Oduu Haaraya

Lammaa Magarsaa; Yayyii Erbee Hoolaa Uffate Moo “Quqamaadha”?. Baarentuu Gadaa Irraa

Labsii yeroo atattamaa baasanii, waraana amma funyaanitti hidhate bobbaasanii ummata qayee isaarratti hidhaa, ajjesaaa fi ukkaamsaa waayee nageenyaa haasawuun of gowwoomsuudha. Qabsoo finiinaa jirus hin dhaabu.Ummatimirga isaa kabachiifachuuf wareegamaa fi dararamaa jiru holola, sobaa fi sossobaa diinaa kamitinuu Fincila isaa ni dhaaba jedhanii yaaduun dhugaa lafarra jiru hobachuu dhabuudha. Ummanni hin ka’in malee kaanaan abbaa irree kamuu ofirraa buqisee gatuuf yeroo itti hin fudhatu.Abbaan irree kamuus fincila ummataaugguruu hin danda’u.uggurees hin beeku. Ummanni humna, humna kamiiyyuu caaluudha, ummanni takka hadheeffatee kaanaan kaayyoon ka’eef galii gahu malee hin dhaabbatu. Sobaa fi sossobaan akkasumas dorsifni isa hin dhaabu.Ummanni Oromoos kanumatti jira.

Ummanni Oromoo barootaaf cunqursaahalagaa jala ture, qabsoon gaggeessaa jirus cunqursaa barootaa dheeraa kana jalaa bahuufi. Yeroo Xumuraaf cancala gabroonfattoota ofirraa ciree gatuufi. Du’a, hidhaa fi dararama diinaan irra gahutti xumura gochuufi.

Akkuma beekamu ummanni Oromoo; keessumaa qabsaawoonni ilmaan isaa waggoottan 25n darbaniif murna weeratuu TPLF/wayyaanee irratti qabsoo hidhannoo, FXG walirraa hin cinne gaggeessaa turan, ammas kanumatu jabaatee itti fufee jira. Addatti ammoo waggoottan 2n darban kana keessa qabsoon ummanni Oromoo wayyaanee irratti gaggeessaa turee fi jiru qabsoo Oromoo boonse, qabsoo cunqurfamtoota impaayeera itiyoophiyaa keecha jiran maraaf fakkanya guddaa ta’eedha.

Wayyaaneen yeroo ammaa kana FXG ummanni Oromoo fi cunqurfamtoonni impaayerittii irratti gaggeechaa jiraniin dhiphuu hamaa keessa jirti. Guyyaa kufaatii ishiitakka ..lama jettee lakkaawachaa jirti. Dhiphuu fi sodaa qabsoo ummata Oromoon itti bule irraa ka’uunis akkuma hunduu quba qabnu “Labsii yeroo atattamaa” jechuun sochii ummataa irratti uggura keechee jirti. Karaa ergamtoota ishiis, TV fi Raadiyolee too’attee jirtuun holola moofaa, holola gowwaa irra deddebitee hololaa jirti.ABOn biyya ijiptiin deeggaramaa jechuu irraa kaaftee oduu xuraawaa fi ummattoota biyyattii waggoota 25n darban nuffisiise buufaa jirti.

Yeroo ammaa kana akkuma karaa midiyaalee gara garaa gabaafamaa jiru waraanni ishii labsii yeroo atattamaa kana hordofee Oromiyaa keessa dabalataan facahe; hidhaa, ajjeechaa,ukkaamsaa,saamichaa fi yakkoota danuu ummata Oromoorratti raawwachaa jira. Gama biraan ammoo TVn isaanii ergamtootaa fi garaaf bultoota maqaa Oromootin daldalan diyaaspooraa gantootoota tokko tokko argisiisuun qabsoo Oromoo takkaa’uu itti dhihaatanii hin beekne akka laaqan taasisaa jirti. Holola sobaa, holola abdii kutannaa gaggeessaa jirti. Keessumaa hololli yeroo ammaa kana karaa ergamticha Hogganaa OPDO Lammaa Magarsaa gaggeeffamaa jiru lolaan qabsoo Oromoo, FXG qeerroon gaggeeffamaa jiru, tarkaanfiin WBO walumaa galatti Qabsoon ABOn gaggeeffamu hudhee isaan qabuu, gara abdii kutannaatti deemuu isaanii muldhisa. Carraaqqiii sa dhumaarra jiraachuu isaanii ragaa baha.

Ummati Oromoo Ergamtichi Lammaa Magarsaas ta’e qondaaloonni OPDO martuu Yayyii gogaa Holaa uffatan ta’uuni beeka. Dhokotaas miti.Yayyiin dhiheenya kana suuqa keechaa gadi bahe Lammaa Magarsaa ammoo nama yeyyuummaa isaa hojiin mirkaneessaa tureedha. Akkuma hunduu quba qabnu tibba darbe karaa TV Wayyaanee gadi baheenama Oromoof quuqamu, quqqaan itti dhagahamu ta’ee muldhachuuf yaaleera. Holola isaa TV Oromiyaa jedhamurratti onkoloessa 14 fi 15 bara 2016 namoota manguddoota jedhaman ergamtoota ergamtootaa walitti qabee gaggeessee kanaanis yakkoota ummata Oromoorratti raawwchaa turee fi jiru nama quuqamu fakkaatee keessa ammoo dhaaba keenya OPDO/IHDG/ deebiifnee jabeessuu, jaalatamaa godhuu qabna jedheera. Nama jijjirama fiduuf kutate of fakkeessaa deebi’ee ammoo waltajjuma sanirratti yeroo ilmaan Oromoo FXG gaggeessaa turanii fi jiran abaaru muldhateera. Keechumaa yoo ilmaan Oromoo dhuman dhiisee qabeenya wayyaanee gubateef mararaftu argineerra. Deebi’ee ammoo yoo isn warri jaarsolee akka nagaan bu’u, akka ummanni tasgabaawu ummataa fi nuwaliin hojjedhaa jedhu dhageenyeerra.Gaafii jijjiramani ati jettu olaantummaa eenyuu jalatti…? Innumti jijjirama jettuhoo kan akkamiiti jedhuuf deebii hin qabu.
“Bineensi biyya hin beekne dhaqee gogaa naaf afaa” jedhe jedhama.Lammaa Magarsaa yoo namni isa hin beekne tarii jiraate gowwoomsuuf tattaafateera.Tattafataas jira.Ummanni Oromoo garuu Lammaa Magarsaa qondaaloota OPDO yakkoota seenaan hin daganne ummata Oromoo irratti raawwataa turanii fi jiran keechaa tokko ta’uu tolchee beeka. Namni kunErgamaa ergamee hin dadhabne, waggoota 25n darban bara bittaa wayyaanee kana keecha ummata Oromoo irratti yakka dalage, nama sii’achis bara bittaa wayyaanee dheereessuuf halakanii guyyaa hojjechaa jiru ta’uun eenyu jalaawuu dhokotaas miti.

Namani af- yaa’ii bakka bu’oota ummataa ykn caffee fakkeessii Oromiyaa turee fi yeroo ammaa kana ogganaa OPDO ta’e kun waggoottan 25n darban bara bittaa wayyaanee kana sadarkaa adda addaatti nama ergama isaa bahaa tureedha. Baroota bittaa wayyaanee kana guutuu nama wayyaaneef ol jechaa fi gadi jechaa dalagaa tureedha. Yeroo afaan mi’eeffatee nama Oromoof gadde fakkaatee karaa TV as bahee dubbatu oggana olaanaa OPDO ta’e, keessumaa ammoo kaabinee mootummaa naannoo Oromiyaa ta’ee yeroo biroo dhimma nageenyaa Oromiyaa gaggeessaa turetti akka inni ummata Oromoo; addatti ammoo dargaggoota Oromoo hisiisaa, ajjeechisiisaa fi bakka buutee dhabamsiisaa ture waan Oromoon quba hin qabne itti fakkaachuu danda’a. garuu Oromoon quba qaba. Akka maqaa Oromootin caffee Ormiyaa fakkeessii gaggeessaa tures Oromoon waan hin beekne se’uu hin oolu.osoo kan darbe jajnuu mmammoo kunoo caalaatti akka hojii ergamtummaa isaa bahatuuf wayyaaneen OPDO itti kennitee jirti.

Mee gaafii tokko Lammaa Magarsaa haa gaafannu, yoo dhuguma akka TV irratti Odseessaa turee fi jirutti kanOromoof quuqamu ta’ee maf yoo ummanni Oromoo waggoottan 25n darbaniif yoo bulchiinsa wayyaanee jalatti rirriitamu callisee ilaalaa ture. Maaf dhaaba inni qondaalummaan keessatti hirmaachaa turee fi jiruun yoo ummanni Oromoo dhumu, saamamu fi biyyaa godaansifamu callisee mindaa isaa lakkaawwachaa ture…? mee kan waggoottan 25n darbanii haa hafuutii baruma kana keecha yeroo inni af-yaa’ii caffee Oromiyaa ta’ee gaggeessaa jirutti yoo ilmaan Oromoo akka saree karaarratti rashanaman maaf jecha takka hin darbatin, maaf caffee gaggeessaa jiru walitti yaamee hin balaaleffatin…?Maaf gooftolii isaa wayyaanootaan dhaabaa hin jedhin, maaf qabsaawoota bukkee hiriiree sagalee ummata Oromoo hin dhageessisin…? Har’a maaltu obb.Lammaa Magarsaatti Muldhate…? Habjuu maal argee wayyaanee keecha taa’ee Oromoof mararfate…? Maaltu sa’aa 11ffaa irratti quuqamaa isa fakkeesse…?Deebiin isaa ifaa fi ifaadha.Kan Lammaa Magarsaas ta’ee qondaaloota OPDO dhiphisse qabsoo Oromooti, Tarkaanfii Goticha WBOti. Wayyaaneen sochii qeerrootiin qarqara boollaa gahuu ishiiti. Kanaaf lammaa magarsaa quuqamaa fakkaatee Yeyyummaa isaa dhoksee gogaa holaa uffatee as bahe.

Har’a Ummanni Oromoo dhiigaa fi lafee ilmaan isaatin canacala gabrummaa kukkutee gataa jira. Tafaa’ulli bilisummaa fagoorraa osoo hin ta’in dhihoorraa ifaa jira.Kan Lammaas ta’ee gooftolii isaa hirriiba dhorkaa jirutu kana.kanaaf osoo ummanni Oromoo Yayyii ta’uu isaa isa beekuu gogaa holaa uffatee, ija haxaawwachaa nama qulqulluu, nama ummata Oromoof quuqame fakkaatee as bahe. Dubbiin garuu erga waraabeechi darbee sareen duttee sana taatee jirti.Hololli Lammaa Magarsaas ta’ee ergamtoota biroo akkuma “Kan dadhabi jedheen habjuun dhakaa guuraabula” jedhan san yoo ta’e malee gongumaa wayyaanee Galaana qabsoo Oromoorraa hanbisuu hin danda’u.Hololli maqaa jaarsolii biyyaa jedhee nagaa, tasgabbii, aadaa marii maaloo… maaloo jedhee waan akka jaarsummaa fi sossobaa fakkaatu tokko gaggeessus ummata Oromoo qabsoo isaa xumurarraan gahaa jiru biratti fudhatama argata jedhanii yaaduun of gowwoomsuudha.

Oromoon dhiiga isaatiin balabala bilisummaarra gaheera. Isa hafes dhiiga isaan xumura akka itti godhu shakkiin hin jiru. Kan qabsoon isaa xumura argatu ammo qabsoon malee jaarsummaa, sobaa fi sossobaanii miti. Kanumarraa ka’uun Lammaa Magarsaas ta’e fakkaattoonni isaa qondaalonni OPDO kan gochuu qabanii fi yeroo ammaa kana irraa eegamu; Ergamtuu diinaa, ergamtuu gabroonfattuu murna wayyaanee ta’uu dhasanii qabsoo Oromoo, FXG finiinaa jirutti makamuudha. Lammii ofii waliin dhaabbachuudha. Wayyaanedhaan “ammana nu ergattee jirtaa sig gaha” jechuudha. Kan ummanni Oromoo yeroo kana irraa eegus kana malee ergamummaa, jaarsummaa fakkeessii, holola sobaa fi sossobaatii miti. Isaan maqaa manguddummaatiin ergamtoota ergmaa ta’aa jiranis kanuma hubachuu qabu,. Gabroonfattuu wayyaanee irratti irree isaanii gargalchuudha.Yoo kana dadhabdan daandiirraa goruudha. Lachuu diddaan ammoo kan ta’uu qabu fi gochuu qabnu FXG calqabne jabeessanee itti fufnee gooftoloota isaa wayyaanootuma waliin akka kosii, faltii loonii karaarraa haxoofnee daandii keenya, daandii Bilisummaa qulqulleessuudha!~

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …