Oduu Haaraya

Kisaaraa siyaasaa dhooysuuf oloola QBO irratti ofuun fafa

Doofaan waan dheengiyyan bulga’a

Galmee Dhugaa irraa

Kutaa tokkoffaa:

Barruulee tanaan dura isiniin qooddachaa ture keessatti farreen QBO fi kittillayoota isaani akkuma barbaachisaa tahetti saaxiluuf akkan yaalu ibsuun kiyya ni yaadatama. Arra ammo xiiyyeefannaan kiyya kisaaraa/kufiitii siyasaa irraan kan kan’e oloola QBO irratti wanneen xiiyyeefatanii fi seenaa qabsoo Oromoo gatii dhoorkuuf waan sararaa adda addaa irratti deemaa jiru taha.

Dhaluu tana hogganni ODF biyya dhaquu fi arihamuu laalchisee media adda addaa irratti dura dhaabbannoo akkasumas faaruu dabalatee waan deemaa jiru hamma dandaye duukaa bu’aa ture. Kana keessaa kisaaraa siyasaa laalchisee faarsuu bira dabree nama tokko akka waaqatti dhiheessuu, akkasumas bu’aalee ilmaan Oromoo dhiigaa fi lafeen fidan/argamsiisan akka namni tokko argamsiisetti dhiheessuun dhiigni wareegamtootaa akka gatii hin qabnetti  dhiheessuu fi dhaaboota QBO dhaaf wareegama ol’aanaa baasan xiqeessuu tu mul’acha jira. Oloola kisaaraa kana bira dabrees yaanni Bilisummaa fi Walabummaa Oromiyaa akka hin hojjannee fi karaan tokkichi jiru Wayyaane kadhachuun Empire Ethiopia democrateessu akka tahetti namoota tokko tokkoon dhihaacha jiraachuu isaa yeroon dhagayu hedduu gaddee qalama kiyya akkaan kaasu na dirqe.

Gaaffii fi Deebisaa wal dhidhiitaa kanneen hogganoota ODF irraa kennamaa jiruus dhageefachuun naaf hammam takka ayyaan laalatummaa fi ilaalcha deemaniin duukaa wal faana hin jirre hubadhe. Kanaafiis kan kaasuu dandayamu tokko, Dubataan ODF galiinsa Hoggana ODF laalchisee jalqaba irratti yeroo  ibsu “Jilli ODF kan Presedent keenyaan gaggeefamu qabsoo biyya galchuuf biyya galee jira, Biyya keessatti duunee ummanni keenya akka nuuf booyu taasifna, booyuu qofa otuu hin tahin seenaa keenya tolfanna fi waan ABOn jalqabe biyya kessaa bakkaan geenya” fi waan kana fakkaataa jedhe.

Odeessi kun akkuma dhagayameen – dhaadannoo fi seena dabsuu yoo keessaa  hanbifne, anumarraa jalqabe karaan Empire Ethiopia Dimokraateessuu kanatti amanuu baatamullee itti baha isaa laaluuf obsaan gurra qarree dhageefachuun keenya hin oolle.  Haatahu malee, akkuma Oromoon irra guddeessi jachaa turteti, oolee osoo hin buliin jilli dhaadatamaafi ture biyyaa arhame (Deported) tahe jachuun dhagayame.

Haalli tahe kn kadhaan Empire kana Dimokraateessu yaanni jiedhu yaada fashlaa akka tahe ifatti mul’ise. Akka isaan jechuuf ykn dhiheessuuf yaalanitti yaanni kun yaada haaraa osoo hin tahini yaada Oromoonni meeqaatam itti ifaajanii fi dhugumatiis karaa amma isaan jedhan kanaan Empire sana democrateesuu fi mirgoota bubuutu argamsiisuuf taasisuuf carraqani, iit gubamani hammeenya ilmaan Abashaa sadrkaa summiin lubbuu ofii itti dhaban gahahuun isaani beekkamaa dha. Amma yaada dulloomee fashale kana akka yaada haaraa namni tokko hirribuma irraa ka’ee “Mul’ata” haaraa arge jachuun QBO yaadaan hiruuf ka’e kuniis waan addaa akka hn taanee beekkmaa dha.

Kan nama dhibu garuu yaada fashalaawaa fi hin hojjanne kana ABO keessaa na gaggeesaniif jachaa waanuma duraanuu yeroo meeqaa karaa meeqaan laalame hin milkaawin akka mul’ata haaraatti dhiheessaa osoo jiru, yaanni kun ni hojjata jedhanii jala kaachaa jiran gariin kanneen diinaaf hojjachaa turanii fi hojjachaa jiran akka tahe osoo beekanu namoonni ummanni ulfina qabuf gariin jala kaachaa jiraachuu isaaniti. Gaaffi fi deebisaa adda addaa irraa akkan hubadhetti gariin isaani faaruu nama tokkoon guuttamani akka waaqatti laalurraan ka’e akka eegamaa waaqatti itti manauun biyyatti nu galcha yaada jedhu akka keessatti uumame garsiisa. Kun kanneen diinaa fi dhimmi adda addaaf hojjatan kan ilaalu osoo hin tahini kanneen akkanumatti ija cufatani/dununfatani jala deeman laala.

