoota siyaasaa baqatoota gosa biro irraa addaan baasee ilaaluun utuu irra jiraa, hundaa waliigala akka tokkotti fudhatee gochaa sukanneessaa akkasii keesumaa iyyuu lammiiwwan Itoophiyaa adda baasee jara qofaa irratti xiiyyeefachuun sirrii miti.

 

Mootummaan Sawudii Arabiyaa akka oodeesu yoo dhuguma seera mootummaa addunyaa hojii irraa oolchaan yoo jechu, seeraa addunyaa isaatti bakka kamitti iyyuu baqataa biyya kee dhufte, ajjeesi, gudeedi yookaan  reebi kan jedhu hin jiru. Kanaaf nuti yaadaa fi sagalee tokkoon dhaabota mootumaa addunyaa keesumaa iyyuu UNHCR, “Human Right Watch” fi Ligiin Mrga Dalamaa kan Ganfa Afrikaaa gochaa suukanneessaa ilmaan Itoophiyaa irratti raawwate kana akka qo’atanii warra daba kana geessise aka seeraan gaafatani cimisinee gaafatna.

 

Mootummaan Sawudii Arabiyaa itti gaafatumummaa seeraa addunyaatiin ala waan ta’uu hin dandeenyeef, dhaabotiin addunyaa warri dhugaa jaallatani hundi dhugaa dabee kanaa fi seera addunyaa warra cabsan kana gara mana murtiitti akka dhiiheesaniif badii isaaniitti akka gaafatamaniif adabaman gaafatna.

Shorokaan haa Dhabamu!

Waldaa Hawaasa Oromoo Ayerlaand

www.oromocommunityireland.com

 

Members of Oromo Community Ireland Show their anger at inhuman Act of the Saudi Arabians against Citizens

We came out today on November 18 2013 to voice our anger at Saudi Arabia action against our fellow brothers and sisters. We take in hands with other peace loving Ethiopians living in Ireland to show our love, support and solidarity to our brothers and sisters attacked by Arabs forces and nations in Middle East.  We are here to show and send our disappointment and anger against the savage, cruel and menacing act the Saudi government and public committed our nations in their country.

 

We the members and supporters of Oromo Community in Ireland oppose in any strong possible words the inhuman and autocracy perpetrated against Ethiopian refugees, particularly against Oromo refugees flee their home country in search of safe heavens from the continuous government sponsored terrorism against them in their own country. It is pity that peace loving Ethiopian are double victims of terrorism in the home country as well as in a country they sought protection.

 

We came to learn that thousands Ethiopians were, much of whom obviously Oromos were surrounded by Saudi Arabia’s killing squad, these unfortunates and helpless immigrants were beaten, tortured and killed by the so called National Guard and Special Force of the country and, the government agitated mob of public elements.

Ethiopians are very social and peaceful people of dignity and pride never attack any body in their own country let alone while looking for protection and refuge in somebody’s county.  It is unimaginable why the Kingdom of Saudi Arabia organised and perpetrated selective attack targeting only Ethiopians and Oromo nationals who left their country for search of international protection against attacks in their homeland.

 

We the members of Oromo Community Ireland, condemn the action the Kingdom of Saudi Arabia committed against our fellow brothers and sisters seeking protection in that country. We express our anger, outrage and condemnation in all possible terms against the ruthless and brutal acts taken against our nationals in Saudi Arabia.

The Saudi Arabian rules where supposed to distinguish among different refugees, rather than assuming all in one category and grossly attacking only immigrants from Ethiopian origin.

Though, the Saudi Arabian government claims that it is implementing the international law, there is no anywhere in the international law that state hosting government can kill, rape or torte immigrates in their country. Therefore, we call on the international organisations including UNHCR, Human Rights Watch and Horn of African Human Right League to seek justice for those helpless victims of inhuman, degrading and devising savage attacks committed against them.

The Saudi Arabian authorities cannot be immune to the international laws and we call ll justice loving and organisations in charge of human right to initiate probes of this crime against humanity and gross violation and breach of International Human Rights Laws.

Down with terrorism!

Association of Oromo Community Ireland.

www.oromocommunityireland.com

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …