Oduu Haaraya

KOREE AYYAANA YAADANNOO WAGGAA 50-FFAA QABSOO HIDHANNOO – OROMIYAA (1963)

 

Fulbaana 14, 2013

Ummanni Oromoo harqootaa gabroofataa Habashaa jalaa bilisa of-baasuuf qabsoo geggeesse hangafoota keessa takka lola Oromoo Baalee ka bara 1963-hii tahuun beekamaa dha. Qabsoon gaafasii babal’attee kutaalee Kibbaa-Baha Oromiyaa mara keessatti wareegamni gaafatte laafaa hin turre. Gootota wareegama qaalii baasan san yaadatuun dirqama seenaa ta’uu isaa hubatuu dhaan, Ayyaana Yaadannoo Waggaa Shantameessaa jalqaba qabsoo sanii barana addunyaa guutuu keessatti kabajuuf sochiin wagga tokkoo calaaf adeemsifamaa turte gufuulee adda addaatiin haga tokko dubbatti harkifataa jirti. Gufuulee qophii ayyaana kanaatti danqa tayan keessaa irra guddaan gara Preezadantiin OSA kan baranaa – DR. Ibraahim Elemoo tii fi obboleessa isaa Kadiiro Elemoo irraa tahuu ummanni ayyaana kana hawwiin eeggataa jiru martinu akka quba qabaatu gochuuf ibsa kana baasuuf dirqamnee jirra.

Ayyaanni kun ulfinna isaan maluun faayamee akka kabajamu gochuuf yaalii godhamee ture keessatti maqaa dhabaatiin ykn maqaa hawaasaatiin akka qindheeffamu yaada jedhu irratti ilaalchi adda addaa uumamee osomaa furmaanni manguddotaan yaalamaa jiru, Dr. Ibraahimii fi obboleesi isaa akkaataa nama saalfachiisuun harka keessa galfatanii namoota kanaan dura maqaa dhaabaatiin kabajna jechaa turan ofitti ammatanii “OSA-n ogummaa fi qabeenna gayaa waan qabuuf nutu isin wajjiin kabaja” waadaa jedhuun addaan fottoqiinsa koree dhalchanii kunoo haga ardhaatti gufuu tayaa jiran.

Jarreen kun akka gocha kanarraa eemaraman koree fi dhuunfalleen tattaaffii godhameef gatii kennuu didadii, kunoo nu ilmaan Oromoo jiddutti hammeenna dhalootaan dhaalamuuf deemu oofaa jiran. Tuffii fi dantaa dhabaan rakkinni isaan habaqaalan kun:

1. Ayyaana herregame gatii fi kabajaa isaan malu dhabsiisa
2. Hirmaannaa lammiiwwan Oromoo biyyoota adda addaa irraa gochuuf hawwaa jiran irdhisa
3. Gootatota Oromoof lolan sadarkaa gandaatti gad-deebisa
4. Ayyaana sagantaalee guyyaalee sadihii guutuun kabajamuuf bu’urfame gara saa’aa jahatti gabaabse dhama dhabsiisa.
5. OSA’n jaarmaya rakkoo hawaasa Oromoo keessatti mul’attu beekkomsa hayyootaatiin furuuf gargaaru ta’uu dhiisee, murnoota Oromoota waliindhahuu fi qooqqodutti gadi siqa.

Dr. Ibraahim akka harkaa isaatii fi ka OSA illee qophii ayyaana kanaa keessaa baafatu telefoonaa fi barreeffamaan ergaa itti himameef dantaa hin kennine. Isaa fi obboleessis ayyaana kana keessatti mul’atuuf hawwii qaban fiixa baasuuf tumsa tahuu bira dabranii hoggana qophii sanii tahuuf yaaluu isaanii, duulli sabaa-himoota hawaasotaatiin gochaa jiran waan dhokata qabuu miti.

Akka dhuunfaatti nama ykn garee fedhan wajjiin dhaabatuun mirga isaaniiti. Garuu, maqaa OSA-tiin addaan qoodamiinsi isaan nu giddutti utuban sadarkaa akkaan yaadchisaa irra waan gayeef jecha, hoggantichi kun daddafitti akka qophii kana keessaa harka baafatan hogganni OSA tii fi lammiiwwan Oromoo martinuu akka dhiibba irra kaayan kabajaa guddaan gaafanna.

Obbooleeyyan keenna kanneen gorsa jarreen saniitiin hawatamanii diiggaa dhalootaan dhaalamuuf deemu keessa seenanis akka hatattamatti shira san hubatanii gara miiza mariitti deebi’an onnee obbolummaa biyyoomaatiin gaafanna. Waamicha kana didanii jarreen kaayoo diiggaa qabaniif ulee tahuun, jeynoota saba Oromoo guutuuf qabsaawanii kufan gulantaa
warraa, balbalaa fi gosaatti gad-buusuu taati. Kanaafuu, hayyootaa fi manguddoonni, dargaggootaa fi shamarran seenaa kanaaf dhimman martinuu biyya jiranitti sochii qaanqee diigamiinsa tana dhaamsuuf geggeeffamu keessaa akka qooda gayaa fudhatan afeerra.

Akkasumattis, Ayyaanni yaadame kun akka namoonni tokko tokko maqaa itti argatuu qofaaf hobbaafataaf fiffiigan sanitti osoo hin tayin, koree ardiiwwan Awuroophaa, Awustraliyaa, Ameerikaa Kabaa, Afrikaa fi Eeshiyaa irraa ijaaramteen ulfinna isaan maluu uffatee akkaataa dhalootaaf barnoota gayaa itti kennuu dandayutti kabajamuuf akka jiraatu hirema tanatti gargaaramnee ummata Oromoo mara hubachiisuu feena.

Bara ilmaan Habashootaa eennumaa Oromoo irratti duulaa jiran kanatti, nu ilmaan Oromoo garaagarummaa bu’aa hinfidneen addaan qoodamiinsa biraa wixinuun cubbuu daangaa hin qabne. Kanaafuu, dhama obbolummaa sabaatii fi qalbii qulqulluu Oromummaa tiin ergaan kun hubatamee, hogganni OSA walitti dhufee tarkaanfii barbaachisu fudhatee akka ifatti nu beeksisu kabajaa guddaan gaafanna.

Ayyaanni darreen October 20, bara 2013, Minneapolis-tti tayuuf saganteeffames, kabajaa, gaachanaa fi qarruu Ayyaani kun qabaatuun malu waan irdhisuuf jecha, marii aadaa fi safuu Oromummaa guuttuun gara guyyaa biraatti ka jijjiramuuf deemuu tahuu hubachiifna. Bakkaa fi guyyaan gara fuuduraatti ibsama. Galatoomaa.

Kabajaa wajjiin,

Koree Ayyaana Yaadannoo Waggaa 50-ffaa Q/H Oromiyaa (1963)
Koreea.a.yaadannoo@gmail.com

 

 

 

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …

25 comments

  1. Maal barreeffami kabaja dhabaan akkanaa? OSA jarmaya qorannoo ummata Oromotif ijaarame tahuu isaa dhugeeffama natti fakkata ummata Oromo biratti. Maal nuti yoom baratootaafi jarmaya keennaf hagana mara kabajaa dhabne.. Barreeffami kun yaada diini ilmaan Oromotin diiguuf labsu natti fakkaata. Waaeen ayyana kana kan maqaala lakkuutifi bakka biraatit labsama jiru akka Oct 20ffa kabajamudha. kan irrat affeeraa jiruus ilmaan qabsaawota saniiti. Akka OSA conf. irrat dhageennetti nama koree qindeessituu ayyaana kanatirra tahe tokko dhufee baratootaaf labsa dabarse. Maxxansa maqaa nama xureessu kan akkana oso maxxanuu baate irrat bareeda…..

    • Anin shamaraan Lammi oromotii.garaa barumsatiin Nama sadarkaa university jiruu. Field anin irra qu’achaa jiruu, wa’ee rakinaa samutiif Akka itti fayuu,osso qorachaa jiru, hogunii boqonaa irra jiru waan hundaraa,wa’ee oromo bekku tataadhaa. Website adaa adaa lalaa akkasumas wa’ee oromo barachuu Hawi bay’ee qaba. Ijolummaa kiyaan wa’ee ummata oromo heddu natti dhagamaa. Kanafuu Nama afaan oromo dubatuu dhagahuu firraa kiyaa se’aa. Wanni oromo jequu natti dhagahamaa. Kana waniin je’eef , amma tana website bilisummaa irrat waa arkee, namni oromo fakatuu kaan afaan oromotiniis baresuu, kan sumii inni darbatuu, shururkaa habeshaa ykn naftenyaa farshoo dhugee ajoftuu, kaa waranaa ijja chufatee, mancaa fudhatee senaa oromotiif,baratoota oromo hamuu! Saa rakoon Nama kana malii? Saa enyuu Najaf himaa???

    • hubannoo seenaa. seenaan bara (50ffa) kun, wanta Sammuun yaade umamee duwwaamit, qabsoo diree oromiyaa keessati kan bekkaamte. kan movie dhan toolfamemiti kan lolees kan loloolames kan ittii walii galee. seenaan bara (50ffa) iddoon ittii lolaan meshaan ittiin lolaames bekkaama dha. iddoon ittii lolaames dangaa keenya irraa eegale boraana, baalee, arsii, harargee hangaa dangaa Djibouti dhaabate. namooni qabsoo tana hoggaana turaan hundii isaani bekkaamo dha kan warregaman malee kan haafani sababaa qabsootin aduunyaa guutuu keessati facca’ani argaama. qabsoo bara (50ffa) kana kabajjuuf October 20 2013 magallaa lakkuutif iddoowwan barbaachiisa tahee hundaati kabbaajuu dhaf kophii barbachisaa tahee ishee qophaahe jira! sabontottii Oromo hundii isanii, kan dhiraatiif kan dubartii akka irraa fudhaatan affeeramtanii jirtan

  2. Jarmayii Waldaa Qoranoo Oromoo(OSA ) wa’ee sabaa isaa qoratee dhihessu kessatti waldaa shoraa gudda qabuu tahuu isaa Adunyaa gubbati ni bekamaa. Kanafuu jarmayii kun wa’ee sena sabaa isaa yoo barresee umataa isaaf dhihesse rakko Mali qabaa!! Kayyo qabnaa!!!!

  3. President jarmayya waldaa Qoranoo oromoo(OSA ) Dr Ibrahim amae Elemoo sabona sabaa isaaf dhabattu dhimma ilmaa oromoo hundaa kan biraa dhabattu Dalagaa isaa mirkanessa kan biraa nanno inni jiratta turetti magalaa nagelle borena fi nanno isitti Waani inni dalagee heddu guddodhaa kan hundaa namaa isaa beku raga jechi isaan jedhamee kuni annafi namaa isaa bekulle marafuu waan qalbii madessa sabaa baldhaa Oromotifi matotti isaa fi bakka bu’otaa kan numaan madessinu Tate nuu oromoon namumaa nuu kessa bahee hundi Leader Hin dandahuu? Mo Mali akka hayyun oromoo tokko jedhee “Oromoo duli Oromon du’ii” warii yoo garaa oromoo demuu qalamni isaa oromoo maqaa xuressuu arifatuu kuni oromoon gadii qabaa ilaalaa qoradhaa??

  4. {OSA} waan oromo yoo bareese homaa hin qabu garuu waan nama adaan baasu bareesuu hin qabu fakkenaaf dheheena kana wayee oromo frist jeturati ijooleen waaye midia kaasanii
    jenaan ama OSA waayeesan irraa haasawaa jira websadi kana ykn gada laali
    kabareeseleen waan oromo adaan baasuraa of qusadha jedhe faakata

  5. Garaa ! Yadni kee mata dureen irra dubattu umataa fi gaalu Hin dandenee dhifamaa walin umataa oromoo fi Ibsi!!!!

  6. Qilee Akko Manoyee

    Barreffamaani kee heddu dhiphinaa qabaa waan kuni akka nuraa Hin rakkashne yomuu jettu waan ati asii kessa daldaluu fetu jiraa? Mee irra debisii barreffamaa fokkataa kee kana dubisii akka Ganda dhisii akka namaa dhufatii ni gegefamaa karaa Sab-qunamatii Adunyaatin wamichaa argattu dhihadhuu San tahuu battu asxaa waraa dargii(qayii shibir) ni dhiftaa? Kuni ololaa seli dinatii wails an bekamaan Umar Suleymaan akka jedhe ” Internetin ololaa wayi kilashii tahee Lolaa” Dubiin tee sanii yoo oromoo dantaa qabattu tate senaa dhiraa Hin xuressin!!!! Kayon taan Oromotiiiiii

  7. Hayyee dhiiroo,

    Namuu wama beeku dubbata. Kan itti yaadee waa hubatu diqqaa dha. OSA-n jaarmayaa qorannoo ta’uu irratti mormiin hin jiru.Hogantichi maqaan isaa kaafame kunis ayyaana yaadame kaaf akka hayyuu tokkotti gumaacha gochuu danda’a. Garuu, akkaataa ayyaanni kun itti geggeeffamu qaburratti garaagarummaa uumee keessatti seenee “natu isinii beeka, isin homaa hin beektan” jechuun isaattu addaan qoodamiinsa fide.

    Kana males, OSA-n sabaa-hima Oromoo dhaaba jechuun labsi inni oofaa jiru rakkinna guddaa uumee jira. Namoonni sabaa-hima ijaaruuf walgormeessaa jiran utuu itti himan didee labsa mataa isaa baasee kunoo itti rakkataa jira. Akka dubbi kana keessa hin gallees utuu itti himu tuffiidhaan itti gale.
    Haala akkanaattu diiggaa fida. Kanaaf, akka inni badii kanarraa gorfamu itti himamee malee jibbaan biraa hin jirtu. Galatoomaa. Mee waan hundumaa qalbii nagaatiin ilaala

  8. Harka fuune oromoo

    Ani yeroo ibsa kana arge baay’es hin ajaa’bne maalif? Kuni yaada qaanfachiisaa kan oromoo walti kaleessu osoo hin ta’in kan oromoo addaan fageessu Waan ta’eef, akka nama tokkottis, sabni baldhaanis ibsa dogongorsaa kanaf ilaalcha kennuu hin qabnu.
    Mee warra ibsa kana baase haa gaafannuu maalif ayyaanni kun bara kana keessa kabajamuun rakkoo isinti taate?
    Guyyaa yaadannoo kanarraa wanni irdhate yoo jiraatte maalif waliin dhaabbattanii guutun hin dandayamne?
    Dhugumatti dhuunfaan maqa namaa xureessun keessan baay’ee Nama gaddisiisa, Waan oromoo keesattis baratamee miti kun qaanyidha.
    Mee Waan barreeftan San irra deebi’aa dubbisa an akka natti fakkaatutti wanni kun Waan saba baldhaa gargarii buqqisaa!!!

  9. Yaada deemaa jiru osoo hin hubanne yaroo hunda gara ( negative side ) itti hedduun namaa ceha.
    garuu hubadha, yoo yaanni lama ka irratti wal diddaan argamte jiraate yaada san keessa hubadhaa maaliif mormiin akka jiraatuu dandaye yoo yaada keessa beekan waa irraa himuun dandayama. durree namni waa beeku waa ijaara malee, asiin duras warruma waa beeyna jedhutu osoo A and Osoo B jedhee warruma ufii fedhan qofa bira dhaabbachaa ture bakka silaa Oromoo hunda akeeksa kennaniifii qajeelchuu malan amma ka Dr. Ibrahim Elemaa sanuma fakkaata, jechuun kiyya yoo yaanni lama ka wal mormu jiraate hiikkaa kennuuftu isarra ture maliif yoo jenne namoota Oromoo warra akeeksa akka baratoota Oromootti warra akeeksa qajeelfamaa irra eeganirra inni isa tokko taha ammoo bakka akeeksa irraa eeganitti yoo warruma gaaga,ama uumu tahe wanni akkanaa irraa hin eegamtu. Asirratti yaanni nama hedduu waan keessa hin hubatin garuma arge cehutti fuullefata kana males yaada maalirraa nama jiddutti mormiin argamti jedhaa hubadha.

  10. Yaada Deemaa jiru osoo hin hubanne Dooktaroonni keenna Meeshaa Diinaa wayta tahan waan garaa nama Nyaataati! Kanas wanti jedhuuf Namni akkuma Saree Warruma irraa nyaaterraa/garuma Nyaateef yoo dutee Dhugaaf Seera jallise Dubbiin waan dabaati.””Tanaaf Oromoon Sareen gara Nyaatteef dutti”jedhee edaa! https://fbcdn-sphotos-a-a.akamaihd.net/hphotos-ak-frc3/1094090_565739800132062_363887739_o.jpg

    • waa’ee ummata isaa biraa dhabaatu hinqabu jechuu kee moo? akka diinati qabsoo ummata duraa haa dhabaatu jechuu kee moo? barrefami attin barreesite kuni akka yaada ykn ilalchaa diina tahee ifadha kuni ummata oromootif waan harayyaamiti

  11. Guyyaa Ayyaanni kun kabajamu maaliif Seenaa qabsoo Somaalee wajjiin walitti dhufeenna akka inni qabaatu barbadame?

    Garaagarummaan :

    1.Dhoonbir?
    2.Soowraa?
    3.Somaalee Abboo?
    4.Adda Bilisummaa Oromoo ?
    5.Adda Islaama Bilisummaa Oromiyaa ?
    6.Adda Tkkummaa Bilisummaa Oromoo? Sochiiwwan Qabsoo Bilisummaa Oromootiif Kabajamuu mirga Oromootiif godhamu keessatti Maqootiin olitti dhawaman kun kaafamuun isaanii hinoolle/hinoolu.

    Tarii Ayyaanni yaadannoo waggaa 50ffaa kun yoo an gar-malee hubaddhe malee sochiilee maqootii jaarmiyaalee olitti dhawaman keessaa kanneen hanaga tokko keessatti qooda fudhachaa turanii fi sadarkaa olaantummattu adda durummaan warreen hogganaa turan yaadachuu fi ifaajee isaanittis firii godhuuf ayyaana ayyaaneffamu yoo katahu taate waan gaariidha.

    Haatahuu ammoo;leellistoonni Ayyana kanaa warra itti afeeramaa jiran malee eennu faadha?
    Maaliif ayyaanni kun bifa KANAAN WALDHABBIIN AKKKA KABAJAMU CARRAAQAMA?

    Ayyana kanarraa galii maaltu barbaadame?mallaqaa?Siyaasaadhaa?Maqaadhaa/Gurraa?
    Cuftuu dansama fuulduraaf hoo yaada jaraa san ,waan isaan dhaamatan yoo kajiraatu tahe maal gochuuf tilmaamameera?………

    Bal’innaan akka Oromoon hubannoo argatuuf wantoota kanneenirratti yoo mari’annee Barumsa hayyoota keennarraa argannee maal isinitti fakkata?

  12. Abdiibor,

    Gaffiiwwan bareeda kaafte. Ayyaanno kun hogganaan OSA “kana godhe” jechuu qofaaf
    sardamaan (jarjaraan) gochuu dhiisee, manguddoota seenaa sana beekan irraa durfamee akka wanni hunduu qoratamu yaada dhihaateef diduu isaattu waldiddaa fide. Inni baatii dhuftu ta’uu qabaa jedha. Jarri kuun immoo, “yeroon kennameefii akka qophii ayyaana kanaa yyootaa fi qabsaawota seenaa sana beekan baay’ee hirmaachisu gaafatan. Mormiin jiru kanuma akka an qoradhee keessa baretti. Isaan lamaanu utuu walitti dhufanii mariin rakkoo xinnaa kana guddisuu dhiisanii furanii shakkaa natti fakkaata.

    Abdii dha

  13. I am forever Oromo

    @ Abdibor ykn Obb. Said M Ali,

    Dhugaa keeti Garagarumma qabsoo somaletiif Oromoodha himamuun barbaachisadha. Garuu Ayyaanichi kabajamu kun wagga 50ffa yo jedhamu tahe, wagga kana tahuu qaba. Biyyi Somaleedha biyyi ummanni seena ayyana kana dalagan diina ufirra ittisuudhaf itii bahan tahuun dhokatadha miti. Seenaa jijjiirun yakka. Siifi warreen koree jettani waggaa dhufuuf olola kijibaa oofa jirtanis. Seena dhugaarra fagataa tae akka isan himuuf deemtan beekkamadha. Ibsi tokko ka anin dabarsuu barbaadu. Waldhabi ayyaana kana kabajuu kessat ka’e mal irraa ka’e yo jenne? namoota muraasa ta’e kan General Waaqo Somaleedhaaf loluu ture jedhutu waan kana danqaa itii tahe waldhabbii fide. Seenan dhugadha akka himamu hin barbaadan. Namni seena kanarraa qooda fudhatan hundi akka magalaa lakku keessat qophii godhaa jiran beekkamadha.

  14. Nuu koreem qindeessituun sagantaa kanaa waamichi lammi oromia hundaaf gonnu:
    A- Akka Ganda hin tahiin suuraa General Huseen Bunee fuula ol’aanaa irratti maxxansuun ragaa
    B-olola namootiin yaartuun oofituu osoo hin dhagahiin Seenaa Abbootiui kenna bifa ammayyaatiin kurfeesinne;
    1. Vidiyoo gootootaa amma lubbuun jiran maal nuu dhaaman ,Seenaa isaan dabarsan hoo maal fakkaataa NI MUL’IFAMA.
    2.Gaburummaa Hiddaan buqifinna yoo jennu dhaloonni har’aa qabsoo tana fuula dura furgaasiisuuf maal godhu akka qabu dookitarroonni kenna ilmaan elma lectura jnuu godhan
    3.walaaloon,Geerrarsaa fii Manzummaan Raayaa sagalee ol’aanaan galmaa oo’iissee dammaqissee harka dhahuun onnachiisa
    4.TPLF iyyuu Ijoollee Adawwaa qofaa.Nuu ijoolleen Nageellee fii Madda Walaanbuu jarra gadii miti .Mootummaa san akka lollee oromoo asiin dura garsiifineetti masaraa mootummaa miniliiki keessaa baafinne qabachuu wadaa kenna tokkummaa kennaan haroomisinnee tarkanfii kenna eegaluun akkaataa dandahamuu irratti marii bilchatan gama waajiraa siyaasaa tokummaa fii damee waraanaatiin ni dhihaata
    5.vidiyoon gaafa GENERAL WAAQOO AKEERAMEE BIYYAA GALUU /RABBI HAA ARAARAMUUFII/yeroo Boleeti Suyuum Masfinnii fii Mootummaa Oromia hogannoon ol’aanaa qeebalan fii yeroo Maddaati Elikoofitaraan geefamu ni mul’ifama dhaamsi achi irrattiu hogannoon mootummaa fii mangudolleen dabarsatan ni dhiyaata
    6.Waa’ee bara Onbiir irraa waan general Gaagammaa Keelloo katabee fii suuraa bara san kitaba san irratti maxanifamme ni mul’ifama
    C- Sagantaan kun cunfaa isaa walitti qabamee seenaa kun kitabaan akka katabamuu tahuu fii DR. Kadiroon barreessaa beekamaa waan taheef dalagaan kun isaatti sirnaan Eebbaa waliin itti kennama.
    Yaadachiisaa guyyaa kana kitabiin Dr. Kadiroo elema kan Ameerikaa V Ethiopia state jedhuun ni gurgurama namoon bitachuuf carraa hin argatiin balbal irratti isiin qophaa’ee jira
    Yaa ilmaan Oromoo Bilisummaa Aananii nama beekittu dhugaa kotta kottaa OCt,20@0/2013 walii haa garruu.

  15. waaan koflaa dhiiro meelaala waan namne kun bareesu kkkkkkkkk
    waan qaanya ijooleen nageele ijoole baale fi naanaya hundaa caalti

    akana jedhe{4.TPLF iyyuu Ijoollee Adawwaa qofaa.Nuu ijoolleen Nageellee fii Madda Walaanbuu jarra gadii miti .Mootummaa san akka lollee oromoo asiin dura garsiifineetti masaraa mootummaa miniliiki keessaa baafinn}

    kan biraa wannj koflaa yookaan salphinaa
    vidio gaafa wako biyatti galu du aan tplf dhiheesiti ka inni osoo jiru biyati galuu dide garsiifna je an
    {5.vidiyoon gaafa GENERAL WAAQOO AKEERAMEE BIYYAA GALUU /RABBI HAA ARAARAMUUFII/yeroo Boleeti Suyuum Masfinnii fii Mootummaa Oromia hogannoon ol’aanaa qeebalan fii yeroo Maddaati Elikoofitaraan geefamu ni mul’ifama dhaamsi achi irrattiu hogannoon mootummaa fii mangudolleen dabarsatan ni dhiyaata
    6.Waa’ee bara Onbiir irraa waan general Gaagammaa Keelloo katabee fii suuraa bara san kitaba san irratti ]

    kkkkkkkkkkkkkkkkkkkk uuuuuuuuu salphatan waan biraa barbaadadhaa san namati garsiisin

    Onibir Soowiraa maaltaae abaa

  16. Seenaa ganda tokkoo kan Maadda Walaabuu fi Nagallee kabjna moo kan Oromoo kabajnaree? kunis raajuma.
    Harka keessan OSA irraa kaasaa. Diiggaan isin QBO ABOn gaggeeffamu keessatti hafnaan amma ammoo diiggaa OSA fi balaaleffannaa Presidentii isaa irratti kaatan isin hin baasu. Jalqama akka Oromootti yaadaa gandummaa keessaa ba’aati. Qabsoon Baalee keessatti eegale qaama qabsoo Oromoo maraati male kan ganda tokkoo miti ofitti maxxansattanii deemuu fi siyaasa gandummaa keessan ittiin oofuuf daandii haxaayachaa jirtan irra of qusadhaa. Rabbii qalbii ilmaan Oromoo tokko haa godhu, Oromiyaan dhiiga ilmaan Oromootiin ni Bilisoomti.

  17. Maal jedhu joolleen jaanjoftuun tun!! Viidiyoo TVn wayyaanee waraabee raabse guyya ayyaana yaadannoo qabsoo Oromoorratti garsiisuu? Safuu, safuu!!!!! “Injiner” jiruu?

  18. Ani maalif dura taa’a hintahin jenne gufuu tahu hinqabnu. Ka dalaguuf karaa haa bannu!

  19. Doftor akkuma yaadde sanitti Oktobar 20, wal argina kaa!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

  20. ummanni sikkoo mandoo tokkolen akka hin hafnee guyya kana nu lalti dubbiin tun