Oduu Haaraya

Kun munaafiqa

Gammachuun fagaatte
Gaddaan bakka buutee
Lubbuun miskiinnani
Yakka malee dhumtee
Badii hin hojjannee
Du’aan adabamtee
Harmee tee ilaaltee
Garaan si dadhabee
Abshiir!siif dabarsaa
Jettee biyyaa baatee
Gammoojjii hadhooftuu
Meeqa qaxxamurtee
Abdii fuula duraaf
Nan jiraadha jettee
Kanatu na qunnamaa
Takkaa yoomi tilmaamtee?

Allattiin gammoojjii
Tan waan cufaa beektu
Diinni akka jiru
Maaf itti hin akeektuu?
Atis jara wajjiin
Kan miskiina nyaattu!

Namni,nama qalee
Jaannata hin seenu
Islaamummaa akkanas
Dhageenyee hin beeknu
Jarri islaamaa mitii
Ergamtuu sheeyxanaa
Amantiin Musliimaa
Nageenyaa fi jaalalaa
Rabbiin nama uume
Ofumaa ajjeesaa
Yoomi namaaf dabarsee
Kenne angoo isaa!

Kuni munaafiiqa
Kan dhiigaan dhaadatu
Nama akka isaa
Kan qalee gammadu
Yoo azaabaa malee
Jannata hin argatuu
Gocha garee kanaa
Ni balaaleffannaa
Musliima bakka hin bu’uu
Maaf walitti maknaa?

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …