Oduu Haaraya

Maqaa Koree yerootiin daldaaluuf yaaluun yakka

Labsa Ebla 13, 2013 KY-ABO   mataduree “ Ibsaa fi Labsa KY-ABO irraa kennamte”  jedhu jalatti murtii qabxii afur of keessaa qabdu  Ebla 13, 2013 ti dabarsuun keenya ni yaadatama. Akkuma labsa sanittiti tuqame KY-ABO namoota fedhii fi murtii dhaabni keenya  mooraa qabsoo gabbisuu fi jaaruu irratti fudhate, dura dhaabbatan dhaaba keessaa Ebla 13, 2013 irraa jalqabe akka arihaman ifatti miseensota, deegartootaa fi ummata oromoo kanneen hegaree Qabsoo Bilisummaa Oromoof dhimmaniif sararaa adda addaa irratti labsinee jirra.

 

Koreen Yeroo ABO  hujjii isii tan jaarmayoota Bilisummaaf dhaabbatan waliin hojjatte  dhaaba hegaree Walabummaa Oromiyaatiif hojjatu tokko (kan dhaaba kanaa ykn murna kana hin ja’amne)  mirkaneessuuf bobbaa itti fufee jira. Kana malees, hujjii jarreen/namootiin garii amma KY-ABOAdda Bilisummaa Oromiyaamaqaa ja’uti if jijjiirte ja’ani maqaa keenyaan daldaaluuf yaalaa jiran dura dhaabbanna, namootiin yaada kanan deeman kun warra dhaaba keessa arihaman, warra tokkumma jaarmayoota oromoo dura  dhaabachuu murteefatan akka tanahan hubatamuudha qaba jenna.Ky-ABO yaada jaarmayoota oromoo kaayyoo walabumaatti amanan waliin dhaabachuun tokkummaan jaarmayoota kana fi qabsaawoota oromoo akka  bakkan gahuuf  milkeessuuf dhaaboota galii tokko qabnu waliin hojjachaa jira.

 

Labsi amma KY-ABO maqaa of jijjiiree as bahuu isaa tuqame faca’e kun, Qabsoo Oromoo afanfaajjii keessa galchuuf kan tilmaamame, qabsoo bilisummaa oromiyaa kan ilmaan Oromoo kumaatamaan itti kitimaa tahan  qoosa godhate ykn tapha joollee qodhuu fi tokkummaa mooraa qabsoo ykn hundee kaayyoo Oromoo tiif kanneen marxifatan akkuma amala isaanitti summii deymaan dibuun dura dhaabbachuuf kan tilmaamame jenna. Yeroon ammaa tun yaroo humana, dandeeti fi qabeenya keenya bakka takkaa finneee diina keenyaan lollu malee, yeroo dhaaba omishannuu miti.

 

Sagantaa dhaaboota adda addaa irraa walitti guuruun gamanaa gamanaan kutani maxxansuun dhaaba dhaabna jachuun raajjii tahuu bira dabree maqaa, ABO jacha jadhu irratti afanfaajii uumuuf waan tilmaamame akka tahetti hubanna. Kanaaf,  namootiin dhaaba keessa badii saaniitiif arihaman , KY-ABO bakka bu’uu hin dendee’an. Wanni namootiin maqaa KY-ABOtiin labsa KY- ABO maqaa sii Adda bilisummaa oromiyaatti jijjiirte jechuun baasan kun hujiin isaan hojatan tun  fedhii hogganaa  fi miseensoota Ky-ABO akka hin tahin irra deebinee oromoota mara hubachiisuu barbaana.Hujiin namootiin rakkoon akka moora qabsoo bilisumma keessatti  babalatu, rakkoon jirtu akka furmaata hin arkannee fidhii namoota irratti irkachuun ija guduunfatan  tun ta hoogganni, miseensotiin KY-ABO hojatan akka hin tahin hubachuun barbaachisaa dha. KY- ABO namootiin hujii fokistuu tana hojatan akka  guutumatti dhaaba keenya irratti yakka hojjatanitti  fudhanna.

Qabsoon Bilisummaa ummata Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa  yoomiyyuu shira karaa adda addaan itti aggamatame cabsee keessaa akka baatu mamii hin qabnu. Gochaa  farreen tokkummaa jarmayoota Oromoo fi jabeenya Qabsoo Bilisummaa Oromiyyaa tahan dura dhaabbachuun dirqama lmmii Oromoo maraati.  Yaroon ammaa kan nu gaafatu, tokkummaa teenya jabeefannee, diina biyya teenya Oromiyaa hacuucha jalatti galfatee, ummata keenya biyya dhablee, mirga dhablee  gochaa jiru irratti qabsoo gamtaan jabaannee gegeesuudha. Garee moora qabsoo bilisummaa facaasuuf jecha waan hin fakkaanne hojatan,ummanni keenyaa fi deegartoonni keenya akka bakka hin kannineef dhaamanna. Akkasuma waan amma dura bara dheeraaf hojatamaa ture hunda irraa barannee, faca’insa amma dura dhalchaa turan hunda irra barannee, qabsoo teenya tokkummaan, bifa hara’an,gegeesuun gaafii yarooti. Warra arrallee, dhaadannoo kaleessa ittiin wal facaasaa fi wal diigaa turreeniin deeman  dura dhaabbattan murteessaa dha janna.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Oromiyaan ni Bilisoomti!!

 

Koree Hujjii Gageesituu KY-ABO

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

18 comments

  1. Isin warri nuti ammaallee koree yeroo ABO maqaa keenya daldalan isaaniis nama afuri jettan kuni Obbo Ibraahim Mummee fi Saamiyaa warra shanee gumiiti galle guyyaa kana booda Koree Yeroo ABO hin jirtu jettan labsatan tahuu ifa bahaadha. Haatahuu Oromoonni bifa fedheen if jaaree sadarkaa kamittu qabsoo sabaaf waan danda’e gumaachuun mirga dhaloota fi dirqama oromoota jedheen amana. Oromoonni namna afur ariine isin jettan kuni if jaaree, sagantaa fi alaa akkasuma fajjii qopheefatee if labse maaf dhukkuba isinitti taate? akkasuma Oromoonni kuni kaayyoo fi akeeka Oromiyaa bilisoomsuuf sagantaa isaanii keessatti waan isin qabsooftaniif falleeysa moo maaf diinomfatan? moo shaneti gallaan isiniis oomisha shanee gumii waan taataniif qaroo fi dhala oromoo nuun adda bilisummaa sabaaf qabsaawan diinomfachuu akeeka godhan?

    Akkasuma ummanni kuni ibsa isaanii keessatti akeeka fi saggantaa sayaasaa isaanii keessati mooraa qabsoo bilisummaa hunda akka humna taatu fi kabajaan ibsa isaanii baasan, yoo ummata gocha diina hojatu fi salphoo tahuu keessan ibsitan malee arrabni keessan ka’umsa galii Oromoonni kuni jaarameef ifduuba waan deebisu natti hin fakkaatu.

    hujiileen Oromummaa xiqqeessuu fi Oromoo qoqqooduu akkasuma ana malee hundi dhabamuu qaba ju’u ummata oromoo fi qabsaawonni gocha xurii seenaa keessa isin galchuurraa kan hafe hegeree akka hin qabanne if beekuun keessan gaariidha.

    Salphoon arrabaan jalqabdi, arrabaan xumurti.

    Amalli mooraa qabsoo keessatti maadhee tolfatanii Lubbuu qabeenya Oromoo fi Qaroo sabni kuni horate mara ajjeessuu dirree qabsoo keessatti maqaa ABOn ture san arraas akkasuma hawwuu keessan ni mul’ata. gocha Ilmaan Oromoo Maqaa ABOn IFLO, QC, OPLF,IBSO fi kan biraan Oromoota gocha diinummaa jaarmya kana keessatti dalagamaa ture didanii Bilisummaa Oromoof xurree falmaa uuman hunda qaroo meeqa akkaa qawwee diinaan osoo hin tahin kan firaa kumaantama galafatame san arraan achi akka itti hin milkoofne beeka, Oromoo diina keessafi jaleelee maqaa dhaabba kanaan kichuu Oromoo meeqa du’e madaan suni akka arrallee haaraya taate hubachuutu isinirra jiraa hubadhaa Oromoo dhiisaa qabsoo yerooniis digaluu akka keesanii kana tuftee jirti guyyaan ummata keessan keessa bobbahuun isin qaanfachuusu yeroon amma tahuu beekaa.

    Farreenii fi Diinne Qabsoo ummata Oromoo galii irraa hin oolchu!!

    Oromiyaan Ni Walaboomti!!

  2. yaa rabbii mee akkumuma maalli haalli akkanaa qabso oromoo laamsheysyuu Qabsoo dhiiga Elemoo Qilxuu Mul,is Gadaa fii Aneysoo Waaree Buryuso Araarsoo Waday Jaarraa Abbaa Gadaa Sheek mohammed Rashaad Waaqoo Gutuu G/Taddasaa Birru Elemoo Waaree Aaddee Saartuu Bonayya Abdallar baker wadaay (maarkis) Musxafaa Harawwee Abdii Qophee Osmaayyo mussaa Eybisaa Addunyaa fii barattonni hedduun fii Laggasa Wagii Enj/ tasfaahun Cammadaa irratti wareegamanii jarrii waslaattaan tunii akkanatti itti taphatti . isinif hin baddu naa ja,iin ….Oromticha biyya anbaarra

  3. To unknown person who wrote a defamatory article under a title “Maqaa Koree yerootiin daldaaluuf yaaluun yakka”
    It is very sad to read a phony claim that Oromia liberation Front is created by elements already purged from KY-Yeroo ABO. The saddest thing is these shallow minded Bolsheviks who do not understand the crisis that Oromo people are facing are willing to live by name but not by endeavor. Some politically naïve Oromos individuals who could not show dialectical transformation in their political thinking and incapable to analyze and understand the current political crisis through which the daily life of Oromo people are enduring claim to live by empty name of KY-Yeroo ABO. What is important for the public to know is what is declared is not the transformation of KY into Oromia liberation Front (OLF) it is the amalgamation of Oromo nationalists who came up with political program to create hope for the struggle to give shape to the quest of our nation.
    If certain individuals simply like to appear as KY-ABO let them enjoy it but for us they are paper tigers as far as they are not showing progress. How many Oromo organizations claim to be provisional? And for how long? Isn’t it enough to grow from enfant to a preschool child with in five years? We think KY-ABO has lived too long as mentally challenged entity. The official announcement of Oromia liberation Front has never claimed it is the transformation of KY-ABO. If such claim exist it is personal and has nothing to do with Oromia Liberation Front-OLF.
    KY-ABO has been dissolved long ago when Ibrahim Mume defected to Shanee and its second person in charge was accused being agent of OPDO and members left KY YEROO with earth quake size anger and regrouped under a new unnamed political cell that has promoted itself into this new entity. Therefore, those who are whining about KY can have their name on paper and leave Oromia liberation Front-OLF alone. What the public must know is Oromia liberation Front is not an individual fantasy but people’s long awaited dream to see an organization with clear political agenda. Oromia Liberation Front is not by all means an Enemy of Oromo liberation Front-OLF as some think. But we are only a force in pursuit of the independence of our country which is our natural right to pursue life, liberty and happiness no one has right to stop us or black mail us because of our quest and there is no good reason on our side if Oromo Liberation Front OLF Shanee stands on same ground why, we cannot assist each other on the quest of our nation. However, there is nothing as only one organization can liberate Oromia and others cannot organize. Such view as only one organization or only us is an old political version of the Bolsheviks. We hope people understand those days have long gone. It is era of tolerance and multiparty politics from which people have a choice which one to follow.

  4. Mummeen shantam jijjiiramaa namtichii kun dheengadumaa KY-ABO tana booda hin jirtu je’ee Shanetti galee turee amaas KY-ABO je’ee xalayyaa basaa kkkkkkkkkkkkkkkkkkkk

  5. Shaneen fi Mummeen eega walitti deebi’aan booda duula waloo geggeeysaa jiraan fakaatti Oeomoo jarri kun diina Oromootii beeka.
    Harargee keessatti gosa Alaa irratti dulaa turtanii biyya American keessatti Arsii irrati dulaa turtanii amma Boranaa moo Johartuu Mahamed tu itti anaa?

  6. Yoo Internata irrati qabsooftu ta`e malee ‘Oromia Liberation Front” kun eessa jirtu? Amman booda Oromoon namoota harcaatuu ganda keessa yaatee odeessitu kana namni hordofuus ta`ee degeru hin jiru. Uumatni Oromoo deemsa warra Jijjirama ofiin jedhanii jeequmsa uuman irraa waan barnoota ga`aa argateef lameessoo sobuu hin dandeessan.

  7. Shaneen nu malee namnii biraa hin jiratiin jechuuf cufa dura dhaabati magan.

  8. Qarsaa fi Dabasichii dubbii fixanii Viva ABO Oromiyaa warra Oromiyaa bilisoomsu isiin haa godhuu Shanee laftii itti dhiphatee ODF huu akka isanii kanatti Oromoo irratti hin duulan warra rakkoo qabuu Oromoon amma addaan baafatee.

  9. Kayyoo fi maqaan wal fakachuu maatu irra jira.Sa boo Adda Bilisummaa Oromoo jechuun warra ethiopia keessatti mirga barbaadu jechuudha, dubbiin amma adaan naaf batee bar rephee lolaan biyya barbaadu hundi maqaa biyyaatiin sissohaa duranuu tanaaf maqaa ummatatiin baafatan wow.

  10. Shanee keessa namnii akka qabuu waa hin jiruu Dawidi+Odaa Xasee=Mummee fi Samiyaa girlfriend Mummee.

  11. Dear Dabasicha,
    The oromo people poletical factory fabricates diffrent kinds of products(parties and organization).The quality and quantity of the products question the seriousness of the producer.we are questioning the seriousness of our politicians.when the oromo nation is in danger ,when the enemy openly surround us from all sides to swallow us,when our citzens are humilated as fatherland-less in every corner of the world.,when the enemy tortued and killed our citzens mercilessly in prison cells, our poleticians deafness to the heart beat of OROMO people is unexcusable by history .you try to compare communist party w ith lebration front of the people. the goal of lebration army is to acertain independence of a country.the goal of bolshevik party was to seize power. We came to realize that oromo is in prison, oromia is in prison ,oromo struggle is in prison.The oromo people pushes mountains of burden at the same time.The burden derived from the colonization of habeshans supported by their international collaborators.To challenge and overcome all these,societal unity ,organizational unity ,leadership unity.,strategic unity,and unity of purpose and action obliged us to think beyond individual/group interest.Organizational fragmentaion leads to weakness,defeat and lose of hope.therefore any attempt to solve the existing situation needs more than any time collective action as one organ.Rivilary poletics with in oromo movment can creat mess.,even the worst mess that can be avoide very easily

  12. read:cannot be voided

  13. I think there is misunderstanding. I did not compare Bolshevik party and national liberation Front. I just only referred to tactics. The Bolsheviks believe in one vanguard political party but national liberation front is not lead by representatives of working class. It is representative of the people because from national bourgeoisie, workers ,peasants, students, intelligentsia and petty traders share the cause of fight against the occupying forces but communist party like Bolsheviks are advocating power grab by the working class, But Remember Lenin when he observed that the field is too narrow he brought the case of workers peasants alliance. Karl Marx in his analysis of the Paris commune referred to the relation between the city and the rural population. Just let us be clear of the theory first.

  14. Yaa Oromota Biyya Anbaa jirtan mee gaaf tokko walii galaa Dhaaba ABO kana Deggaraa Diinaggeyiin Lubbuun, Yaadaan ,Akkisiin fiinxa ni baanaa bar.
    Abbaa Dulaan Fii Juneydii Saaddo Oromota Gosaan ijaaranii Motummaa wayyaanee faana hirirsan … Gaafa ijoolleen Oromoo WBO taatee Qabsoo Bilisummaa Oromoo finiinsitu Waraanni motummaa wayyaanee gutu gutuutti isaan waan tureef reebicha hamaa fii yo qabamanii hidhaman ka hidhaa keysatti nama garafuu Tigrotaamiti. warraana OPDO tahee kan wayyaanotaaf hojjatan.waan biraa fixanii islaamummaan of ijaaranii gargaarsa Adda Addaa biyyota Arbaarraa Argachuudhaan Aanaa fii kutaa isaanii Misomsaa turan . Nillee jechaa turan Motummaa kana Waaqumaatu darbee nu fide( Erge) jechaa turan …. Waraan ABO fii Deggartotallee warri basaasanii akka reebaman fii ajjefaman ka godhaa turan isaanii. Garuu Oromoon Yeroo Maakmaamu Akkana Ja,amitii ree. Ta dur Qocaatuu Deemaanii ta Ammaa (Zamana kanaa) Allaattiitu demaan hin jannee ree.motummaan erga irraa Quufee islaamota magaalaa Aksumitti Fii magalaa Finfinneetti Hiriiraa fii Mormi motummaa wayyaaneetti dhageysissan kunoo isintu duba jira jechuudhaan isaan reebu fii ajjesuu jalqabee .Arra argan motummaan wayyaanee akka motummaa gabroomffata tahe kuno amma iyyu egalan.ka oromota gosaan ijaaree wayyaanotaaf dhiheysee (hiriirse) Obbo Juneydii saaddo arra baqata taheeti kunoo biyya kiinyaa keysaa barattota oromoo 2005 reebii inni biyya baasee waliin tarree galii gola goltummaa siyasaa gaafachaa jira.ta dur qocaatu demmanii ta arraa allaattitu deemaan wanni oromon ja,uf kanaafi.ree.

  15. Mummeen duraniis angoof jijjiirama jala bahee amaas angoof shanetti debi’ee Arrii saphiloo.

  16. eyyee dhugaadha duraanuu warren maqaa shaman jala galan haa baayyatanu male………………………………………………………………………..