Ergan kana jedhe booda kufiitii/kisaaraa siyaasaa irraan kan ka’e dhidhiitatu guddina dubbataan Dhaabichaa (ODF) gaaffii deebisaa radio Australia tokkoof  afaan Amaaraan kenne irratti akka waan biyyatiin ykn Empire suni Democrasi taatetti dhiheessuu isaati. Kuniis waan hedduu nama gaddisiisuu dha. Erga Empire suni Demokraasi taate isin maal democraateesitu kan jedhuus gaaffii dha. Dhugumatti gaaffii fi Deebisaalee Obboo Lencoo lataa fi gaaffii deebisaa Obbo leencooo Baatii waliin tasifamaa jiru yeroon dhageefadhu hammam takka akka garaagarummaan jiruu fi kisaaraa tahe kanaas hammam kisaaraa isaani haguugani bira taruuf tattaafatamaa akka jiramu arguun  hedduu salphaadha.

Ummanni Oromoo gabrummaan nu gahe jedhee karaa adda addaan diinaan yeroo falmaa jiru keessatti, biyyonni angaawoo tahan fi dhaaboonni mirga dhala namaaf falman illeen akka mootummaan suni democraasi waan jedhamu hin beeynee akkasuma farra ummataa akka tahe ifaan ifatti dubbachaa fi gargaarsa  irraa dhaabaa jiran kana keessati isaan biyyiti democracy dha jachuun qilleensa irra akka jiran nama garsiisa. Kana malees yeroo Qeerroon qalamaa fi daftaraan golee Oromiyaa hunda keessatti falmaa finiinsaa, ajjeefamaa, hidhamaa fi biyyaa arhamaa jiran kana keessatti Ethiopian Democrasi dha jachuun akka jarri kun haala qabatamaa biyyatii keessa jiru irraa fagoo tahan garsiisa.

Hundee yaada isaanii ammaf barruu tana keessatti cuunfanii dhiheessuuf yeroo hedduu waan barbaachisuuf barreefama biroof dhiifnee, ammaaf kisaaraa siyaasaa kana golguuf oloola deemaa jiru haa ilaallu. As irratti qabxiin tuquu barbaadu keessaa inni tokko Radio web irratti gadi dhiifamaa jiru kan RBO jedhamu – maqaa Sagalee Bilisummaa Oromoo dhaan wal fakkeessani afanfaajjii uumuuf yaala tokko irratti jachuun RSO/ODF irratti gaaffii fi deebisa Mata Duree “ADO biyya seenee deebi’u” jedhu Dr. jemal Mohamed (Fatansaa) fi Obbo Abiyoot Kebedaa waliin godhan irratti hundaawaa. Kana tuquun ykn yaada irratti kennachuun kan na dirqe gaaffii fi deebisaan kun toora nama tokko irratti dhaadheessaa fi qabsoo Oromoo gadi qabuu irratti kan hundaawee waan taheef akka tahe dursee hubachiisuu barbaada.

Jalqabuma irratti Obbo Jamal (Fatansaa) jilli ADO biyya galee deebi’uun seenaa keessatti isa duraa tahuu qofa soo hin tahiin ittin boona jedhee. Gama kiyyaan Gantooninnii fi ayyaan laallatuun biyya galuun amma waan hin jalqabaminiif  akka sana dura hin tahinitti dhiheessuun dogoogra seenaa tahuu jala harriiquu barbaada, Kanneen harka kennanii fi yaaduma fakkaataa qaban kan mana hidhatti guuramanii fi ajeefaman akaasumas akkuma jila inni ittiin dhaadatu kanatti deported ykn arihaman hedduu tahuu isaa wallaaluun nama Obbo jemaal beekuuf hubatamaa dha. Kan biraa hafee seenaa duuba deebinee yoo ilaalle Obbo Lencoo Lataanu tanaan dura biyya dhaqee arihamuun isaa tuquun numa gaha.

Obbo jemaal gaafa 1991 gara dhumaa keessatti nama gara Waraana bahaa dhufee ture tahuu namoonni achi turre ni beeyna. Kun hedduu na butee akkan galmee seenaa keessaa of duuba deebi’ee laalu na godhe jachoota inni itti dhimmi bahee kan akka “yeroo charteraa sana ABOn rakkataa hedduu fuudhe, ijoollee abbaan hin guddisin, haati hin guddisin fi Joolleen Gammoojjii osoo dheeysitu duubaan dhawamaa turan, Kanneen lola wallaalo dha” kan jedhu ture. Obbo Jamaal namoota yeroo sanitti harka nubiraa kennate tahuu isaa waanan beekuuf kana jachuun isaa ofiis dabalatee akka tahetti laaluun hedduu itti hin cinqamne. Kan hedduu na gaddisiise garuu, gaafuma dirree bahatti nutti dhufe sanuu J. Nadhiin waan isaan jedhe yaadadhee waraabeessi biyya isa hin beeyne dhaqee goggaa ykn itillee naaf afaa jedhe isa jedhamu sana yaadashe, gaaffii fi deebisaa isaa kana dhagayu kiyyaaf nan gammade.

Waan gaafas yeroo inni nuti dabalamu sana isa laalee ykn kashlabummaa isa fi nama qabsoo tanaaf hin tolle tahuu isaa argee J. Nadhiin waan isaan jedhae as irrattti jachuu hin barbaadu – inninuu waan beekuuf bira tara. Garuu hammam takka qabsaawoonni akka waa hubatan garsiisuuf ni taha. Joolleen ati akka kashlabetti waamu kun dhiiga isaani gadi naquu, lafee isaani QBO dhaaf cacabsuu malee rakkoon isaan ABO irratti uuman hin turre. Joolleen gammoojjii kan siihu gaafa rakkatte itti dhuftee beekaa keenyatu nuuf dhufe jattee si tajaajilaa turee fi goota gootootaa ti. Joolleen Gammoojjii kashlabbummaa akka keeti kan hin qabne, kan rakkattee ABO ti galte osoo hin tahini dhugumatti itti amantee, kan geerraraa loltee Wayyaannee ficaan fixachiiftee akkasumas dhiigaa fi lafee isaaniin Oromiyaa arra ati himattu tana fidde. Tarii kanneen Paltalk irraa sifaarsa warra akka nama osoo dheeysuu qaraan dirte warra akka nama abbaa oromiyaa ofiin jedhu faa yoo kna jattuu fi isaaniin kanneen lubbuu kennan wal madaachiftu tahe dogoggora qofa osoo hin tahin dabsa seenaati.

Yeroo ati rasaasa dhukkaafamurraa bakka seentu dhabdee hoollatu kan diina irraa si itisaa turete tahuu ni iraanfattee? Kanneen lolan wallaaloo dha, kan jattu ammo dhugumati hammam takka akka ofiifuu wallaala taate garsiisa malee beeytoonni meeqatam akka QBO dhaaf lubbuu isaani kennan oromoon tolchitee waan beeytuuf bira kuta – waan akkanaa kanaaf deebisaa kenuun wallaalummaa keetiif gatii kennuu taha jedheen amana.

Kanumaan walitti qabsiisee yeroo sanitti irra hedduun mooratti galfamani rakkoolee adda addaa arguu bira taree lola irratti qabamani mana hidhatti kanneen guurraman akka ture seenaan ni yaadata. Asirratti warra mana hidhaa Huursoo keessa waan tureef waa jachuun barbaada. Gaafa Obbo Jamaal harka kennatee achitti dhufee oolee osoo hin buliin Wayyaanee waliin akka basaasatti nama hojjachuu jalqabee tahuu qofa otuu hin tahini sadarkaa jarri kun warra rakate waraanatti dabalame fi hatootaa matrayas yoo naaf kennitan anuu nan fixa jachuu jalqabe.

Kana irrattis akkuma waan kana dhageenyeen lafarra ganagalchinee wayyaaneen harka keenya irraa baafte – kana beeytaa miti obbo Jamaal? Faradduu tahuu keetirraan kan ka’e akka fincaan sirratti gadi naqaa turre numa beeytaamiti? Ogumaa keetiin waraana tajaajiluu irratillee ramadamtee joollee madooftee dhuftee sababaaa ati hin sobdan jatteef achittuu waan sirra gahuuf ka’e ni beeytaa miti? Arra isaaniin joollee abbaan hin guddifne fi haati hin guddifne jachuun kee sitti hin dhagayamu? Jarri ati arrabsaa jirtu kun warra dhiiga iaani gadi naquu qofa otuu hin tahini lubbuu deebi’I hin qabne QBO dhaaf kennan tahuu seenaan ni yaadata – ammas jaalatuu jibbituu itti jiru. Kanuma irra deebite paltalk irratti amantiis dabalatee wanni jachaa turte hedduu nama gaddisiisa. Sumaahuu akka hogganatti achirratti afeerani, akka ati wallaalummaa, tuffii fi seenaa hin beeyne dabsitu carraa siif eknnuunu akka dhaaba keessattiti hammam takka akka yaanni kee kun calaqifamaa jiru waan garsiisuuf jacha gama kiyyaan akka salphinatti laala.

Itti fufa

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qabeenya Oromoo Dinquu moo Alamuddiintu saamaa jira?

Aalamuddiin warqii Gujii, Shaakkisoo baasee akka fedhetti osoo gurguratuu ; ummata naannoo sanii gargaaruu mitii, …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *