Oduu Haaraya

Lammikoo gurra naaf ergisi

a Firehiwot Guluma Tezera
31-03-2014
Dhaamsa koo
Lammikoo gurra naaf ergisi
Obsaan callisaan na caqasi
Sumaaf jedheetani dhagahi
Dirqama lamummaa kee bahi
Ani kunoo bahuuf kutadhee
Ka’e zinnarakoo hidhadhee
Na hin qabinaa
Na hin dhoowwinaa
Hidhadhe ani qawweekoo
Deebisuuf lafa abba koo
Hin dhiisu ani waan koo
Har’aa kaasee soda maaliiti
Kan bitamnu hanga yoomiiti
Dacheen tun kan eenyuuti
Kan irrati wal bitu sanyii ormaati
Gumaa jaallanii eenyu kan baase
Mee naaf himaa hunduu ni callisee
Nutiif jedhanii wareegamanii
Lafee isaanii danqarsanii
Har’aa tanaan nu gahanii
Nu hundinuu ni callisnee
Hanga duriituu hanqannee
Dubbachuudhaa dadhabnee, burjoojofnee, dhamaanee,
Guyyan nutty dukkanaa’ee
Ifni hurrii nutty ta’ee
Waanuma isaat wallalee
Yaa jarana bar salphannee
Dhageessuu isinittan himaa
Waan jette oromiyaan yaa jamaa
Akkas naan jette yaa namaa
Dheebodhe dhiiga diinaa
Qalaa hin dhukaasinaa, hin ajjeesinaa
Mormashee irraa darbaa
Dheebodhee dhiiga diinaa
Na obaasaa hadaraa seenaa
Dhoramee nyaatameee
Qoqoramee gadi dhumee
Ilmi koos hidhamee
Kaan ammo biyyoti makamee
Gootni silaa gootumaa
Kan du’e falmee bilisummaa
Gatuun silaa gantuma
Kan gurguratte oromiyaa
Dubbin oromiyaa yoom dhumee
Bosonni koos ciramee, dhumee
Mirgi koos sarbamee, dararamee
Maalin himee maalin dhiisaa
Dubbin baayateef hareeti hin fe’anii
Ana harmee keesan jaalttu taananii
Kanan jedhu dhageenyaani
Ammaa bilisoomtu hin yaadinaa
Garuu isin gargar hin faca’inaa
Tokko ta’aa wal hin jibbinaa
Afaan walii beekaa hin bitaminaa
Akkan jettekaa oromiyaanii
Am sure na dhageessaniii
Maalin hima isinuu ni beektanii
Maal akka ta’uuf maal akka gootanii
Na dhageessee yaa ilma aayyaa
Callisuu manna cal godhuu wayyaa
Oromiyaanis yoo san taati fayyaa
Ka’aa ni duulla yaa ilmaan oromiyaa

 

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …