Oduu Haaraya

Labsa Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa(THBO)

Labsa
Hagayya 5, 2018

Tokkummaan Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO) walgahii idilee kan woggaa kana kan bakka
bu’ootin dameelewan isaa qooda irraa fudhatan guyyaa lamaaf erga gaggeessen boodatti milkiidhan
xumuratee jira. Walgahiin kuni bu’ura adda addaa irratti marii kan gaggeesse hoo tahu, isaanis: Waayee
haala jaarmiyaan THBO keessa jiru, waayee haala qabsoon bilisummaa saba Oromoo itti jiru, fii walumaa
galattu waayee jijjiirama siyaasaa si’ana Itophiyaa keessa jiru kan ilaalu.
Haala guddina siyaasaa Itoophiyaa keessaatti si’anaa mul’achaa jiru ilaalchisee, miseensonni walgahii irraa
qooda fudhatan wal-hubannoo tokko irra gahanii jiru. Innis, direen siyaasaa biyyatti karaa jijjirama
qabachaa deemuu isaa jaarmiyaa kamiifuu direen qooda siyaasaa itti laatan walqixaahaa deemuttu
hubatama. Kana jechaanis, fedhii fii hawwii abbaa biyyummaa uummanni Oromoo qabu mara hireen
haala bilisaa fii demokraatawaa ta’een ibsachuu dhawataan guddaachaa dhufuu isaatu mul’ataa jira.
Haala kana hubbannoo keessa galchuudhan, walgahiin idilee akka THBO qaawwa siyaasaa argame kanattii
dhimma bahee fedhii saba keenyaa guutu irraatti tarkaanfii barbaachisan mara irratti bobbahuudhaf akka
qophaawu murteessee jira.
Itti aansees, haala qabsoo bilisummaa saba Oromoo har’a irra gahe gadi fageenyan erga gilgaale booda,
walgahiin idilee akka qabsichi daran guddaachaa dhufee hubachuudhan akka akeeka hookin galma isaa
gahu dandahus abdii qabu ibse. Haa tahu malee, waan hanga har’aatti qabsichi galmeessee tikfachuuf
dabreettis kannneen hafan mara hegere galmeeffachuuf akka irratti hojjattamuuf walgahiin idilee akka
yaadatti waan armaa gadii gummaachee jira. Isanis, akka jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo martuu (1)
walgahii waliigalaa kan jarmiyaalee siyaasaa mara hirmaachisu tokko qopheessu, (2) bu’uraalewan
dhimma saba keenyaa laalan mara irratti marii gadifageenya fii bal’inaan gaggeessu, (3) akka jaarmiyoliin
jiran haala haarawatti bifa cimina qabuun jaaraman hookin qixaawan hookin tokkummaan hojjachuu
dandahaniin wal-qindeessan, fii (4) Karoora guddaa (roadmap) akka sabaatti irratti hojjatamuu malu
qopheessu; waltajjiittis irratti hojjatanii akka akeeka qabsoo saba keenyaa bakkan gahu taasisuu dha.
Kanaaf, seena qabsoo bilisummaa saba Oromoo keessatti haali si’anaa kan addaa fii haalan murteessaa
ta’uu isaa hubbannoo keessa galchuudhan, akka yaada armaa ol gummaachame dhaabbonni siyaasaa
Oromoo martti ija gatiitin laalanni hojjiitti hiikuf qophawan THBO waamicha godhaaf. THBO gama isaatin
xurree siyaasaa si’ana Itoophiyaa kessatti uummame dhimma itti bahuudhan, qabsoon bilisummaa

2

Oromoo qindoominaan irree isaa akka cimsatu dabreettis galma isaa kan abbaa biyyummaa akka goonfatu
irratti hojjachuudhaf waada isaa haaromsa.
Tokkummaan humna!
Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO)

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …