Oduu Haaraya
baqataa sauudiin ajjeefte 2

“MAAF GARAA JABAATTA!!”

Najiib Zannuniin

Yaa giddu gala bahaa dachii arabootaa,
Ilmaan oromootti maaf garaa jabaattaa?
Nu Hammeenya hin qabnuu eega carraaqataa,
Nuti shiraan qabnuu maaf zaliil nu gootaa?

Biddeenaaf janneeti Manaa baane nutii,
Mirgaa qabnu dhaabnee biyya teenyarrattii,
Oromiyaa badhaatuu dirqiin manaa baanee,
Gammoojjii jibuuti keessatti gubannee,
Beelaa fi dhukkubaan hedduu gaaga’amnee,
Rakkoo meeqaa dabarree tinfatti as dhufnee.

Akka nama lubbuu isaa tana jibbee quufee,
Amna guyyaa meeqaa bahar irratti du’a suufe,
Garii bishaan nyaatee kaaniis qurxummiin quufe,
Gariiniis cirraachaaa yaman keessa kufee,
Hambaa waa xiqqootu bineensaarra hafee,
Cicha lubbuudhaatiin shorroqaa as dhufee,

Duuba ati arra maaf garaa jabaattaa?
Lubbuu hiyyeeyyiidhaa maaliif galaafattaa?

Nuti sirraan teenyuu sirraa galuu yaanaa,
Waan cacarraaqqanne guduunfannee baanaa,
Lakkii nu quusadhuu yaa dachii nageenyaa,
Suuta nurraa ja’i yaa qiibla addunyaa,

Badii takkan qabnuu
Carraaqata qofa nuti kaayyoon teenyaa,
Maaluma si goonee baafta lubbu teenya?

Addaan nu laalladhuu
Mee suut ja’iiti gargar nu baafadhuu,
Nuu miidhu kee dura,
Eeenyu akka taane sirrit nu hubadhu!!
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
S.K & Najiib Zannuun

N

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …