Oduu Haaraya

LAFEE OROMOO CACCABSITEE NYAATAA?*

LAFEE OROMOO CACCABSITEE NYAATAA
Friday, 08.05.2011, 05:35pm (GMT)

LAFEE OROMOO CACCABSITEE NYAATAA?*

Taammanaa Bitimaa irraa

Lafa, lafee Oromoo
Qaama sabaa kan qomoo
Biyyee, Biyya Oromoo
Dachee sabaa kan Qomoo
Maaf irra dannabsa
Maalumaaf caccabsa?

Lafatoo saamamee
Lafeetoo raamamee
Biyyeetu summeeffamee
Biyyatu guuyyeffamee
Anoo kanaafan iyyaa
Na dhagayi yaa biyya!

Jarri gaaraa dhufe
Kan roorroo itti-fufe
Warri abbaa qawwee
Nutti ta’e jawwee!

Nutti ta’ee jawwee
Hundumaa dhudha’aa
Nu duguuguuf hawwee
Hundumaa qusa’aa!

Inni sodaa Waaqaan beeku
Homaa safuu biyyaan eegu
Odaa-dha mummura
Awwaala gurgura
Aayyoo-dha garafa
Aabboo-dha wacafa
Kichuu keenyammoo soqola
Namummaa keenyas fonqola!

Lafa keenya irratti
Lafee teenya caccabsee
Biyyee teenya irratti
Saba keenya daddabsee
Gabroota nu godhatee
Olii-gad nu unkura
Awwaala akkilee-llee
Gabaa baasee gurgura!

Laftoo lafee teenyaa
Kan irratti dhalannu
Kan irratti awwaalamnu
Yaa WAAQ maalumaafi
Kan irratti waadamnu?

Innis ilmoo namaa
Nutis ilmoo namaa
Dacheerraa duguuguuf
Maaliif !
nutti gamaa?

Isas Waaqatoo uumee
Nuyis Waaqatoo uumee
Inni maaf nu gabroomfata
Ofii-saan of-shuumee?

Dirra Oromoo madeessitee dhaantaa?
Lafee Oromoo caccabsitee nyaattaa?
Lafa Oromoo qiqircattee saamtaa?
Handhuuraa saba-koo ol-harattee baattaa?
Xiqqaa-guddaa keenya garaftee waaddaa?
Uummmata-koo jiraa-saallee awwaaltaa?

Laggeen summeessitee
Gandeen bulleessitee
Dubbii bukeessitee
Garaa-kee kan bineensaa
Kan namaa fakkeessita
Sammuu-kee isa iyyeessa
Kan gamnaa fakkeessita!

Qawwee fi beelaan biyya keenya lixxee
Joollee fi manguddoo waaddachuun fixxee
Kunoo, amma awwaallan abbilee
Maarree, kaabbaawwan aayyilee
Gurgurachuun horoosaa raamta
Lafee namas caccabsitee nyaatta!

Coqorsa ciccirtee
Coqortuu diddirtee
Jaarsa gadamoojjii hiitee-woo garaftaa
Jaartii warra-moodii huutee-too wacaftaa!

Siiqqee caccabsita
Dhugaa daddabsita
Yeeyyiitti hirkattee
Lafee teenya caccabsatta
Alatti hiixattee
Lafa keenya gadabsatta!

Kunoo, Oromiyaa teenya
Gabaa addunyaa baaftee gurgurta
Ilaa, O!
romoo fi Kuush keenya
Eeleerratti baaftee guggubda!

Mee-yaa u!
ummata-k
oo
Uumee-too saba-koo
Hamma yoomiitti waadamaa jiraatta
Hanga hammamiitti dhaanamaa gixaanta?

Abboo silaa duuti hin ooluu
Maleekanillee kana achin qoluu
Akka abbootii keetii hidhaddhuu gadbayi
Akka haadhotii teetii siiqqedhaan olka’i
Yeeyyota alaa-manaa
Qaltuu sa’aa-namaa
Gubduu margaa-mukaa
Awwaaltuu namaa-dhugaa
Ka’iitii asii fi achi bittimsi
Darbaddhuutii ofirraa figgimsi!

Hayyee gaye, gaye
Ilaa gaye, gaye
Olka’ii tokkummaa-kee cimsi
Gadbayii diina-kee bittimsi
Walatayii gabrummaa dhidhimsi!

Akka lamuun deebineef
Dhidhimsii fageessi
Akkan bayyananneef
Irree-kee jabeessi
Jabeessii ofirraa qoladdhu
Cimsii mirga-keef loladdhu!

Olka’ii tokkummaa-kee cimsi
Gadbayii diina-kee bittimsi
Walatayii gabrummaa dhidhimsi
Eekaa, dhidhimsii fageessi
Dachee Abbaa Gadaarraa
Biyya warra odaarraa
Gabrummaa balleessi!

Awwaala gabrummaa-rratti
Kosii roorroo gubbaatti
Republika Gadaa tolchii hundeeffaddhu
Dhiigaa-lafee keenyaan bu’ur-jabeeffaddhu!

Barliin – 10. 05. 11

************    H!
ubachiisa Miiljalee    ************

* Walaloon kun mee miseensota qutee-bulaa Oromoo fi warra Gambeellaa, isaan qeyee fi gandeen ofii irraa buqqifamaniif mararfannoo fi biradhaabannoo haa tahu! Akkanuma uummata obbolaa keenyaa, Somaalota Ogaadeen warra gabroomfattoonni Habashaa rasaasaa fi beelaan fixaa jiraniif, mararfannoo fi biradhaabannoo haa tahu!

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …