Oduu Haaraya

KUFAATII HOOGGANSA BIYYOOLESSAA OROMIYAA: MAALTU MALA? (Kutaa 1)

 

(By Etana Habte)
==========

Siyaasni uummata Oromoo hooggansa biyyoolessaa waaltina qabu dhabuun bara kamiinuu caalaa amma ifee mul’ataa jira. Humni ijaaramaa fi jabaan mirgaa fi fedha uummatichaa sadarkaa biyyaa fi naannootti kutannoodhaan eegsisu hinjiru. Paartileen mormitootaa Oromoo waan ta’ee darbeef deebii kennuu fi hoogganamuu malee hoogganuu akka hindandeenye ifatti mul’ataa jira. Kan #OPDO silaa beekamaadha; isaaniif mirgii fi fedhi uummata Oromoo dantaa isanii miti. Gama biraadhaan uummanni Oromoo fi qubsumni Oromiyaa balaa gurguddaa keessummeessaa jira. Gabaabumatti uummatichi nama isa hoogganu dhabee rakkateera. Falli rakkiina kanaa maali? Siyaasni uummata Oromoo hooggansa biyyoolessaa waaltina qabuu fi jabinaan ijaarame akkamiin horachuu danda’a?

Akka yaada kiyyaatti Oromiyaan hooggansa biyyoolessaa jabaataa sadarkaa naannoo fi biyyaatti fedhaa fi mirga uummata Oromoo eegsisu ijaarrachuuf humna qophaa’aa qaba. Wanti hir’ate humni kun kufaatii hooggansaa Oromiyaa mudataa jiruuf falli isa akka ta’e wallaaluu fi hawaasnis humna kana dammaqsuu dadhabuudha. Humni kun #Qeerroo dha. Humni paartii siyaasaa ta’uudhaan ijaaramee fedhaa fi mirga Oromiyaa eegsisuu danda’u #Qeerroo qofaadha kan ani jedhaa jiruuf maal akka ta’e sababoonni isaan armaan gadiiti.

1. #Qeerroon aangoo mooraalii (moral authority) qabaachuu isaa

Qeerroon mirgaa fi fedha uummata Oromoo kabachiisuuf wareegamni inni hinkafalle hinjiru. #Qeerroon Oromoo bakka diinni boquu cabsee kaasee dhaabuudhaaf dhiiga isaa kenneera, lubbuu itti gabbareera, itti reebameera, itti hidhameera. Erga yeroo balaan Maastar Pilaanii aggaamamee kaasee mirgaa fi fedha Oromoo fi Oromiyaa tiksaa kan jiru #Qeerroodha. Xinnaatus guddatus injifannoowwan uummanni Oromoo amma argate kan argamsiise #Qeerroodha. Injifannoowwan argaman eegsisuufis ta’e, fedhaa fi mirga uummata Oromoo kabachiisuuf #Qeerroon ga’umasa mooraalii qaba. Kana gochuuf immoo #Qeerroon akka paartii siyaasaatti ijaaramuudhaan gurmuu hooggansa biyyoolessaa horatee asba’uun murteessaadha. #Qeerroon paartii siyaasaa ta’ee guutummaa Oromiyaa hoogganuuf ga’umsa mooraalii namni hundi irratti waliigalu qaba.

2. #Qeerroon humna tokkummaa ta’uu isaa

Sochiin #Qeerroo Ebla 2014 irraa eegalee humna hidhataa Wayyaanee dura dhaabbataa ture mallattoo inni ittiin beekamu keessaa inni tokko mallattoo tokkummaa Oromoo ta’uu isaati. Adeemsaa fi guddina mormii erga bara 2014 irraa eegalee adeemsifamaa jiru keessatti sochiin #Qeerroo tokkuummaa Oromoo bifa hiika qabuun ijaaree mul’isuu danda’eera. #Qeerroon gaaffii uummata Oromoo akka gaaffii nama tokkootti mul’iseera. Adeemsa qabsoo kana keessattis #Qeerroon humna tokkummaa Oromoo jedhamee nama hunda biratti fudhatama argateera. Hooggantoonni siyaasaa fi namoonni bebbeekamoon biyya Itiyoophiyaas #Qeerroodhaaf beekamtii kan kennan humna tokkummaa Oromoo ta’uu isaa waan beekaniifi. Kanaaf, #Qeerroon sadarkaa biyyoolessaa ijaaramee akka paartii Oromootti asba’uun uummata keenya hooggansa dhabee rakkataa jiru tokkummaadhaan hoogganee gara duraatti tarkaanfachiisuu danda’a.

3. #Qeerroon amaloota hooggansa siyaasaa haala yeroo waliin walsimatan hunda humna qabu ta’uu isaa

Akkuman armaan olitti jedhe #Qeerroon humna Oromoo tokkummeessee ittiin adeemuu danda’u ta’us yeroo amma keessa jirru kana keessatti uummanni keenya gaddisa jalatti walga’u dhabee hooggansa biyyoolessaa tokko malee hafeera. Kanaan dura yeroo akka paartii siyaasaatti gurmaa’uun rakkina ture sanatti paartileen siyaasaa Oromoon qabu, aktiivistoonni, hayyoonnis gariin mana hidhaa, gariin immoo baqatanii biyya ambaa waan turaniif isaan kun hooggansa naaf hakennan jedhee isaan ilaalaa tureera. Qaamonni kunis haala ture keessatti waan danda’an raawwatanii darbaniiru. Rakkina kanta’e garuu qaamonni kanneen, keessumattuu paartileen siyaasa Oromoo, haala guutummaa Oromiyaa hammateen hooggansa kennuuf ga’umsaa fi humna osoo isaan hinqabaanne waan isaan haala amma jiru kana keessatti hooggansa yeroo waliin adeemuu kennuu danda’an itti fakkaatee ammas #Qeerroon isaan eeggataa jira. Dhugaan jiru garuu kana miti. Amma inni mana hidhaa ture hiikamee, inni biyya mabaa tures galee hundi isaanii waliinis ta’e kopha kophaatti hooggansa waalta’aa fi jabaa Oromiyaaf kennuu akka hindandeenye qabatamaatti mul’ateera. Paartilee siyaasaa Oromoo kan akkas isaan taasise immoo amala ‘doctrinaire’ ta’e qabaachuu, jechuun haala qabatamaa lafa irra jiru ilaalcha keessa osoo hingalchine sagantaa siyaasa isaanii qofa hojiitti hiikuuf rincicanii hojjechuu isaaniiti; yeroo waliin of fooyyessaa, of jijjiiraa adeemuu dadhabuu isaaniiti. Amalli kun mataa osoo hintaane eegee isaan taasise. #Qeerroon immoo akkuma adeemsa qabsoo isaa keessatti agarsiisaa ture amala rincicummaa akkasii kana waan ittiin irra aane qaba. #Qeerroon haala qabatamaa biyya keessa jiru ilaalcha keessa galchuudhaan socho’uu fi amala ofgeeddaraa/of fooyyessaa adeemuu qaba. Qeerroon ‘Pragmatism’ fi ‘flexibility’ qaba. Kun immoo taaktikii diinni isa loluuf baafatu irratti humana akka inni argatu taasiseera. Milkaa’inni siyaasaa immoo, keessumattuu haala amma biyya keenya keessa jiru keessatti, amala jijijjiiramaa adeemuu isa akka kan #Qeerroo kanaan malee ricicanii goganii hafuu isa kan paartilee Oromoosnaan milkaa’uu hindanda’u. The kind of leadership needed in today’s Oromia-Ethiopia should necessarily be pragmatic, connected, flexible, versatile, and agile. Amala akkasii har’a kan qabu #Qeerroo qofa. Kanaaf, kufaatii hooggansaa Oromiyaa keessatti mul’ateef falli #Qeerroon paartii siyaasaa ta’ee ijaaramuudhaan asba’uudha.

4. #Qeerroon “territorial integrity’ Oromiyaa eeguuf humna akka qabu agarsiisuu isaa

Rakkoon jabaataan yeroo amma kanatti Oromiyaa mudatee jiru, tarii namni hedduun gadifageenyaa fi bal’ina rakkina kanaa sirriitti kan hunhubatin jiru dhimma kabaja daangaa Oromiyaa waliin walqabtee jirudha. Daangaan Oromiyaan Finfinnee waliin qabu cabeera, namni kana sirreessuuf hojjetaa jirus hinjiru. Kantiibaan Finfinnee waa’ee mirgaa fi faayidaa Oromiyaa moggaatti dhiibee waa’ee Itiyoophiyaawiinnetii odeessa. Silaa inni kan MM waan dubbatamu miti. Daangaan Oromiyaan Dirre-Dawaa waliin qabu cabeera, namni sirreessaa jirus hinjiru. Daangaan Oromoyaan gama bahaa fi kibba-bahaan qabdu cabee lafti hedduun Oromiyaa irraa fudhatameera, Oromoonis irraa buqqa’eeera. Daangaan gama lixaan jiru cabeera, Oromoonis irraa buqqa’eera. Rakoowwan gama Kaaba-baha Oromiyaan jiranis akkasitti ifanii hinmul’atin malee baay’ee hamoodha. Walumaagalatti yeroo amma keessa jirru kana keessatti qubsumni Oromoo fi ‘territorial integrity’n Oromiyaa cabeera, cabiinsi kun immoo fooyya’aa jira osoo hintaane hammaataa deemaa jira. Rakkoo kana kan uume, hammeessaas kan adeemaa jiru Oromoon hooggansa biyyoolessaa jabaataa fi ijaaramaa ‘territorial integrity’ Oromiyaa eegsisu dhabuu isaati. #Qeerroon osoo akka paartii siyaasaatti ijaaramee as hinbaane sochii ofiitiin daangaa Oromiyaa kabachiisuuf wareegama hedduu akka kafale nibeekama. Ammas balaa jabaataa ‘territorial integrity’ Oromiyaa irratti aggaamame kana kan maqsuu danda’uu humna #Qeerroo qofa. #Qeerroon akka paartii siyaasaatti jabinaan ijaaramee asbaanaan waan haaraa hojjechuu eegala osoo hintaane muuxannoo kaleessaa jaarmayeessee bifa haaraan hojii ittifufa. Kanaaf, #Qeerroon paartii siyaasaa ta’ee asba’uun haala yeroon jabinaan gafataa jiru ta’uu beekuun barbaachisaadha.

5. #Qeerroon lubbuu Oromootaa blaa jala jiru baraaruuf humna qabaachuu isaa

Yeroo amma keessa jirru kana keessatti lubbuun Oromootaa Hargeessaa irraa kaasee hanga Goondoritti, Cinaaksan irraa haga Begiitti, Moyaalee irraa haga Gohaatsiyoonitti wabii homaatuu hinqabu. Namni guyyaa guyyaadhaan du’a, guyyaa guyyaadhaan buqqa’a, guyyaa guyyaadhaan saamama, guyyaa guyyaadhaan madaa’a. Har’a wayita humni Wayyaanee laafetti hafnaan kaleessa yeroo meeshaan ittiduulame #Qeerroon lubbuu Oromootaaf wabii ta’uuf hojii gurguddaa hojjeteera; diina Oromoo akeekkachiisee Oromoof ofitti amanamummaa dabaleera. Har’a kun hinjiru. Lubboon Oromoo balaa jala seene kun wabii argachuu kandanda’u gaafa #Qeerroon akka paartii siyaasaatti jabaateeijaaramee asba’e qofa.

Walumaagalatti Oromoon wantoota armaan olitti kaafne kana kabachiifachuuf #Qeerroo malee abdii kanbiraa hinqabu. Paartileen Oromoo akkuma armaan olitti kaafne hoogganamuuf malee hoogganuuf qophiis ta’e ga’umsa akka hinqabne baatiilee saddeettan darban keessa qabatamaatti mul’ateera. #OPDOn haarome jettee jennaan #Qeerroon carraa kenneef fudhattee ganda habashaatti galteetti, sirumaayyuu jara waliin beektees hata’u osoo hinbeekne harka walqabattee Oromiyaa diigaa jirti. Kanaaf, Oromoon akka yaadakootti yeroo rakkisaa kana keessa hooggansa waaltina qabu, hunda-hammataa, fudhatamaa, kabajamaa fi jabaataa horatee ce’uu kan danda’u #Qeerroon gurmaa’ee akka paartii siyaasaatti ijaaramee yooasba’e qofa. #Qeerroon akka paartii siyaasaatti ijaaramuuf maaltu isa barbaachisa waan jedhu ilaalchisee yaadakoo kutaa 2ffaa jedheen yeroo gabaabaa booda maxxansa.

Horaa bulaa, deebanaa!!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AJJEECHAAN UUMMATA OROMOO YOOM DHAABBATA?

    Berhanu Hundee   Akkuma hunduu beeku, jijjiirama har’a biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti …

Yaada kanaaf deebisaa kenni