Oduu Haaraya

Labsiin Yeeroo Hatattamaa Itiyoophiyaa Dheeressamuun Maal Jechuu Dha?

VOA

Labsiin Yeeroo Hatattamaa Itiyoophiyaa Dheeressamuun Maal Jechuu Dha?

Labsiin Yeeroo Hatattamaa Itiyoophiyaa Dheeressamuun Maal Jechuu Dha?
Kana irratti ka biyya Briteen jiru, Kiil Yunivarsitii irraa hayyuu seeraa, Dr. Awwal Aloo, ka kutaa Teksaas jiru, Kaatoolik Yunivarsitii of Daalaas irraa immoo proofesara dhimma dirnagee fi dorgomaa Seneetii Yunaayitid Isteets duraanii, Mohammed Xaahiroo dubbisnee jirra.

Mootummaan Itiyoophiyaa labsii yeroo hatattamaa baatiilee ja’aaf biyyattii ittiin bulchaa ture baatiilee afur ka biraaf dheeressuu isaa torban dabre beeksisee jira. Labsii yeroo hatattamaa sana Onkoloolessa bara 2016 labsuun isaa eega mormiin guddaan guutummaa Oromiyaa fi naannoo Amhaaraatti gara waggaa tokkoof geggeessamee turee booda ture. Yeroo mormiin sun geggeessametti, namoonni dhibba shanii ol ta’an humnoota mootummaan ajjeesamu isaanii gareen mirga dhala-namaa Hiyuumaan Raayits Waach gabaasee ture. Booda mootummaan illee kanuma dubbate.

Kan torban dabre labsiin yeroo hatattamaa sana ilaalchisuun mana-maree Itiyoophiyaaf ibsa kennan – ministarri ittisaa Itiyoophiyaa fi itti-gaafatamaan waajira Taask Foorsii labsichaan hundeessamee, Obbo Siraaj Fageessaa, “dhimmoonni akka humni ittisa biyyaa ajaja tokko jalatti bobbaasamu taasisan guutummaatti hin dhabamne. Amma illee farreen nageenyaa, kanneen wal-falmii bulchitoota naannoo gidduutti uumametti dhimma ba’uun wal-dhibddee sana babal’isuu fedhan ni jiran” jedhan.

Kanumaa labsiin yeroo hatattamaa kun maali? Dheeressamuun isaa moootummaa fi uummata biyyaattiif bu’aa maalii qaba? Yokaan dhiibbaa maalii qabaata?

Kana irratti ka biyya Briteen jiru, Kiil Yunivarsitii irraa hayyuu seeraa, Dr. Awwal Aloo, ka kutaa Teksaas jiru, Kaatoolik Yunivarsitii of Daalaas irraa immoo proofesara dhimma dirnagee fi dorgomaa Seneetii Yunaayitid Isteets duraanii, Mohammed Xaahiroo dubbisnee jirra.

Kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …