Oduu Haaraya

LABSII YEROO MUDDAMAA WAYYAANEE BOODA MAALTU TA’UUF DEEMA?

Berhanu Hundee

Seeraanis ta’u seeraa-alaan; wayyabaanis ta’uu hannaan, murtiin Labsii Yeroo Muddamaa (LYM) Wayyaanee dabree jira. Kana booda maaltu ta’uuf akka deemu kan arguuf teenyu dha. LYM murtii Mana Marii Sabootaa/Ummattootaatin deeggaramus deeggaramuu baatus, idileedhaan labsamus dhoksaan godhamus, kaayyoon isaa tokkuma. Innis sochii uummata Oromoo keessumaayuu kan Qeerroo dhaamsuu dha. Gabaabaatti, Sabboontota keenya hiduuf ykn ajjeesuufi; haala kana keessatti immoo waan saamamuu danda’u saammachuufi. Hiikni biraa hin kennamuuf. Kuni immoo waanuma waggoota 26 ol ta’aa as gahee fi keessumaayuu immoo erga sochiin uummata Oromoo calqabee ifaa ifatti mula’achaa jiruu dha.

Wayyaaneen osoo gamna taatee, labsii kana idilee (formal) godhuudhaan hawaasota Addunyaatuu ofitti hin dammaqsitu turte. Akkuma barame dhoksaadhaan nama keenya fixuus ni dandeessi ture; godhaatuma as geesses. LYM kana godhuun ishii gama tokkoon, yaaduma uummataa hubachuuf natti fakkaata. Gama biraatiin immoo ajandaa uumtee, isa kanarratti namootni akka waa hundaa dhangalaasan taasisuufi karoorfattee ti jedheen yaada. Kan ta’es ta’u labsiin dabre; wanti gamaa gamanaa wacamaa tures akka bokkaa roobee caame. Wanti Wayyaanees ta’e hunduu hubachuu qaban garuu, LYM yeroodhaaf dhiibbaa haa qabaatus haa dhiisus qabsoon bilisummaa fi haqaa dhaabbachuu hin danda’au. Haa turu haa daddafu malee, injifannoon xumuraas kan uummataa akka ta’u shakkiin hin jiru. Waayee LYM laalchisee kanuman jechuu barbaada.

Sochii uummattootaa keessumaayuu kan uummata Oromoo laalchisee wanti nama dinqu garuu sochiin kun waa baay’ee uumee jira. Dhimmoota muraasa ta’an tokko tokko akka fakkeenyatti kaasuuf, dhiibbaan Sochii Uummata Oromoo:

  • OPDO hirriibarraa dammaqsee hoggansi ishii haaraan yoo xinnaate waayee Sabboonummaa fi Oromummaa akka haasa’u taasise;
  • Aktivistoota kumaatama hore; isa kana keessatti beekaan, xiinxalaan, abbaan malaa, abbaan tooftaa fi tarsiimoo heddoome;
  • Waayeen OPDO ajandaa marii ta’ee akka irratti haasa’amu taasise;
  • Dhimmi Muummich Ministeerotaa (MM) ajandaa ijoo akka ta’u taasise;
  • Hoggantootni OPDO akka faarfaman, deebi’aniis akka shakkamani fi abaaraman taasise, fi kkf.

Egaa gaafii: Kuni hunduu bu’aa fidan moo hin fidne? kan jedhuuf deebii uummatumaaf dhiisuun filadha. Wanna tokko kanan kaasuu barbaadu garuu, akkuman “Hin taati jennaan HARREE qallee; hin taatu jennaan harree gannee” jedhee FB irratti maxxanse, OPDO fi Aktivistoota Oromoo laalchisee waan tokko jechuun barbaada. Maaliif makmaaksa kana akkan kaaseef warri hubatan hubachuu danda’u; warra hin hubatiniif garuu mee xiqqoo ifa godhuun yaala. Dhugaa dubbachuuf akka hubannoo kiyyaatitti, Aktivistootni keenya tokko tokko ejjannoo ifa ta’e waan qaban hin fakkaatan. Waan kaleessa jechaa turan, har’a deebisanii faallessu; waan har’a jechaa jiranis boru yaada isaanii jijjiiruuf deemu ta’a? Ani hin beeku, garuu arguuf teenya.

OPDOn hirriibaa dammaqnaan keessumaayuu hoggansi haaraan as baanaan, isaantu Oromoo bilisoomsa; kana birallee dabranii Itoophiyaadhaaf abdii ta’u danda’u jechaa turan ammas ittuma jiru jedheen yaada. Sochiin uummata Oromoo Itoophiyaa bilisoomsuufi; Qeerroon biyyattii tana bilisoomsee jiraachisuus qaba nuun jechaa jiru. Itoophiyaa uummatni Oromoo keessatti of hin agarre tanaaf dhama’aa jiru. Kan eenyu ittiwareegamutti eenyu abbaa biyyaa fi abbaa qabeenyaa ta’uuf akka deemu; mana eenyu ijaaree qopheessutti eenyu ittigaluuf akka deemu,… garuu waan hubatan natti hin fakkaatu. Kaayyoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) illee hiika biraa kennuufii yaalu.

Dhimmi MM kaanaan namoota tokko tokko faarsuutti ka’an; isaan kana deeggaraa jedhanii uummata gorsuu calqaban. Murtiin LYM dabarraan namoota tokko tokko kaasanii komachuu calqabaa jiru. OPDO jaarmayaa walaba taatee uummata keenyaaf hojjechuu hin dandeenye, kan humna fi aangoollee hin qabne isaantu Araat Kiilootti dhiyaataa, deeggaramuu fi jajamuu qabu nuun jechaa turan. Amma immoo jaamayaan tun humni ishii laaftuu akka ta’e fi homaas fiduu akka hin dandeenye hubatanii, deebi’aatii abaaraa jechuuf deemu ta’a?? Egaa isa kanatu akkan makmaaksa Oromoo armaan olii akkan kaasu na taasise. Waayeen OPDO akkuma makmaaksa sana “hin taati jennaan….. hin taatu jennaan…” ta’uuf deemaa??

QBO laalchisee, uummatni keenya uummattoota, saboota fi sab-lammoota biyyattii sanaa walin qabsaa’ee diina waloo kana injifachuun barbaachisaa fi murteessaa dha. Haa ta’u malee, asirratti wanti hubatamuu qabu, waa gurguddoo lama. Isaan kun firaafis ta’ee diinaaf yookaanis warra afaanfaajjii uumuu barbaadaniif ifa ta’uu qabu.

Tokkoffaa, uummatni keenya uummata bal’aa fi saba guddaa waan ta’eef ofbilisoomsuuf waan isa barbaachisu hundaa waan qabuuf, uummata kana gadi xiqqeessanii akka inni gargaarsa biraa malee homaa godhuu hin dandeenyeetti laaluun dogongora;

Lammaffaa, kaayyoo fi galiin QBO ifaa ifatti “Abbaabiyyummaa Oromoo” mirkaneessuu waan ta’eef, kaayyoos ta’ee galii isaatiif hiika hin taane kennuun qabsicha karaarraa maqsuu ykn jallisuu dha.

Abbaabiyyummaan Oromoo erga mirkanaa’e booda eenyu wajjin jiraachuu fi akkamitti jiraachuu akka barbaadu kan murteessu uummata Oromoo bal’aa qofaa dha malee jaarmayaas miti, garees miti, Aktivistootas miti. Abbaabiyyummaa keenya mirkaneeffachuuf immoo, malli fi fallii ykn furmaatni jiru qabsoo kana yoomiyyuu caalaa cimsuu qofaa dha. Injifannoon xumuraa kan qabsoo bilisummaa fi haqaa akka taatu shakkiin hin jiru.

Ulfaadhaa!  

  

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …