Oduu Haaraya

Kutataa dha du’a hin sodaatu

Kutataa dha du’a hin sodaatu
Jajjaboodha hin cabu
Dhugaa jaalata hin hin faallessu
Onnee guutuun lola takkaa hin fakkeessu

Dhugaa-­‐dhaaf falmata
Kabajaa sabaatiif lubbuu isaa laata

Ijji qaanqee, sammuun qaroo
Harki haxxii
Kan darbatu hin dhabne
Dhaabbanni qajeelaa
Refeensi goofaree
Ejjanni gaanfuree

Dubbatu ni harqa
Dhahu ni dhaaddata
Ajjeesu ni geerrara

Diina onnee cabsa
Saba onnachiisa

Hin rifatu, hin hifatu
Gufatus hin dhaabbatu
Galaanni itti hin guutu
Faggeennyi hin daangessu
Gaarri hin dheeratu
Rakkkoon hin boojitu
Roobaa caamni
Beelaa dheebuun of duuba hin deebiftu
Saba isaaf jiraata
Laammii ofiin dhaaddata
Biyya offiif dhaabbata
Isa kanatu goota

===//==

Hashim Adam irraa

Check Also

alaabaa

Oromia Liberation Struggle: A Step Forward or Backward? Which way is it?

August 18, 2023 Kurfeessaa Sararoo    The Oromo people have been struggling against the Abyssinian for …