Oduu Haaraya

KIBBAA OROMIYAATI HIRIIRA NAGEEYA CIMAATU GAFAA 5/6/2010 IRRAA KAASE AKKA GAGGEFAMUF QOPHII IRRAA JIRAACHUU QEERRON BEKSISE!!

====================================
Irraa Deedeebine dhimmaa komii Ummaataa Godina Gujii fi Boraana Gafachaa turus Motummaan naannoo Oromiyaa nu dhaggeeffachuu hin dandeenne waan ta’eef Hiriraa Nageeya Guddaaf qinda’aa ta’ee bahuuf dirqaamnera jedhuu jiraattootni Godina Boraana fi Gujii .
========================
Dhadaannoo qabaatani bahuuf qopha’aa jiraani kessaa:
1. Ardaale akkaa Odaa Dimaa, Allooyyee fi Waalenso lafaa Albuudan baadhete tatee hangaa hardhaa gutumaa guututii harkaa Sumaale jalaa jirtuu hattaataman nuf gaadi haa dhisaani!
2. Haroomsa Hangaa hardhaa OPDOn Faarsaa jirtuu Nannoo jiddugalaa Oromiyaa malee hangaa hardhaati fooleenu nu biraa gennee waan ta’eef dafee motummaan nannoo Oromiyaa Caasaa isaa nuf sirreessu qaba!
3. Shira hoomaan waraana Wayyaane Nagellee jiruu Lafaa teennaa harkaa lafaa jalaatin Sumaalef kennaa jiruu hataattaaman nurraa Dhabachuu qaba!
4. Hidhaantotni Siyaasa Oromoo kaneeni akka Baqalaa Garbaa, Addisu Bulaallaa faa hataattamaan nuf hiikamu qaban!
5. Bulchaan Godina Gujii Bahaa Humnaaf dandeettii nu ittiin bulchuu waan hin qabneef nurraa ka’uu qaba!
6. Loogi Bulchaan Godina Addaan nu qoduun nurraatti rawwataa jiru nurraa haa dhaabatu!
7. Lafi Albuudaa Lagaa Dambii, Sakkaroo kan harkaa Alaamuddin jiruu harkaa fudhamee ummaataaf deebi’u qaba! fi kkk. qabatanii Gutuu Aanaale Godina Gujii fi Boraana kessaatti akka bahamuu Qeerroon Naannichaa Qophii irraa jiraachu Ibseera

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …