Oduu Haaraya

“MIILA LAMA QABAATANIIF , MUKA LAMA HIN YAABAN !!!!!!”

Y.G(2005)
Seenaan yoomillee seenaadha. Maqaa Ummata tokkon qabsoo gaggeeffamu mitii, Maqaa dhunfaanuu wanni hojjatani fi dubbatan qalbii Ummataa fi dhalootaa keessaa yoomillee hin badu. Keessattu, dhimma Ummataa irratti wanni dubbatamuu fi hojjatamu seenaan galmeessu hin dhiisu. Waan kaleessaa fi har’aa madaaluun , Ulaagaa waa madaaluu addunyaa keessa jirruuti. Gootoonni keenya kaleessa kan dubbatanii fi hojjatan , bara baraan dhaloota irraa dhalootatti ce’aa kan dhufeef kanaafii . inni kaleessaa kan har’aaf bu’ura kan jedhamus, kana irraa madda . Namni waan kaleessa dubbate fi hojjate dantaa isaaf jedhee kan waliin dhahu yoo ta’e, (akka Mallasaa) dhumni isaa salphina ta’a . kana malees, Ummati ykn dhalooti hin hubatu ykn ni dagata jedhanii wanni har’a xiiqiin ka’anii hojjatan , ammas seenaa keenya keessatti galmaa’un haqa.

Seensa barru kanaa kaasuun kiyya, dhaaba haaraa (ADO) of labsee jiru irratti yaada hegaree isaaniif tolu gumaachufiidha. Kun holola miti. Ilaalcha isaan qabatanii ka’an irraa mormii qabaadhees miti. (murtiin kan ummataaa waan ta’eef). Ilaalcha lama mooraa qabsoo tokko keessatti wal takaalaa turef furmaati jiru , adda ba’anii sochii ofii taasisanii bu’aa Ummata qabsaa’amuuf sana milkeessu danda’udha. Ilaalcha sana garuu ummata fudhachiisuun waan hundaa dursa. Kan ilaalcha biraa qabu , maqaa wal harkatti qabuu dhiisee , maqaa haaraa qabatanii ba’uun dansaadha. Garuu Alaabaa tokko qabatanii ba’uun kun bu’aan isaa maaliif akka isaan fayyadu hin beeku .

Dhaabi haaraa kun, Ilmaan Oromoo Addunyaa kana irra jiraatu maraaf , mata duree marii ta’unsaa hin hafne. Gaaffiilee heddunis ka’anii jiru . shakkiin, mormiin, amma tokko deeggarsisi inuma dhaga’ama. Deeggarsa aarii ykn xiiqii irraa maddu dhiifnee, mormii wayita dhiheessinu garuu , sadarkaa adeemsa siyaasa keenyaa kan salphisu ta’uu hin qabu jedheen amana. Keessattu , aadaa keenya keessaa baanee arrabsoon sadarkaa dhunfaatti gadi bu’u kun , warra nuuti Dimokiraasiif haaraa miti jennee addunyaaf hundee ta’uu keenya himannu irraa kan eegamu natti hin fakkaatu. Abbaan fe’a bor ka’ee akka dhaabaatti of labsu , anaan waan na dhiphisu hin qabu. Maaliif yoo jedhame, Ummata sirnootaa fi goobantoota adda addaa waggoota 150 oliif hubatee jiru waan ta’eef , akka salphaatti gaaffii isaa bu’uraa irraa maqa jedhee waanan hin amanneefii . ragaan yoo barbaachise, dhaloota har’aa irraa hubachuun ga’aa ta’a. waan ofiifu ol ka’ee deebi’ee taa’u arrabsuuf jarjaruun ykn nan salphisaatti waan hundaa jechuun tarii , isa salphate bakka laachisuufi ta’uu danda’a. wanni Ummata irratti hundaa’ee ka’u hin kufu. Kanaaf ammo, seenaa ka’anii kufuu waggaa dheeraaf nu mudatee jiru ilaaluun ragaadha.

AdeemsaADO”n amma itti jiruun , qormaata hedduun akka isa mudatu hin shakku. Keessattu dhaloota har’aaf wanni hin liqifamne hedduutu jira . yeroo keessa jirru waliinis waan wal dhahu hedduu qaba. Akka sagantaattis waan wal dhahu hedduu qaba. Ijaaramuun isaa , Ummata Oromoo biyya keessa jiraatu moo , ala jiraatu irratti hundaa’e ? kan jedhunis hanqina hubannoo dhabuu keessattin argaa jira. Akkaataa warri hundeessan walitti dhufanii fi sagantaa siyaasaa keewwatan kan wal fudhatus natti hin fakkaatu. Wanni keessa deebi’anii ilaalanii , bu’aa qabsichaaf socha’u malan illee jiraachuu ni mala. Garuu waan dura ta’uu qabuu fi duuba ta’uu danda’u wal dhahee , akka itti sirraa’uu danda’u kan gufachiisu illee of keessaa qaba. Mee amma tokko haa ilaallu. Wanni akka naaf hubatamu barbaadu garuu , Ilaalchi kun hin jiraatiin jechuuf akka hin taanedha.

Baatii 4 dura barreeffama mata duree “LOON ABBAAN GAANFA CABSEE, ORMI IJA JAAMSA” jedhu jalatti waan waggaa 21 dura dubbatamee har’a haalame tokko kaaseen ture. Abbaa waan sana dubbate gara fuula duraattin ibsa jedheen ture . har’a yeroo isaatii nan ibsa . dura garuu waan sana irra deebi’a.

Bara 1991 baatii dhuma Hagayyaa, akka gi’iizitti bara haaraa 1985 qaammee 6 wal ga’ii ABOn Ummata magaalaa Finfinnee waliin Galma yunivarsitii 4 kilootti gaggeessee ture. bara sana umuriin kiyya waggaa 23n ture. yoo xiqqaate Namoota 3000 ol wal ga’ii kana irratti argamaniiru. Barattoonni Oromoo eebbifamanis turan. Yeroo Xilaahuun Gassasaa Afaan Oromoon Ummata isaa biratti sirbe qofaaf(SIWWIR ONAG) jedhame san . wal ga’ii kana irratti Hogganoota ABO yeroosi keessaa 2 argamanii Ummata mariisisaa turan. Gaaffii ummataafillee deebii laachaa turan. Ammaaf maqaa hin dhahu . garuu gaaffii ummata biraa gaafatame tokko fi deebii laatame dhiheessuun garu dansaadha.

Maanguddoo Baalee dhufantu akkas jedhee gaafate . ABO kan quba qabuutu beeka .dhufu keessaniif gammachuu qabna . garuu jara kana maalitti amantanii waliin hojjachuuf dhuftan ? kaayyoo akkamiitu waliin isin dhaabe ? bor kan nuuti wareegamnetti isiniin hin jedhanii ? ega waliin dhuftanii ykn Oromoof ABOn jiraachuu ega beekanii , isa isaan ijaaranii dhufan kun maalii ?qophii isaan dura boruu isin dhaabu qabduu ? jedhanii gaafatan . deebiin laatame,
“dhugaadha jara kana amma dhumaatti amannee waliin hin dhufne. Akki balballi nutti hin cufamneef miillaa jala keenye jirra. Seenuun keenyas ammuma sana. Ummatuma biratti dhaabni kun jiraachuu hubachiisu dhufne . akka sodaanne odoo hin taane, kunoo galmi kunuu guute jira. Kun nuuf gammachuudha. OPDOn nu biratti fudahtama hin qabdu .kaayyoon itti jirtus Oromoof kan ta’uu miti. Dantaa gita bittootaa tikisuufiidha. odoo diigaa jennuu ijaaran . kana dhorkuu hin dandeenyu . ummatatu filata . garuu wayyaanee hin sodaatiinaa . wayyaaneen kan ofiin dhaabbattee miti. Kan jooniyyaa/keeshaa keessatti ishee naqee Afaan keeshaa kanaa hidheetu jira. Abbaan hidhe kun gaafa hike, bakka itti qaban hin qabdu. Tafkii keeshaa keessatti hidhamee ture , afaan isaa yoo hiikan bakka itti qaban qabaa ? akkasitti ilaalaa . kaayyoo kan jedhame , sirna Fedaraalizimii irratti walii gallee . kanaan ala wanni walitti nu hidhu hin jiru.”jedhame.

Hogganni yeroos deebii kana laatan amma ABO keessa hin jiran . garuu qabsoo amma wal dhimbiibaa jiru keessa jiru . waan waggaa 21 dura jedhame kun , yeroo ammaa kana irraa geeddarumsa qabaa ? deebii kanaa yeroo biraaf bulfanna. Jedheen ture.
Har’a garuu Hoggana yeroosii deebii kana kennan yoon dubbadhe rakkoo hin qabaatu. Seenaadha kaa. Seenaan kaleessaa kan har’aaf bu’ura ta’utti amanu baannaan , rakkoo dhalotaatu nu mudata. Deebiin Ummata 3000 ol harka walitti rukuchiisee kana kan dubbatan , Obbo Leencoo Lataa turan. Waggaa 21 dura.

Seenaa kaleessaa kan har’aa waliin madaaluun umamuma namaa waliin jiraate. Haasaan kun waggaa 21 booda geeddaramee , ilaalcha faallaan asi ba’ee jira.kun dhaloota keessatti maal akka uumu tilmaamuun rakkisaa hin ta’u. kaleessa Bilisummaaf ka’i ! walabummaakeef qabsaa’I ! Itoophiyummaafu sichi marii teenya ! gonkumaa warra kaabaa waliin hojjachuun hin danda’amu ! ….. akka hin jedhamiin , har’a abbaamtu sun deebi’ee faallaa kaleessaa yennaa haasa’u, Ilaalchi har’a baanamu kun barbaachisaadha yoo jedhamellee , waggaa 21 boodas jijjiiramu dhiisu isaaf ragaan jiru maalii ? dhaaba kaleessa ofii hundeessanii gootoota meeqa itti wareegamsiisaa jiraatan , kabajaan itti bu’u dhiisanii waan ofii yaadan sochoosanii dhugaa Ummatichaaf fayyadu hojiin argisiisuu moo , “karaan irra deemaa turre kan nu baasu miti !” jennee dubbachuutu furmaata ummata kanaa asi dhiheessa ?

Kaleessa kaayyoon OPDO Oromoof odoo hin taane, dantaa diinaa tiksuufii ega jennee , ADOn sagantaan Itoophiyaa fakkaatee , Alaabaan Oromoo fakkaachuudhaan dogoggora OPDO sirreessuu ni danda’a ? Wayyaaneen waggaa 21 dura tafkii keeshaa keessatti hidhamee jiruun wal fakkeessanii akka diigamtee baddutti dubbatan sun yoom diigamti ? “wayyaanee hin sodaatiinaa” jedhan sana irraa waggaa 21f irraa fagaatanii , amma qawween alatti itti deemuuf yaaduun, wayyaaneetu akka tafkii keeshaa keessaa gadhiifamuutu ga’eenyaanii laata ? “balballii akka nutti hin cufamneefii ” jedhanii waggaa 21 dura nutti himan, har’a banamee jiraa ? Ummati keenya ABOn wal barsiisuuf, sagantaa keenya barsiisuuf kan jedhan sun hidda yaafatee, Bishaanii fi midhaan Ummataa ta’ee , diinnu waggaa 21 irratti ifaajjee keessaa baasuu kan hin dandeenye, Ilaalchi sun nu hin baasu waan jenneef Ummati kun dhaaba ilmaan isaa itti gabbare irraa waan galagalu fakkaataa ???????????

