Oduu Haaraya

Labsiin Magaalota Oromiyaa Dhaabuuf jedhamee dhihaate Caffeen marii gabaabduu booda ibsa gahaafi jijjiirama tokko malee dabarsitee jirti.

Labsiin kun Maastar Pilaanii Finfinnee hojirra oolchuuf seeraan hayyame jechuudhaa? Ifatti hin hayyamne. Garuu Maastar Pilaanii bira dabree dantaa Oromoofi Oromiyaan magaalota irraa qabu miidhuuf karaa guddaa bane. Akka armaan gadiitti laalla.

Labsiin kun Maastar Pilanii Finfinnee hojirra oolchuuf suduudaan hin hayyamu. Mataduremarraayyuu ‘magaalota Oromiyaa’ waan jedhuuf ‘walitti makamiinsa’ wanni jedhame kun magaalotuma Oromiyaa jidduutti daangeffama jedhamee waan fudhatamuuf yaaliin magaalota Oromiyaa kan naannoo biraatin walitti makuuf ifatti hin hayyamne. Ammoo walitti makamuun makamuun kun magaalota Oromiyaa giddutti qofa jedhamees ifa waan hin ta’iniif warra magaalota Oromiyaa muratee fudhachuu fedhiifis baniinsa ( loophole) guddaa qaba.

Kana daran ammoo labsiin kun miidhaa guddaaf karaa bana. Akkamiin?

‘Jiraattota’ magaalaatiif mirgaafi aangoo guddaa kan sadarkaa zooniifi aanattuu hin jirre kenna. Akka labsii kana keessatti irra deddeebi’amee kaayametti magaalota walitti makuun, maqaa jijjiiruun, hogganoota filachuun, imammataafi tarsiimoo magaalaa hundi ‘fedhii fi waliigaltee’ jiraattota magaalaa irratti hundaaya jedha. Caffeen Oromiyaatifi godinoonni magaalonni keessatti argaman magaalota ajajuu hin danda’an, mari’achiisuu malee.

Kana qofaa miti, galiin magaalaa irraa argamu faaydaafi tajaajila magaalaa saniitif akka oolu ammas ‘fedhiifi waliigaltee’ jiraattotaatin ta’a jedha. Akkuma beekamu magaalonni handhuura galiiti. Kan magaalaa keessatti oomishamu qofaa miti, kan badiyyaan naannawa sanii callaeessus magaluma sanitti kuufama. Akka labsii kanatti galii magaalaa keessatti kuufame kun kan fayyadamuu danda’u ‘jiraattota’ magaalaa saniiti malee qonnaan bulaan ollaa magaalaa san sooromse humaa irraa hin argatu. Waan kana daran kan hammeessu, hariiroon Caffeenifi godinoonni magaalota waliin qaban, waliiftumsuufi wal mari’achuu irratti hundaaya. Magaalaan takka Oromiyaa keessaa aangoofi mirga Oromiyaanuu sirna federaalaa keessatti hin qabne laatameef.

Amma egaa, ‘jiraattonni magaalaatiif’ mirgaafi aangoo hammana guddatu kennuun maalif barbaachise? Miidhaan isaa hoo maali?

Akkuma beekamu magaalonni Oromiyaa hedduun teessoo waraana Nafxanyaa ta’uudhaan bu’uerraffaman. Sirnoota dabran keessatti aadaan magaalaa qilleensa farra Oromoo ta’een waan guutamee, akkasumas Oromoon sirna abbaa lafaatin lafa baadiyyattin waan walitti hidhameef magaalaatti kan godaanu xiqqaa ture. Bara mootummaa kanaa ammoo magaalonni adaduma babal’ataniin qonnaan bulaa Oromoo lafarraa buqqaasaa lafa isaatirra alagaa maallaqaan lafa bitate qubsisaa jiran. Kanaafu, magaalota Oromiyaa keessa qabiyyeen jiraattotaa ( demographics) alagaatu heddummaata. ‘Fedhiifi waliigaltee jiraattotaa’ yoo jedhamu ammoo kan warra magaalaa san keessatti baay’ina wayyaba qabuu ( majority) jechuudha. Kanaafuu labsiin kun imaammataafi fuulduree magaalota Oromiyaa keessa jiranii harka Oromootii baasee alagaadhaaf laatee jira.

Akkuma namuu argu labsiin kun ogeeyyota Oromootin qoratamee akka hin dhiyaatin ifa. 1ffaa Afaan Amaaraatirraa garagalfamuun ifatti mul’ata. 2ffaa ‘koreen’ silaa labsii kana qopheesse jedhamee Caffeetti dhiheessi yaadrimee xixiqqaa kabsii kana keessatti hammatameeyyuu sirritti akka hin galiniif deebii isaan gaafii ka’aniif kennani irraa beekuun ni danda’ama.( Fkn. garaagarummaan regiopolis fi metropolis maal akka ta’e waan hin galiniif walitti laqaa turan)

Maarree nyaaphni labsii kana tirra diddibee Caffeettii maalif erge?

1) Karoora Maastar Pilaanii Finfinnee akka jiruun osoo dhiheessanii mormiin jabaan akka isaan qunnamu ni beekan. Kanaafuu labsii Pilaanicha suduudaan ammumatti hojirraa oolchuuf isaanif hayyamu yoo argachuu dadhaban, kan dhawaatan galmaan gahuuf isaniif karaa saaqu baafatan. Akka labsiin kun isaaniif hayyametti, lafa Oromoo bitachaafi waliif kennaa waggota muraasa keessatti qabiyyee ( demographics) ‘jiraattota’ magaalota naannoo Finfinnee daran jijjiruun alagoomsu. Waggoota lamaan takka booda fedhiifi waliigaltee ummata Finfinneetifi kan Burraayyuu, Sululta, Sabataa kkf sababeeffachuun magaaloonni kun Finfinnee jalatti galan.Gaafas labsii kanaafi ‘fedhii jiraattotaa’ waabeffachuun ‘seeraan’ Masster Pilaanii sani hojirra oolfatu.

2) Labsiin kun Finfinnee qofarratti kan murtaa’u miti. Magaalota akka Jimmaa, Shaashamannee, Haramaayaa, Walisoofi kan biroos harka Oromoofi Oromiyaatii baasuuf shira xaxame ta’uun beekkamaadha. Akka ani shakkutti akkuma magaalonni kun babal’ataa magaalota naannoo biroo kan ollaa san jirinin walitti dhihaatan, ‘fedhiifi waliif galtee jiraattotaan’ walitti makanii, naannolee lamaan jalaa baasanii akkuma Finfinneefi Dirree Dhawaa federaalaan bulchuuf karoora qabu.

Walumaa galatti labsiin kun balaan inni Oromoofi Oromiyaaf qabu kan Maaster Pilaanii Finfinnee daran akkaan badaadha. Hogganoonni OPDO fi miseensonni Caffee labsi shira akkanaa of keessatti hammate kana akka dantaa saba kanaa eegsisuun osoo hin fooyyessin, akkuma gubbaa itti kennametti raggaasisuu isaanitif yakkamtoota seenaati. Ummanni keenyas balaa itti aggaamame kana bifa maraan dura dhaabbachuuf dhugaafi dirqama qaba!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …