Oduu Haaraya

MAAL KOLFA DHALOONNI ?

Yommuun wal bira qabee

Yaadaan taajjabee ilaalu,
Kolfi dargaggoo ammaa
Kan beera durii hin caalu.
Berri durii yommuu kolfitu:qas..qas..qaaaaaas..qas..
Dargaggeessi ammaa immoo: ihim..ihiii..hehe…hihii..
Jedhee ukkaamama
Akka waan waa dheekkamuu,
Ni kolfaafi ni boo’aansaayyu
Adda ba’ee hin beekamu.
Kun maaliif ta’e ? jedhee
Gaafan xiinxalu garuu,
Dhaloonni kolfa hin jibbine
Wanta kolfantu hin jiru.
maal kofa…..?
Addunyaa burjaajja’ee
Hundeen raafamaa jiru,
Cilaattii cabbii ta’ee
Cabbii cilaatta’eeru,
Dilbii sobaan tuulamee
Samii cinaa ga’eeru.
Kan obboleessi du’aaf
Obboleessa isaa gonfu,
Kan firri galagalee
Boojjitoodhaan wal horfu,
Walii galtee manca’ee
Diiggaadhaan dhaalameeru
Hiibboo cirracha ta’ee
Hiikkaan wallaalameeru…
Maal kolfa…..?
Bara aadaan manca’ee
Safuunis duguugame,
Bara saggoon ulfinaa
Salphinaan haguugame,
Silmii dhiiga xuuxuudhaaf
Sababaa tarreeffatu,
Dhiira dhiira fuudhuudhaaf
Xalayaa barreeffatu,
Durba ‘qullaan deema’ jettee
Gaaffiidhaaf lafaa kaatu,
Jaartii qoloo jibbitee
Paantiidhaan gabaa baatu,
Bara jibbi kuntaalaa,
Bara jaalalli kaasuu,
Bara qilleensi xiqqoon
Birbirsa guddaa raasu…
Maal kolfa…?
Kan gaaftokko wajjin nyaatetu
Gaafbiraa immoo wal nyaata,
Raammoon amma arbaa geenyaan
Arbi raammoo fakkaata,
waliif yaaduun ulfaannaan
ofittummaan onnata,
Muraasni lafa dhiinnaan
Kumaafi kitilli ollata,
Inni kaan as fakkaata
Inni kaan biraan duuba,
Kaan dhimma isa hin galchine,
Akka abbaa dhimmaa dhuuba,
Tulluun fulleetti ilaalan
Yoo itti siqan hurriidha,
Wanti damma fakkaatus
Yoo dhamdhaman furriidha
Icciitiin mucucatee
Oduuf gadhiise bakka,
Maaddii tokkorraa nyaatee,
Abbaafi ilmatu walshakka,
Balballi banaatti hafnaan
Diinqa guutte saroonni,
Dachee quraanqurxatte
Maal haa kolfu dhaloonni ?…….

ADARAA SHARE GODHAA!!!!!!!!
—————————————-
KITABAA “MAAL KOLFA DHALOONNI MAXXANSA 2FFA( LATAA QANA’II )
Maxxansa 2ffaa Kitaaba kanaa kan raabsu-Mana Kitaabaa Elellee
Teessoon: Finfinnee buufata Awutoobusii fuuldura

Check Also

baqqalaa gabraa

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa’aa …