Ani obbo Leencoo Irraa jibba qabaadhee miti. ADOn hundeeffamu irraas mormii qabaadhee miti. Dhaaboonni Oromoo kana caalaa heddummaachuu danda’u . kun ammo laafina keenyaan ta’a. yoo jabaanne garuu lama irra hin taru. Garuu , waan hojjachaa jirru irraa dhalooti har’aa maal barata ? jennee yoo hin yaadiin, umurii diinaa dheeresuun ala wanni argannu waan hin jirreef , rakkoo caalaa keessa odoo hin seenne , furmaata walii akeekuun dansaadha.

Dhaabni haaraa kun yoo kasaaraan ykn Ummata biratti fudhatama dhabee, sababaan tokkoffaa ta’ee ka’uu danda’u, Nama tokko irraa Afaan lama dhaga’uu keenyadha. Waggaa 40 dura Qabsoo Oromoo bifa dhaabaan hundeessanii , sagantaa siyaasaa baasanii , mirga abbaa Biyyummaa Oromoo karaa itti mirkanaa’u waggaa 40f, yoo xiqqaate dhaloota lama itti guddisanii ka’anii, har’a yoo waan sana faalleessan, dhimmi Ummataa lubbuun namaa itti kafalamaa jiru , akka haala qilleenssaa waliin dhahamu irraa bu’aan argamu ni jiraa ? yoo daddaaqamaniis Ummati waliin daddaaqamu ni jiraa ? asi irratti ejjannoo ani qabu, Ilaalchi kun yoo nu barbaachisa ta’e illee, Namoota hundeessine jedhamuun wixinamu illee , isaaniin deebi’ee ijaaramu hin qabu tureDHA. Mee kan obbo Leencoo Yeroo dheeraa haa dhiifnu. Warri dhaloota isaanitti aanu keessaa waggaa tokko faa’a dura dubbatan yoo kaafne waa hedduu tarrisuu dandeenya. Kana dhalooti har’aa akkamiin fudhata ?

Obbo Leencoon , RAADIYOO SIMBIRTUU irratti kan dubbatanii fi hojiin argisiisan ni jira. Isa kaasuun dura , Isaan Ilaalcha har’a dubbatan kana of keessaa qabu taanaan , waggaa 21f riphanii taa’u maaliif akka barbaadan naaf hin galu. Itoophiyaa Dimokiraateessuu yoo barbaadanis, OBKO FI WFIDO waliin maaliif akka hin dhaabbanne naaf hin galu. Isaanin wayyaaneen hin dhaabne . walabummaa qabu turan. Sababaa biraa akka irratti hin kaafneef. Yoo ilaalcha Ummata kanaaf barbaachisaadha jedhanii itti amanu ta’e, wareegama kaffaluun barbaachisaadha . wareegama kana kafalanii Ummata kana rakkoo keessaa baasuuf yoo barbaachise, Ummatuma keessa ta’anii ykn Biyyuma keessatti dhaaba barbaadan kana ijaaranii deemuutu salphatamoo , alumatti warra dhaaba isaan hundeessan irraa warra ba’e walitti qabanii , wayyaanee eebbisanii galuu isaaniif wayya ?

OBBO LEENCOON simbirtu irratti akkas jedhanii turan. “ Dhaaba keessaa hogganoota har’aatu na ari’e. ummatakoof akka hin qabsoofne na taasisan. Kanaaf gochi isaanii qabsoo ummata koof taasisu irraa akka na hin dhaabne argisiisun barbaade. Xiiqiitu kana na seensise. ” jedhan . xiiqii sanaanis, dura taa’aa ta’an . ADO yoo kufaatiin ykn Ummata biratti fudhatama dhabuun isa mudate , waarruma hunddessetu badii qabaa kana jedhef kan biro , yaada armaan olitti kaaseedha. Ilaalchi Itoophiyaa Dimokiraateessu kun ka’umsa isaanii natti hin fakkaatu. Itoophiyaa dimokiraateessuun akka hin danda’mne waraanni isaan bara sana ijaaran(1992) torban tokkotti galaafatamuun , Dimokiraasii akka hin taane beekuf. Xiiqiin ADO umeera . akka hogganummaatti kan waliin jiranis, Ilaalcha kana gaggeeffachuuf ABO keessaa kan ba’an odoo hin taane, dhaaba keessa hojjachuu dadhabnee , nu sochoosuu didanii jedhanii Micciirama warra umeetu , Obbo Leencoo waliin hoggana ta’ee jira. Micciiramni Ilaalcha kanaan odoo ba’ee jiraate, Maqaa ABO jedhamu saamuu hin yaalu ture. Warri isa keessaa ba’es , Faallaa Leencoo Hin ta’an turan. Gariin isaanii ammo , bu’ura odoo hin qabaatiin , cirracha irratti mana ijaarrachuu hin yaalu ture.

Kufaatii fi kasaaraa ADOf inni hangafaa , waan Ummati itti jiru wallaaluudha. Kana malees yeroo keessa jirru wallaaluudha. Biyyi Itoophiyaa jedhamtu dhaloota har’aa Biyyaa godaansisaa fi ajjeessaa odoo jirtu , maal baasuuf ishee faarsu ? Oromoo garba isaanii bara baraa taasisuuf kumaantamaan mana barmootaa keessaa ari’aa bakka jiranitti , masaanuu keenya akka faarsinu nu afeeruun nagaadhaafii ? Qabeenyaan keenya saamamee , qe’een qonnaan bultoota keenyaa saamamee , ari’amee halagaan keessaa fi alaa nu irra qubatee isa dhumaaf nu dhabasiisuuf hojjachaa warra jiran faarsuun , dhugaa bu’aa argamsiisuufii ? yeroo tokko tokko beekumsi kun …………gama kanaan kan isaan mudatu arguuf teenya. Gubattee hin argine, abiddatti gamtii akka hin taane.

Yaadoota armaan olitti kaase kun , seenaan hangam akka nama beeku hubachiisuufii . yaada kana irra bal’aa kaasuunis ni danda’ama. Garuu yeroo eeggachuun barbaachisaadha. Ilaalchi kun Ummata keessaa haa badu jechuu miti . Garuu Ummata irraa fagaatanii jiraachuu irraa isa wallaalanii , hiree murteeffannaatti amanna jechaa “Oromoon Itoophiyaadha” jedhanii sagantaa siyaasaa ofii keessatti raggaasifachuun , Ummata kana irratti waa itti fe’uuf deemu irraa adda akka hin taane fi kufaatii keenya ofii qotannee akka jirru hubachiisuun barbaada . karaan duraanii nu hin deemsisu jechaa , dhaaboota Oromoo waliin ni hojjannaan akkamiin akka wal simu hin beeku. sagantaan siyaasaa faallaa ABO ta’e, Alaabaa ABOn beekamee qaama Ilmaan Oromoo irratti maxxansamee jiru , alaabaa kiyya jechuun, Ummata kanaaf kabajaa qabaachuu irraa kan yaadame natti hin fakkaatu. Kaleessa Alaabaa ABO jedhan. Har’a kan ADO jedhan . ajaa’iba sammuu nama keenyaa. Muuxannoo maqaa fi alaabaa wal irratti qabaachuun addunyaa irraa nu qofaa ta’u hafnaa laata ?wanni nama gaddisiisu, waggaa 40 boodallee muuxannoo siyaasaa addunyaa kanaa hubachuu dhabuu keenya. Waggaa 150 boodallee qoodamu keenya irraa balaa nurra ga’e hubachuu dhabuu keenya. har’allee , diina irratti tokko ta’u irra , wal irratti wal ijaaru keenya. “MIILA LAMA QABAATANIIF , MUKA LAMA HIN YAABAN/HIN KORAN !” mammaaksa OROMOO jaarraa 19ffaa boodallee lubbuun jiru.
Burqaa430@gmail.com

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …