Oduu Haaraya

Manneetiin Jireenyaa,jiraattota Magaaloota naannawaa Finfinnee diigamaa jiru.

Magaaloota Oromiyaa, Finfinnee marsanii argaman, Burraayyuu, Sabbata, Laga Daadhii, Lagaxafoofi Sandafaatti, sababa ijaarsa manneetii seeraan alaa jedhuun diigamniin, namoonni hedduun rakkinaaf saaxilamaniiru.

Bakkeewwan manneetii diigaman kanaas, namoota biyya alaatii maqaa diyasporaatiin gowwoomfamanii biyaatti deebi’anitti kan gurguramu akka ta’e yoo himamu, mootummaan jarreen diyaaspooraa biyyatti waame kanneenin mootummaan siyaasa isaa bareechifachuuf kan kaayyeeffate akka ta’e beekameera.

Sababa Maastar pilaanii magaalaa Finfinneetiin, qotee bultoota Oromoo naannawaa, magaalaa Finfinnee jiraatan buqqisuu kayyoosaa godhatee socho’aa kan jiru Mootummaan Itoophiyaa, yeroo kanattimmoo sababa ijaarsa seeraa alaa jedhuun ummata magaalota naannawa Finfinnee jiraatan kallatti afraniin manneen irratti diigaa akka jiru jiraataan Magaalaa Finfinnee tokko Oromiyaa Miidiyaa Networkitti himan.

Namni kun yaada bilbilaan nuuf qoodaniin, Godina adda Oromiyaa Burraayyuu dabalatee, magaalota Sabbataa, Lagaxaafoo fi Sandaafaatti, diiginsa manaa irratti xiyyeeffateen ummanni dararaaf saaxilamee jira.

Keesumaayyuu Burraayyutti dhimmisaa jabinaan itti fufuusaan kan dubbatan namni kun, guyyoota afran darbanitti humni olaanaan manneen diigu ramadamee, Burraayyuun hanga adda waraanaa fakkaatutti humni tikaa irratti bobba’ee gandawwan heddu keessaa manneen diigamaa jiraachuusaaniitiin, jiraattonni mana dhabanii rooba kessa dirreerratti hafanii akka jiran dubbatan. Burraayyuutti manneen 520 akka diigaman murteeffamanii, gara 300 ol ta’an akka diigaman saaxilaniiru.

Kaabinoonni motummaa, bulchitoonni gandaafi hidhattoonni gandaa ofumaan seeraan ijaarsisanii, oolanii bulanii seeraa ala jedhanii diigsisuun seera dhablummaadha kan jedhan namni kun, duulli diiginsaa raawwatamaa jiru, hiyyeessa kiraa manaa kafalachuu dadhabee qarqara maqaalaatti bahee lafa bitatee ijaarratee jiraachaa jiru irraa buqqisanii kanneen biyyaa baqatanii biyya alaa jiraachaa turaniifi diyaaspooraa jedhamanii biyyatti deebi’aniif kennuuf yaadamuusaa kan eeran maddi Oromiyaa miidiyaa network kun, jarreen kun itti guuta siyaasaa ta’anii ummatni keenya akka cunqurfamu, barri gabrummaa akka dheeratu gochuun daran kan nama gaddisiisu akka ta’e dubbatan.

Dhimma maastar pilaanii Finfinnee armaan dura angaawoonni mootummaa, Oromoo irratti dhaadachaa turan san tooftaa jijjiiranii raawwachiisurratti akka argaman yaadasaanii kan nuuf qoodan namni kun, yeroo kanatti mootummaan maqaa diyaaspooraa Oromootti fayyadamee, Oromoo akka fayyadetti fakkeessuudhaan lammii lammiidhaan miidhuurratti akka argamuu dubbataniiru.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …